Hidhaa, mana gubuu fi saamichi ummata irratti hammaateera
Kibba-baha Oromiyaatti hidhaa fi yakki ummata nagaa irratti raawwatamu hammaatee jira.
Kibba-baha Oromiyaatti namootni nagaan jimlaan mana hidhaatti guuramaa jiran; manneen hidhaa guutuu irraa hidhamtootni halkan halkan dabaree walraffisaa akka jiranis hubatameera. Manneen ummataa fi qabeenyis hidhattoota mootummaan barbadaawaa jira.
Miseensotnii fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), akkasumas ummatni nagaan Kibba-baha Oromiyaa, Godinoota Arsii fi Arsii Lixaatti badii tokko malee jumlaan hidhamaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru. Onoota Arsii Lixaa kan akka Adaabbaa, Dodolaa, Shaashamannee, Arsii Nageellee, Heeban Arsii fi kkf, akkasumas Onoota Arsii kan akka Muneessaa, Digaluuf xiijjoo, Xiyyoo, Asallaa, Zuwaayi Dugdaa, Heexosaa, Doddotaa, Martii, Roobee Arsii, Baalee Gaasaraatti hidhaa fi reebichi akkasumas manneen ummataa gubuun kan yeroo kamii caalaatti hammaatuu maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Caasaaleen bulchiinsaa godinaa hanga gandaatti jiran, kaadiree fi kaabineen waraana mootummaa Bilxiginnaan walta’uudhaan duula hidhaa fi manneen ummataa gubuutti akka fuulleffatan kan gabaasan maddeen keenya, tarkaanfii farrummaa kana ummata nagaa irratti kan fudhataa jiraniifis Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deggertu kan jedhuun akka ta’e ibsu.
- Obbo Addunnee Gabruu – Adaabbaa
- Obbo Sulee Waariyoo – Adaabbaa
- Obbo Mahammad – Adaabbaa
- Obbo Siraaj Mahammad – Shaashamannee
- Obbo Kuubaa Nagaashuu – Asallaa
- Obbo Goobee Aliyyii – Asallaa kanneen hidhamanii jiran keessatti argaman. Kana malees,
- Jibriil Amaan Mantuu
- Muktaar Amaan Mantuu
- Kurfaa Gannaa
- Kadir Muhaammad
- Aruus Muhaammad
- Abdii Jamaal
- Abbaayee Jamaalii fi
- Kaliil Kamaal kan jedhaman Ona Zuwaay Dugdaa irraa kanneen hidhamanii jiran keessatti argamu jechuun maddeen keenya ifa godhu.
Haalli mana hidhaa keessaa ulfaataa fi kutaa dhiphaa tokko keessatti hidhamtootni heddummaatanii hidhamuu irraa dabaree walraffisaa akka jiran maddeen keenya ifa godhu. Kanaan alas hidhamtoota keessaa garii isaanii maatiin walagarsiisuu akka dhorkan dhaga’ameera.
Gama biraan Godina Arsii Ona Heexosaa gandoota akka Jaawwii fi Sibuu bobaa gaara Cilaaloo jalatti argaman waraanni mootummaa Bilxiginnaa, poolisootnii fi miliishotni ummata qe’ee isaatti weeraruun garii isaanii qabanii yoo hidhan, manneen 15 ol ibiddaan gubaniiru. Hoolota, re’eelee fi sangoota ummataa saamuun qalatanii akka nyaatan gabaasameera.
Gochi walfakkaataan Giddu galeessa, Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti ummata nagaa irratti raawwatamaa jiraachuun bal’inaan gabaasamaa jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *