Duโ€™aan Boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Waxabajjii 02, 2023

Duโ€™aan Boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Waxabajjii 02, 2023

Obbo Urgeessaa Waaqkennee du’aan addunyaa kana irraa boqotan

Duโ€™aan Boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Waxabajjii 02, 2023

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda hin dagatamne kennaa kan turan, nama guddaa Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo duโ€™aan addunyaa kana irraa boqotuu isaanii oggaa dhageenye gadda guddaatu nutti dhagaโ€™ame.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo abbaa isaanii Obbo Waaqkennee Dabaloo fi haadha isaanii Aadde Iftuu Furii irraa Ebla 5, 1933tti Giddu-gala Oromiyaa Shaggar Ona Guraagee yeroo sanaa kan taate, Caboor bakka Xaxaar jedhamutti dhalatan.

Abbaan isaanii fedhii ijoollee isaanii barsiifachuuf qaban irraa jalqaba ganda Keeโ€™ilo jedhamtutti kan argamtu mana barumsaa Qeesii bataskaan  Maariyamitti kan baratan oggaa taโ€™u, booda irra gara Tullu Boolโ€™oo deemanii ganda firaa taaโ€™uun barnoota idilee hangaa kutaa 4tti baratan. Achiin booda ammoo gara magaalaa Finfinnee dhufuun deggersa Obbo Ambaayee Beenyaatiin barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa baratan. Barnootattis jaboo akka turan seenaan isaanii ni hima.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ALI.tti bara 1958tti gaaโ€™ila godhatanii ijoollee sagal kan horatan wayta taโ€™u, ijoollee biroos dabalatanii nama guddisaa turanii dha.

Gara Finfinnee erga dhufanii sirnoota sadan, bara H/Sillaasee, Dargii fi bara EPRDF keessa waajjiroota mootummaa fi dhaabbilee adda addaa ofiin hundeessuu fi geggeessuun sadarkaa itti gaafatamummaa adda addaatti tajaajilaa turan.

Obbo Urgeessaan mirga uumaan namaaf kenne kabajamuu akka qabu amantaa fi ejjennaa waan qabaniif, dargaggummaa isaanii irraa kaasee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachuudhaan iddoo garagaraatti, haala isaanii hayyame keessatti hanga gaafa duโ€™aan addunyaa kana irraa darbaniitti hanga dandaโ€™an qooda isaanii kennaa turan.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo, dhukkuba keessootiin qabamanii yeroo dheeraaf waldhaansa  irra erga turaniin booda, Waxabajjii 01, 2023 lubbuun isaanii darbe.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn duโ€™aan boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabalootti gadda itti dhagaโ€™ame ibsataa, maatii, firoottan akkasumas waahillan qabsoo isaaniif jajjabina hawwa.

Injifatnoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii 02, 2023

Finfinnee, Oromiyaa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO