Ayyaana Waggaa 35ffaa Tamsaasa Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) – Waxabajjii 17, 2023

Ayyaana Waggaa 35ffaa Tamsaasa Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) – Waxabajjii 17, 2023

Sirna kabajaa Guyyaa Hundeessama SBO Waggaa 35ffaa

Ayyaana Waggaa 35ffaa Tamsaasa Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) – Waxabajjii 17, 2023

Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 35ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 17, bara 2023 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 35ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bar-dhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana meediyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.

Ayyaana Waggaa 35ffaa, guyyaa hundeeffama SBO kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 35 dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni Bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.

Ayyaanichi kan geggaffamu karaa sararaa ZOOM ta´a, linkii isin beeksisna. Nu qunnamuuf:

E-mail: sbo.radio88@gmail.com

Injifannoo Ummata Oromoof! Koree SBO Idil Addunyaa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO