Artist Darajjee Daggafaa rasaasaan rukutamee ajjeesamuun gabaasame

Artist Darajjee Daggafaa rasaasaan rukutamee ajjeesamuun gabaasame

Artist Darajjee Daggafaa ajjeesame

Artist Darajjee Daggafaa rasaasaan rukutamee ajjeesamuun gabaasame

Aartii Oromoo guddisuu keessatti qooda kan qabu Art.Darajjee Daggafaa Caamsaa 29, 2023 halkan naannoo sa’aa 10:00tti Ona Sulultaa magaalaa Sulultaa keessatti    rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbuu maddeen Sulultaa beeksisaniiru.

Sirboota warraaqsaa fi aadaa sirbuudhaan kan beekamu Art.Darajjee Daggafaa dhihoo kana Finfinneedhaan kan walqabatu sirba baaqqee dhiheessuu isaa maddeen ifa godhu.

Qaamni ajjechaa kana Art.Darajjee Daggafaa irratti raawwate ammatti eenyu akka ta’e adda ba’ee kan hin beekamin jiru ta’uu kan gabaasan maddeen Sulultaa, reeffi isaa hospitaalatti fudhatamuu fi sirni awwaalchaa Caamsaa 31, 2023 guyyaa borii bataskaana Giyorgisii Gabaa Roobiitti kan raawwatamu ta’uu addeessan.

Art.Darajjee Daggafaa Kaaba Shaggar Ona Sulultaa iddoo addaa Dirree Siloo Laga Heexoo jedhamutti kan dhalate oggaa ta’u, nama ganna 45 ta’uu hiriyootni isaa ibsaniiru.

Ija ummataa kan ta’an, aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo guddisuu keessatti ga’ee olaanaa kan taphatan, abukaatoo mirga dhala namaa kan ta’an Artistootni Oromoo hedduun haalaa fi akkaataa hin beekamneen ajjeesamuu fi haqi isaanii awwaalamee hafuun itti fufeera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO