OCHAn ibsa Caamsaa 25, 2023 kaleessa baaseen, rakkoo nageenyaa bara 2020 eegalee tureen walqabatee gaagaโamni namoomaa Lixa Oromiyaa keessumaa godinoota Bahaa fi Lixa Wallaggaatti hammaataa dhufuu hubachiise.
Lixa Oromiyaatti jiraattonni 800,000 taโan gaagaโama namoomaatiif saaxilamanuu OCHAn gabaase.
Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti uumameen walqabatee lammiileen 800,000 taโan gaagaโama namoomaa hammaachaa jiruun miidhamaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA)n gabaaseera.
OCHAn ibsa Caamsaa 25, 2023 kaleessa baaseen, rakkoo nageenyaa bara 2020 eegalee tureen walqabatee gaagaโamni namoomaa Lixa Oromiyaa keessumaa godinoota Bahaa fi Lixa Wallaggaatti hammaataa dhufuu hubachiise.
Dubartoonnii fi daaโimman qeโee isaanii irraa buqqaโan gaagaโama namoomaa, kan akka maatii irraa gargar bahuu, miidhaa koornayaa, miidhaa qaamaa fi maloota rakkoo dandamachuu miidhaa qaban garagaraatiif akka saaxilaman jaarmaan Tokkummaa Mootummootaa kun hubachiiseera.
Gama biraan rooba waqtiisaa hin eeggatin roobeen walqabatee balaan lolaa heektaara 35,000 irratti mudateen naannoolee Oromiyaa, Somaalii, Sabaa fi sab-lammootaa fi ummatoota Kibbaa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Affaar keessattti badii fi buqqaatii qaqqabsiiseera jedha. Roobnii fi lolaan mudate kun weerara dhibee Kooleeraa mudatee ture kan hammeessu taโuu gabaasichi eereera.
Erga Hagayya 2022 weerarichi mulโatee hamma Caamsaa 15, 2023tti Onoota naannolee Koleeraan itti mulโate keessaa 55 keessatti namoonni 7,400 ol taโan dhibichaan qabaman keessaa 116 duโuu ifoomseera. Buufataaleen fayyaa cufamuun yookiin barbadaaโuun walqabatees namoonni dhukkubaan qabamuu fi duuti dabaluus addeesse OCHAn.
Gaanfa Afrikaatti lammiileen miliyoona 32 taโan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa jiraatan jijjiirama qilleensaatiin hubaman gargaarsa kan barbaadan taโuu gabaasichi yaadachiiseera.
Kanaan alatti lammiileen haleellaa Onoota Giddaa Ayyaaanaa fi Kiiramuu kessatti uumame dheessuun gara magaala Giddaatti baqatan 30,000 ol taโan hanqina nyaataa fi tajaajila fayyaa hamtuu keessa jiraachuus Addis Standard dabalatee maddeen adda addaa gabaasaa turuun kan yaadatamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *