Miidiyaan Ummataaf Hojjadha Jedhu Ajandaa Qumaara Siyaasaa Isa Hin Ilaallanne Keessa Seenuun Burjaajii Uummuu Irraa Dhaabbachuu Qaba!

Miidiyaan Ummataaf Hojjadha Jedhu Ajandaa Qumaara Siyaasaa Isa Hin Ilaallanne Keessa Seenuun Burjaajii Uummuu Irraa Dhaabbachuu Qaba!

Miidiyaan Ummataaf Hojjadha Jedhu Ajandaa Qumaara Siyaasaa Isa Hin Ilaallanne Keessa Seenuun Burjaajii Uummuu Irraa Dhaabbachuu Qaba!

Miidiyaan Ummataaf Hojjadha Jedhu Ajandaa Qumaara Siyaasaa Isa Hin Ilaallanne Keessa Seenuun Burjaajii Uummuu Irraa Dhaabbachuu Qaba!

Akeekni guddaan miidiyaan ummataa tokko dhaabbatuuf dhugaa ummataa ifa baasuu fi waan dogoggorame saaxiluun riqicha tahee tajaajiluu dha. Dhaabbanni miidiyaa tokko madda qabatamaa argachuun ragaalee argateeen ala lafumaa ka’ee olola afan fajjii ummata keessa gadi dhiisuun odeeffannoo dogoggoraa facaasuun yakka; seeraan gaafachiisa.

Taatee dogoggoraa miidiyaan ummataa ummataaf hojjenna ofiin jedhan, miidiyaan BBC News Afaan Oromoo fi Addis Standard tibbana fuula marsaa isaanii irratti baasaniin, dhaaba siyaasaa seeraan galmaahee hojii siyaasaa hojjataa jiru Adda Bilisumma Oromoo (ABO), akka biraatti dhiheessuun seenaa duubbee isaa kaayuu fi Ibsa dhaabaa qaama biraatti fakkeessuun dhiheessan.

Akka kanaan, Ibsa dhimma hidhamtoota isaa irratti Addi Bilisummaa Oromoo “Hidhamtoota Siyaasaa Irratti Gochaa Hammeenyaa Dhala Namaaf Hin malle Raawwachuu fi Dhaabbataalee Seera Qabeessa Ta’an Xureesuun Mallattoo Mootummaan Abbaa Irree Ittiin Beekkamuu dha.” jechuun gaafa Ebla 21, 2023 baase  torbanootaan booda, Addis standard gaafa Caamsaa 11, 2023 Ibsicha qaama biraa maddeeffachuun akkuma jirutti kaaye; bifuma fakkatuun BBC News Afaan Oromoos qaama biraatti fakkeessuun Seenaa duubbee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gaafa Caamsaa 10, 2023 baase.

Kan nama dhibu miidiyaaleen kunniin dogoggora raawwatanii fi seenaa jal’isuu ABO ilaalchisanii dhiheessan irratti illee dogoggora godhaniif dhiifama gaafachuu hanqachuu dha. Addis Standard burjaajjii raawwate sa’aa dheeraa booda Caamsaa 11,2023 kaleessa galgala sirreessuun gaarii ta’us, dogoggora dogoggoramuu hin malle raawwateef garuu dhiifama hin gaafanne. Kun matumti isaatuu dogoggora dabalataa ti.

BBC News Afaan Oromoo fi Addis Standard gabaasaalee madaalawoo kan ummata keenyaaf dhiheessaa turanii fi jiran ta’uun kan hin haalamne ta’ullee, Adda Bilisummaa Oromoo ilaalchisuun gabaasni tibbana dhiheessan garuu dogoggorootaan kan guutaman, seenaa dhaabichaa jal’isuu fi waliin dhahuun kan guutaman ta’uutti hubatama. Maqaa jaarmaa beekamaa fi umrii bara dheeraa qabu akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhahatee gabaasni dhihaatu qaama gulaalaa sagantaan osoo hin ilaalamin darba kan jennu amantaa hin qabnu. Kana irraa ka’uun itti yaadamee ykn gaafatamummaan ala kan raawwatamee dha jechuutu danda’ama. Kanaaf miidiyaaleen kamuu Adda Bilisummaa Oromoo ilaalchisee odeessi ummataan gahan deemsa isaa kan eeggate, seenaa dhaabichaa fi Seenaa qabsoo ummataa osoo hin dabsinee fi hin faallessin ykn waliin hin dhahin dhiheessuutu irraa eegama. Isa kanaaf ammoo abbaa dhimmaa dhaabicha irraa odeessa argachuutu danda’ama. 

Waan taheef, miidiiya ummataa ti miidiyaaleen ofiin jedhan hojii jallinaa fi qaanfachiisaa hojjachuun olola afan fajii ummata keessatti uumuun madda burjaajii ta’uu irraa of sirreessuu qabu jenna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO