Jaal Mikaa’el Booran dhukkubsate
Haalli fayyaa J/Mikaaโel Booran guyyaa irraa guyyaatti hammaataa dhufuun dhagaโame.

Mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti kan argamu miseensi SHG-ABO J/Mikaaโel Booran dhibeen isaa itti hammaatuun dhagaโameera.
Dhibee marrummaan darbaa (Appendex)n qabamee mana waldhaansaatti deddeebiโaa kan jiru J/Mikaaโel Booran, harโa mana waldhaansaa deemee erga ilaalameen booda, dabalataan dhibee kaleen qabamuu fi garaachi isaa madaaโuu doktoorri isa waldhaanu mirkaneessuu oduu arganne irraa beekuun dandaโameera. Qormaatni dabalataa godhamuu akka qabus ajajameera. Sababa kanaanis haalli fayyaa J/Mikaaโel gadi buโaa deemuutu hubatame.
Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman dhibee garagaraaf saaxilamuun haalli fayyaa isaanii hamaa irra buโuun gabaasamaa jira.
Miseensi GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa dhibeelee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan qabamee gidiraa argaa kan jiru yoo taโu, amma gargaarsa namaa malee ofiin sadarkaa sochoโuu dadhabuu irra gaโee jira.
Miseensi SHG-ABO J/Abdii Raggaasaa fi qondaalli dhaabaa J/Gadaa Gabbisaa dhibee tiruu hamaa taโeen qabamanii waldhaansa gaโaan alatti mana hidhaa keessatti ittiin hiraaraa kan jiran yoo taโu, J/Dr.Gadaa Oljirraa ammoo miidhama lafee miilaa qabsoo keessatti godhatee ture, haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen kun itti deebiโee akkaan ittiin rakkataa jira.
Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:
- J/Abdii Raggaasaa
- J/Mikaaโel Booran
- J/Kennasaa Ayyaanaa
- J/Lammii Beenyaa
- J/Daawit Abdataa
- J/Dr.Gadaa Oljirraa fi
- J/Gadaa Gabbisaa ti.
Badii tokkoon maleetti dharaa fi dabaan mana jireenyaa isaanii irraa qabamanii waggoota sadiif Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu dabalatee bakkoota adda addaatti hidhamuun kan hiraarsamaa jiran hogganootnii fi qondaalotni ABO kunniin, yakka irraa bilisaa fi gadi dhiisamuu akka qaban manneen murtii Oromiyaa fi kan Federaalaa ajajanis, mootummaan sirna Bilxiginnaa gadhiisuu diduun haqa isaanii awwaalee hidhaa keessatti itti taphataa jira.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itophiyaas yero yerootti dhimma hoggantootaa fi qondaalota ABO kanneenii irratti gabaasa dhiheessuun seeraan ala hidhamuu isaanii gabaasuun gadhiisamuu akka qaban gaafataa ture.
Ebla 20, 2023 gareen paartilee mormitootaa fi Boordii Filannoo irraa utubame dhimma hogganoootaa fi qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argamanii qaamaan itti dhaqee haala isaanii baruuf wayta beellamatu guyyaan tokko hafuuf, Ebla 19, 2023 achii baasanii Dukamitti jijjiiruun torbanootaaf erga achi tursanii booda, tibba darbe kana gara Buraayyuutti deebisuun kan yaadatamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *