Dhaabi keenya Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n erga hundeeffamee Adoolessa 1 bara 2023 wagga 50ffaa isaa kabajata.
๐๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ง๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐ข ๐๐๐๐ฌ๐๐๐ฐ๐จ๐ญ๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐ ๐ ๐๐๐ฆ๐ฆ๐๐๐๐๐ง!
Dhaabi keenya Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n erga hundeeffamee Adoolessa 1 bara 2023 wagga 50ffaa isaa kabajata.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ummata Oromoof kennaa guddaa dha. Saba Oromoo Jaarraa tokkoo oliif hiddi gabrummaa keessatti dagaagee biyyaa fi sabummaa dhabee, afaanii fi aadaa mulqamee, eenyummaan isaa adduunyaa irraa akka dhokatu taasifamee kan ture, ABOn bara 1973 buโuureffamuun ilmaan saba keenyaa qabsaawoti Oromoo falmaa hadhooftuu taasisanii fi wareegama waggoota 50f kafalaa jiraniin sabni Oromoo faajjii fi alaabaa ABO/Oromoo jalatti wal gurmeessee eenyummaa isaa deeffatuu fi biyya isaa Oromiyaa akka falmatu, afaan isaa Qubee Afaan Oromoon akka barreessu gochuu irra darbee afaan barnoota ammayyaa taasisuu irratti Addi Bilisummaa Oromoo gahee olaanaa hojjetee jira.
Qabsaawoti Oromoo qabsoo karaa nagaa fi diplomacy cinaatti roorroo mootota Habashaa dhufaa darbaa akka of irraa falmataniif karaa hidhannoo fi siyaasaan leenjii ammayyaa kennuun seenaa ummata Oromoo keessatti isa hangafaa ti. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ijaaruu fi ammayyeessuun falmaa hadhooftuu baroota dheeraa taasiseen mirgi ummata Oromoo akka kabajamuu fi duubattii hin deebine iggitii itti tolchee jira.
Ijaaramuun ykn hundeeffamee qabsoo Oromoo adda dureen gaggeessuun ABO ummati Oromoo biyya keessaa fi alatti eenyummaa isaa irratti hundaayee saba Oromiyaa taโanii akka of ijaaran taasiseera. Hawaasi Oromoo biyyoota Afrikaa, Giddu-galeessa Bahaa fi Biyyoota Alaa hundatti of ijaaranii Oromummaan akka gurmaayan taasisuun hundeen isaa ABO dha.
Artistooti Oromoo hangafoota irraa kaasanii hanga dhaloota harโaatti ABO jalatti ykn daandii ABO irratti tarree galanii qabsoo gaggeessuun afaanii fi aadaa akkasumas warraaqsa Oromoo akka guddisan taasisuu keessatti hundeen isaa ABO dha.
Hayyooti Oromoo, Waldaaleen namoomaa Oromoo fi Oromiyaa akkasumas dhaaboti siyaasa Oromoo dhalachuun hundeen isaa ABO dha yoo jedhame dhugaa dha.
Dargaggoonni Oromiyaa Bara 2005 irraa kaasee hanga 2010 FDG akka gaggeessaniif ABOn gahee guddaa taphate. Bara 2011 Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundeessuu, taliiguu fi gaggeessuu keessatti ABOn daandii warraaqsaa bifa addaan toora qabsiisee Oromoo abdii itti hore. Bara 2011 booda FDG/FXG daran akka finiinuu achi irraas gara warraaqsa ummataatti akka ceโuu fi bara 2018 TPLF bakkaa kaasuu keessatti qoodi ABO haalaan olaanaa dha. Wareegamni baases akkasuma guddaa dha.
Kanaaf ummanni Oromoo biyya alaa fi keessa jirtan ardii hunda keessa babaldhattanii Oromummaan boontan hundi baga guyyaa dhalachuu ABOn isin gahe jenna!
Egaan Adoolessa 1,2023 ummanni Oromoo ardii kana irra jiru adeemsa ABO wagga 50 eessaa kaanee harโa as geenye isa jedhuuf kabajaa hundeeffama ABO waliin taasisuun murteessaa dha. Hundi Oromoo Oromummaan jiraachuu keenyaafis taโe hojjechuuf xurreen isaa toora ABO ti.
Qophii Wagga 50ffaa ABO irratti
Qabsaawoti karaa adda addaa qooda guddaa sochii qabsoo Oromoof gumaachan irratti argamu. Seenaa qabsoo Oromoo fi daandii ABOn irra tare mara ummata Oromoof seenaa ajaaโibaa ni dhiheessu.
1. Hogganoonni ABO gadaa darbee,
2. Hogganni ABO gadaa ammaa,
3. Ijaarsi hawaasa Oromoo biyya hunda jiru,
4. Ijaarsi Hayyoota Oromoo fi jaarmiyaalee namoomaa Oromoo hundi,
5. Gahee fi Ijaarsi Artistoota Oromoo biyya hundatti,
6. Gahee fi qooda Miidiyaalee Oromoo,
7. Qooda Shamarran Oromoo qabsoo Oromoo keessatti,
8. Waldaalee Amantii Oromoo,
9. Sochii Dargaggoota Oromoo/Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi kkf hundi bifa ijaarsaan gahee ABOn wagga 50 keessa ummata Oromoof gumaache bifa seena qabeessaan dhiheessu.
Seenaan guyyaa kana dhihaatu hundi Seenaa Ummata Oromoo fi ABO ti; seenaa tokko tokko Oromoo hundaa waan taโeef, akka argamtanii seenaa keessan bartan, hubattan, irraa barreessitanii dhalootaaf dabarsitan haa taโu.
Irra deebinee baga guyyaa hundeeffama ABO Waggaa 50ffaan isin gahe jenna!
Koree Qindeessituu Kabaja Hundeeffama ABO waggaa 50ffaa
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *