KFOn golgaa Heera mootummaa wayyeessuu jedhuun sirna durii deebisuuf sochii godhamu cimsee morme
Fooyyaโinsa Heera Mootummaa FDRI Irratti Qorannaa Dhaabbatni Qo’annaa Imaammataa Itiyoophiyaa Taasise Jedhe Ilaalchisee Ibsa Ejjannoo Koongireesii Feedaraalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname
“Maqaa Fooyyaโiinsa Heera Mootummaatiin
Bu’uurri Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa fi Biyyattiin Gara Diigamuutti Deemaa Jirti”
Dhaabbatni Qoโataa Immaammataa Itiyoophiyaa jedhamu keeyyattootaafi yaadota utubaa Heera Mootummaa Feedaraalaa Diimookiraatawaa Reeppapilika Itiyoophiyaa (FDRI) taโan keessaa ofiif filachuun seensasaafi Asxaa dabalatee โAfaan Hojii MFDRI (Keeyyata 5), Aaangoo Birmaduummaa Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itopiyaa (Keeyyata , Ijaarama (Keeyata 31), Mirga Ofiin of Bulchuu (Keeyyata 39), Hundeeffama Naannolee (Keeyata 46), Magaalaa Finfinnee (Keeyata 49) fi Seerummaa Paartilee siyaasaa sabummaarratti hundeeffamanii ilaalchisee fooyyaโuu akka qaban qorannaadhaan irra gaheera.โ jedhee ibsee jira. Koongireesiin Feedaraalawaa Oromoo (KFO)nis dhimma kana xiyyeefannoo addaatiin hordofuun rakkoowwan maaludaa (methodology), yeroomaa, aangoo qaama qoโannoo gaggeesseefi balaa buโaan dogongoraa qoโannoon kuni fiduu dandaโu balโinaan gamaaggamee jira. Dhaabni keenya yaada hayyoonni seeraa, siyaasaa, seenaa fi kkf dhimicharratti qabaniifi miiraa fi faayidaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattoota biyya keenyaa erga madaalee booda qoโannoon kun fudhatama akka hinqabne ejjanoo qabaachuun yaada furmaataa jedhee amanu waliin akka armaan gadiitti kaaโee jira.
Qabxiilee Qorannichaa fi Buโaasaa Fudhatama Dhabsiisan Keessaa:
1/KFOn maaludaa (methodology) qorannoo dhaabbatni kun itti fayyadame dogoggora guddaa qabaa jedha. Jalqabarraa uffisniifi bakka buโummaan saamuda qorannoon kun itti fudhatame kan hanqina guddaa qabuufi buโaa qoranicharra argamu shakkii keessa kan galchudha. Kunis, rakkoo namoota miiliyoona 120 hiikuuf saamuda 1,123 qofa fudhachuun isaa namoota 106,857 keessaa deebisaan nama 1(tokko)qofa akka taโe yoo hubatamu, dhibbeentaan yoo ilaalamu deebsitootni (respondents) 0.0001% taโuunsaa amanamummaan buโaa qorannichaa duwwaa ykn zeerootti hiiqee waan argameefi.
2/Gamaaggama gadifageenya sanada qoโannoo kana irratti gaggeesineen, ilaachi keeyyattoota Heera Mootummaa fooyyaโuu qaban jedhaman irratti maqaa qoโannootiin calaqqisiifame kuni buโaawwan qoโannoo bilisaafi saayinsaawaan argaman osoo hintaane, haataโu jedhamee buโaa ofii barbaadan akkataa burqisiisuu dandaโuun kan bocame taโusaa hubatameera. Keessumattuu, akkaataa dhaabbanni kun keeyyatoota Heera Mootummaa fooyyaโuu qaban jedhee dursee filate; akkaataa gaaaffileen qoโannoof dhiyaatan itti bocamaniifi akkaataa saamuda itti funaannate yoo ilaallu; dhaabbatni kun dhaabbata bilisaa qoโataa imaammataa osoo hin taane dhaaba siyaasaa yaada gar-tokkee ofii hordofu buโaa qorannootiin mirkaneesuuf tattaafatu fakkaachuusaa hubanneerra. Heera mootummaa keeyyata 106 qabu keessaa keeyyattootni sirna federaalizimii sab-daneessaaf buโuura taโan qofa filatamanii maaliif addatti qorataman kan jedhuuf deebii quubsaa hinkennu. Biyya ummanni %86 jiraataa baadiyyaa taโe keessatti deebistootni qoโannichaa %79 jiraattoota magaalotaarraa taโuusaanii; magaalonni saamudni irraa funssname kan guutuu biyyaa bakka hinbuune taโuunsaanii kanuma mirkaneessa. Kanaafuu qoโannaan kun rakkoo hiikuuf osoo hintaane walitti buโinsa babalโisuuf, tarree hawwii garee tokkoo calaqqisiisuuf sanada siyaasaa qophaaโedha waan taโeef, KFOn qo’annichaa fi buโaasaa hinfudhatu; yaada furmaataa qo’annoo kanarratti hirkatee Heera Mootummaa fooyyessuuf dhiyaates dogongora waan taโeef cimsee balaaleffata.
3/KFOn qoโannoon kun yeroo isaa kan hineegganne jedhee amana. Biyyi keenya waggootii kudhanii asi gaagaโama siyaasaa cimaaa keessa jirti. Keessumattuu waggoota shanii asi walwaraansa hamaa keessa kan turtee fi ammallee kan itti jirtu taโuun ni beekama. Buโurri walwaraansaas kallattii siyaasaa dogongoraa mootummaan Bilxiginna qabateefii sirna Federaalizimii Sab-daneessaa laaffisuun mirgoota ofiin ofbulchuu naannolee danquuf tattaaffiiwwan gaggeefamaa jiranrraa kan burqe jennee amanna. Yeroo akkanaa kana keessatti waaโee fooyyaโinsa Heera Mootummaa haasaโuun waraanni jiru akka dhaabbatu osoo hintaane akka cimee itti fufuufi babalโatu daandii saaquu akka taโe KFOn hubatee jira. Muxannoowwan biyyoota birooorraa akka baramutti, osoo walwaraansi hindhaabbatiin; mariin biyyoolessaa hunda galeessaa gaggeeffamee wantoonni Heera Mootummaa fooyyessiisuu dandaโan hin murtaaโiin; fedhii garee yookaan paartii tokkootiin gara Heera Mootummaa fooyyessuutti saffisaan deemuuf haala fakaaatuun qoโannichas taโee buโaansaa yeroo ammaa dhiyaachuunsaa dogongora jedhee KFOn amana.
4/Amanummaa buโaa qorannoo dhaabbata kanaa kanneen kuffisan qabxiiwwan maaludaa armaan olii akkuma jiranitti taโee, buโaan qorannoo kanarraa argames dogongoraafi qabatama lafa irra jiru kan hin ibsinedha jedhee KFOn amana. Keesumaa argannoon deebisitoota Naannoowwan Amaaraa fi Sidaamaa akka waan Federaalizimii Sab-daneessaa hinfudhannee fakkeeffamee dhiyaate kuni haala qabatamaa amma lafarra jiru wajjin kan walfaallessuudha. Kunis:-
4.1/Humnootni Amaaraa yero ammaa kana sabummaan ijaaramanii filannoorratti hirmaachuun paarlamaa keessatti hammatamanii falmachaa otuu jiranii; gariin isaanii immoo โMirgi sabummaa keenyaa akka kabajamuuf biyya Amaaraa ijaarannaโ jedhanii maqaa โFaannooโ jedhuu fi dhiyeenya kanammoo maqaa โAdda Uummata Amaaraaโ jedhuun of ijaaranii bosona galuun lola gaggeessaa otuu jiranii, โijaarsa sabummaa hin deeggaranโ jechuun qoosaadha.
4.2/ Ummanni Sidaamaas mirga naanoo ofii jalatti ofiin ofbulchuu kabachiisuuf barootaaf erga qabsaayee booda waggaa lama dura riifarandamiin mirga falmatee kabchiise haala faallessuun โMirgi sabootaa Heera Mootummaarraa akka haqamu yaada kenneโ jechuun kan dhugaarraa fagaateedha. Kanaafis buโaa qorannoo kanaa ilaalchisee balaaleffachuun ibsa ejjennoo dhaaba mormituu โPaartii Feederaalisitii Sidaamaaโ jedhamuun kenname ilaaluun gahaadha jedha.
5/Akka KFOtti, Dhaabbatni Qoโannoo Imaammataa qaama hojiraawwachiiftuu taโe kuni, sabootaa biyya kanaa biraa amantummaa osoo hinargatiin Heera Mootummaa dhiigaafi lafee uummataatiin argame kana akkuma salphaatti kophaasaa akka fooyyaโuuf qoโannoo gaggeessuufis taโee tuquuf gaโumsaas taโee itti gaafatamummaa hinqabu jedhee KFOn amana. Dhimma Heera Mootummaa ilaalchisee osoo qaamni ilaallatu hundi mariyatee irratti walii hingaliin qorannoo dhaabbatni kuni taasise qofaarratti hundaayuun tarkaanfiin Heera Mootummaa fooyyessuu gaggeefamu kamuu fudhatama hin qabu jechuun ni morma.
6/Dhimmoonni fi keeyyattoonni Heerichaa akka fooyyaโann jedhamee qoโannoon irratti gaggeefame kunneen, kanneen utubaaleen Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa irratti ijaaramaniidha. Haaluma kanaan buโaa qorannoo kanaarratti hundaaโuun akka jijjiraman gochuun, fooyyaโiinsa heeraa salphaa otoo hin taโiin Heera Mootummaa buโuurarraa jijjiruu kan hordofsiisuudha. Kana waan taโeef maqaa heera fooyyessuutiin jijjiirraa Heera Mootummaa gaggeefamuuf deemu ni mormina.
7/Walumaagalaatii qorannoon kun walitti buโinsa kan babalโisuu fi sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa qabsoo yeroo dheeraan booda mirgoota eenyummaa isaanii kabachiisu Chaartera Mootummoota Gamtoomanii, Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa, Chaartera Gamtaa Afriikaa fi Heera Mootummaa FDRI keeyyata 13tiin argatan haala cabsuun kan gaggeeffamee fi biyya kana keessatti olโaantummaa gar-tokkee babalโisuuf mootummaan baajata itti baasee kan hojjete waan taโeef KFOn gonkumaa hin fudhatu.
Dhuma irratti, KFOn Heerii Mootummaa gonkumaa hin fooyyaโu ejjannoo jedhu hinqabu. Garuu fooyyaโiinsa Heera Mootummaa dura wantoonni guutamuu qaban hedduuti jira jedhee amana. Biyyi keenya gaagaโama walxaxaa kana keessa akka baatuufis:
1/Warreen yeroo ammaa walwaraanaa jiran, humni nageenyaa mootummaa FDRI fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO)n wal waraansa hattattamaan akka dhaaban KFOn irra deebiin gaafata.
2/Mariin Biyyoolessaa hunda haammataa taโe qaama bilisaafi amanamaa taโeen qophaahuun dhimmoonni walitti buโinsaafi wal waraansaaf sababa taโan addaan bahanii furmaata argachuun nageenyi waaraa taโe akka uumamu KFOn cimsee gaafata.
3/Heera Mootummaa fooyyesuun yoo barbaachisaa taโes, Marii Biyyoolessaarratti hundaaโuun dhimmoota Heera mootummaa fooyyessudhaaf sababoota taโan jedhamaniifi waliigalamanirra dhaabbachuun Koomishinii Heera fooyyessu, kan hundi irratti amanan dhaabuun; yookaan immoo akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyata 104 fi 105-tiin adeemsi fooyyaโinsa Heera Mootummaa FDRI akka taasifamuufi fuulli keenya gara nageenya waaraa fi misooma hunda haammateetti akka fuulleffatuuf KFOn cimsee ni gaafata.
Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Caamsaa 21, bara 2015 ALI
Finfinnee, Oromiyaa




Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *