Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala ho’aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala ho’aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Edmenten, Kanadaatti Yaadatamee oole

Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala ho’aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Gootota Oromoo waggoota kurnan afur dura jaarmiyaa ABO dhaan ayyana guddaa yaadatamee oolu ta’ee erga murtaa’ee kaasee haala garagaraan kabajamaa yoona ga’eera.

Keessattuu baroota 1980taa kaasee hanga jalqaba 1990tti WBO, Miseensota ABO fi deggertootaan kan kabajamaa turee dha. Haa ta’u malee bara 1990 walakkeessa irraa kaasee ummatni Oromoo guyyaa yaadannoo kana akka ayyaana ummata Oromoo bal’aatti fudhatuun kabajaa jira. Bara kanas Jaarmiyaan ABO biyya alaa deggertootaa fi hawaasa Oromoo waliin konyaa konyaan kabajataa jira.

Bu’uuruma kanaan Konyaan Gadaa Bilisummaa Oromoo ayyana kana hawaasa Oromoo magaalaa Edmenten jiru waliin Caamsaa 13 bara 2023 kabajatee jira. Guyyaa yaadannoo Gootota Oromoo kana irrattis qondaaloonni ABO, geggeessitoonni waldaa hawaasaa, abbootiin amantaa fi qaamotni garagaraa hawaasa Oromoo ta’an argamuun qooda fudhatanii jiru.

Guyyaa kana keessummaa kabajaa ta’uun kan haala guyyaa kanaa hawaasa argameef ibsa kennan Jaal Shaamil Aliyyii Miseensa Gumii Sabaa ABO fi Qabsaa’aa gameessa qondaala ABO kan ta’an Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa turan.

Kessummoonni kabajaa kunis guyyaa goototaa kana yaadachuun waan barbaachiseef kaayyoo gootonni Oromoo irratti wareegaman galmaan ga’uuf yeroo haalli waan nu gaafatu itti gumaachinu ta’uu dhaaman. Keessattuu yeroo ammaa haala qabatamaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiru, haala qaxxaamuraa kana irratti irbuu goototaa yadatuun murteessaa dha jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n akeeka siyaasaa gaaffii Oromoo deebisu qabatee qabsoo geggeessaa har’a ga’e keessatti wareegama hedduu kaffalee jira; wareegamni kaffalame kunis firii isaa akka agarsiisuuf hunduu ga’ee nu irraa eegamu ba’achuu akka qabnus eeraniiru.

Guyyaa kana kan argaman qaamota hawaasaa keessaa tokko kan ta’e waldaan hawaasa Oromoo guddichi Gamtaan Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaas karaa bakka bu’aa isaa Jaal Darajjee Galataatiin dhaamsa dabarfataniiru. Jaal Darajjeen konyaa qophii kana qopheesse galateeffachuun guyyaan kun (Ebla 15) guyyaa akka Oromootti kabajuu qabnu ta’uu heeruun akka Oromootti wareegama kaffalame galmaan ga’uuf ijaarsa waldaa hawaasaa fi jaarmiyaalee waltumsuu akka qabu ibsuun guyyaa kana gara fuula duraatti konyaa ABO fi hawaasni waloon bifa qindaa’aa ta’een akka qopheessan hubachiisuun dhaamsa waldaa hawaasaa dabarfatan.

Yaadannoo Guyyaa Goototaa kana irratti kan argaman qaamooleen hawaasaa haala yeroo irratti yaadaa fi gaaffii dhiheeffatuun qooda fudhataniiru. Yaada ijaaraa hawaasa irraa ka’aa ture keessatti, keessaayyuu hogganootaa fi qondaalota Adda Bilisummaa Oromoo mana hidhaa jiran haal-duree malee akka hiikaman dhiibbaan godhamaa jiru xiqqaa waan ta’eef, cimuu akka qabu gaafatuun, araara deemaa jiru keessattis akka haal-dureetti ka’uu akka qabu yaada kennataniiru.

Gama biraan hirmaatnaa hawaasaa fi sochii jaarmiyaa ABO sadarkaa konyaatti jiru ilaalchisee gaaffii kaa’aniif qondaalotni kutaa deebii ga’aa kennaniiru. Hirmaattotnis ABOn akka jaarmiyaa utubaa qabsoo Oromootti hojii mul’ataa godhaa jiru cimsee akka itti fufu dhaammachuun yaada kennataa turan.

Haawwan guyyaa kana sirna kana irraa qooda fudhatan keessaa haati warraa Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa, goota lubbuun jiru keessaa tokko abbaa manaa koo dha; waan keessa darbe qajeelcheen beeka jechuun kennaa suuraa Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa, hogganoota ABO mana hidhaa jiranii fi Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa haftee qabsaawotaa qabu badhaastee jirti. Jaal Araarsoo Abbaa Humnaas kennaa kana konyaaf dabarsanii kennuun konyaan Gadaa Bilisummaa Oromoos caal-baasiitti dhiyeessuun galiin irraa argame akka jaarmiyaadhaaf oolu taasisan. Caal-baasi kanas suuraa seena-qabeessa kana namaaf dabarsinee hin kenninu jechuun Waldaan Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa qarshii $ 2000.00n mo’achuun fudhatan.

Bakka bu’aa Waldaa Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa ta’uun kan caal-baasii kana dura ta’aa Konyaa Gadaa Bilisummaa irraa fudhatan dura taa’aan Boordii Waldaa Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa Obbo Zaakir Abbaa Maccaa haasaa taasisaniin, guyyaan kun kaleessa gootonni Oromoo wareegama kaffaluun akka har’a geenyu kan itti taasisan, tokkummaa isaanii eeggachuun akka ta’e hubachiisuun, Oromoon tokkummaa isaa cimsatee haala amma jiru keessaa ba’uu qaba jedhan. Miseensonni qophii kana qopheessanis galateeffamuu qabu jechuun waan Oromoon dhabe walumaan akka Oromootti falmachuu nu feesisas jedhan. Keessattuu dhimmi hidhamtoota hogganoota/qondaalota Oromoo kun guddoo yaaddessaa dha; Oromoon xiyyeeffannoo itti kennuun dhiibbaa barbaachisu gochuutu irraa eegama jedhanii dhaamsa dhama qabu dabarfatan.

Haawwan Oromoo magaalaa Edmentenitti argaman nyaatni aadaa qopheessan caal-baasiitti dhiyaatuun galiin irraa argames akka jaarmiyaadhaaf oolu dhaammataniiru.

Dhuma irratti dura taa’aa Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo kan ta’an Jaal Abdiisaa Jafee hawaasa sagantaa kana irraa qooda fudhatan galateeffachuun Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo kun goolabameera.

Gabaasaa suur-sagalee guutuu ammoo qophii addaa fuula duratti dhiheessinuun kan qabannee dhihaatnu ta’uu beeksisna.

Kan gabaase Raajii Guddataa, Edmenteen irraa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO