Sulultaa, Caancootti Waaqeffattootni jumlaan hidhaman
Waaqeffattootni Sulultaa, Caancootti jumlaan hidhaman.
Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddugala Giddugaleessaa Konyaa Sulultaa Galma Waaqeffannaa Tulluu Buubaa magaalaa Caancootti argamutti Caamsaa 15, 2023 halkan sa’aa 3:00tti qaamni nageenyaa seenuun Waaqeffattoota sagantaa Waaqeffannaa irraa turan keessaa namoota 17 hidhan. Kana malees qabeenya Galmaa sanadootaa fi Galmeewwaan dabalatee qabeenya adda addaa akka fudhatan ibsameera.
- Jabeessaa Badhaasaa – Geggeessaa kutaa Odiitii fi To’atnoo Galmichaa
- Tasfaayee Kabbadaa – Barreessaa kutaa Barnootaa Galmaa
- Kaasuu Baqqalaa – Abbaa Herregaa
- Abarraa Asaffaa – Geggeessaa Faayinaansii
- Bilisummaa Geetaachoo – I/A Barreessaa Galmaa
- Masfin Addunyaa – Miseensa
- Addeessaa Axinaafuu – Miseensa
- Darajjee Margaa – Miseensa
- Asheetee Hinsarmuu – Miseesa
- Galaanaa Kabbadaa – Miseensa
- Dassuu Olaanaa – Miseensa
- Guutaa Kabbee – Miseensa
- Wabii Fullaasaa – Miseensa
- Feeneet Fullaasaa – Miseensa
- Waanofii Fullaasaa – Miseensa
- Gammachuu Axinaafuu – Miseensa
- Balaachoo Fullaasaa – Miseensa kan jedhaman Waaqeffattoota guyyaa kana badii tokko malee sirna waaqeffannaa irraa qabamanii hidhaman ta’uu oduun arganne ifa godha.
Kana malees barjaan akeektuu fi agarsiiftuu Galmaa caccabsamee gatamuun hubatameera.
Walumaagalatti walqixxummaan amantiilee heeraan lammiileef raggaasifame Waaqeffannafis akka kabajamu hawaasni gaafataa jiraachuu oduun arganne ni hubachiisa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *