Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโ€™an dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.

Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโ€™an dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.

Baqattootni Oromoo Sudaan jiran haala hamaa keessa jirn

Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโ€™an dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.

Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโ€™an dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.

Jiruu fi jireenyi dhalli namaa Khartoum keessa ittiin jiraatu sababa lola magaalattii keessatti deemaa jiruu irraa kan kaโ€™e guutuutti dhaabbatee jira. Lammiileen biyya alaa hireen baโ€™uu isaaniif aanjawee fi dinagdee ittiin sossohan qaban kumaantamaan biyyattii gadhiisanii baโ€™aniiru. Ummatni biyyattii lakkoobsa guddaa taโ€™es biyyoota adda addaatti baqatuu itti fufeera.

Baqattootni Oromoo biyyattii keessa jiran, addatti magaalaa Khaartum keessa jiran haalli hundi itti cufamee, gargaarsa tokko malee, lola kana gidduutti qabamanii jiran. Kanneen gara biyyaa deebiโ€™uuf yaalanis karaatti hubaatiin garagaraa irra gahuun himamaa jira. Akkasuu taโ€™ee baayโ€™een gara biyyaa kan deebiโ€™anis jiraachuun dhagaโ€™ameera.

Amma warri dahannaa siyaasaa jala jiran, gara biyyaa deebiโ€™uuf sirna impaayerattii bitaa jiru irraa yaaddoo qaban, kanneen maatii qaban waggoota 25f waraqaa UN baatanii jiran, haala lolaa biyyattiin keessa seentee jirtu irraa akkaan rakkoo hamaaf saaxilamaniiru. Amma dhaabbattootni idil addunyaa sadarkaa cufti baโ€™aniiru jedhamuttu guurratanii waan baโ€™aniif qaamni itti iyyatan hin jiru; haalli isaas hin hayyamu. Kanaaf ilmaan Oromoo kunniin furmaata tokko illee dhabanii yaaddoo hamaa keessatti kufanii argamu.

Ilmaan Oromoo biyya Sudaan, addatti Khartumitti argaman kunniin hawaasni Oromoo biyyoota ambaatti argaman sagalee nuuf taโ€™aa; malaa fi fala dhawaa nu dhaqqabaa jechuun sagalee iyyannaa kan nutti birmadhaa dabarsatanii jiran.

Lolli Sudaan keessaa ammaaf guyyoota torbaaf dhaabbate haa jedhamu malee, walwaraanuun amma illee itti fufeera kan jedhan maddeen, lola irra jabaaf gareen lamaanuu meeshaalee waraanaa gugurdaa walitti qopheeffataa jiru jedhaniiru. Lolichi eessattii fi yoom akka dhaabbatu beekuun rakkisaa taโ€™uus maddeen hubachiisaa jiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO