KABAJA AYYAANA HUNDEEFFAMA ADDA BILISUMMAA OROMOO WAGGAA 50FFAA
KABAJA AYYAANA HUNDEEFFAMA ADDA BILISUMMAA OROMOO WAGGAA 50FFAA – Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo Qabsaawota, Miseensotaa fi Deggertoota akkasumas Ummata Oromoo hundaan baga kabaja ayyaana hundeeffama ABO waggaa 50ffaan nagaan isin gahe jedha. Addi Bilisummaa Oromoo ayyaana hundeeffama isaa waggaa 50ffaa kana yeroo kabaju miiraa walmakaatu itti dhagahama. Gama tokkoon, qabsoo abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf bara dheeraa kana taasifameen kanneen lubbuu isaanii wareeganii maatii isaanii facaasan, kanneen qaamaa fi jiruu fi jireenya isaanii itti dhaban gootota keenya akkasumas ummata Oromoo kumaatamaan lakkaawwaman, ammas wareegama baasaa jiran gaddaan yaadata. Gama biraatiin ammoo wareegama jaallan keenyaa fi ummata Oromootiin baafame kanaan Oromiyaa dhabama irraa deebisnee jiraachisuu fi akkasumas afaanii fi aadaa Oromoo badii irraa hambifnee as gahuu keenya gammachuun ibsanna. Baga gammaddan jenna!
Wareegama ulfaataa ilmaan Oromoo qabsoo kana keessatti baasan seenaa Oromoo keessatti cululuqee bara baraan, dhalootaa gara dhalootaatti cehee kabaja isaaf malu akka argatu guutummaatti amanna. Ummatni Oromoo gootota isaa wareegama hagana hin jedhamne baasanii fi baasaa jiran mara kudhaammatee hanga mirga abbaa biyyummaa fi hiree murteeffannaa isaa harkatti galfatutti wareegama barbaachisu baasee dhugaa fi mirga isaa kana dhugooffachuu qaba. Bu’aa bahiin karaa qabsoo baroota dheeraa keessa dabrame laayyoo miti. Mirgoota keenya nu hafan dhuunfachuuf qabsoon nu eeggatanis akkasuma salphaa hin ta’an. Ummatni Oromoo yaadaa fi qalbiidhaan akkasumas qaamaa fi qabeenyaan kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachuun haqaa fi mirga isaa guutummaatti argamsiisuuf tattaaffii barbaachisaa gochuu qaba.
Wayita ayyaana kana kabajnu guutuu Oromiyaa keessa bifa jedhamuun danda’amuun nageenyi boora’ee, caasaan mootummaa caccabee, ummatni tajaajila mootummaa irraa argatu haala argachuu hin dandeenye irra jira. Lolli Oromiyaa guutuu keessatti deemaa jiru ummata miliyoonaan lakkaa’amu qe’ee irraa buqqisee jira. Nagaan bahanii galuun hedduu yaaddeessaa dha. Sababa roobni yeroon roobuu dideef ummatni beelaaf saaxilamee ture xiqqaa miti. Qaalahiinsi jireenyaa baadiyyaa fi magaalaa biyyattii keessatti jireenya daran hammeessee jira. Rakkooleen biyya keessa jiru yeroo dhaa gara yerootti babal’ataa jira. Yoo falli yeroon barbaadame malee badiin dhalachuuf deemu kan hedduu nama yaaddeessuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo – ABOn hundeen rakkoolee kanneenii gaaffii siyaasaa Oromootiif karaa nagaan deebii kennuu diduu irraa kan maddee dha jedhee amana. Ummatni keenya karaa danda’ame hundaan dhiibbaa gochuun gaaffiin ummataa deebii argatee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gochuutu irraa eegama. Kana gochuu qofaatu ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaatiif nagaa fi tasgabbii mirkaneessa jennee amanna.
Addi Bilisummaa Oromoo caasaan mootummaa Oromiyaa diigamaa jiru balaa dabalataa osoo hin fidiin, olaantummaan seeraa kabajamee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu yaaduun Mootummaa Cehumsaa Biyyooleessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) ijaaraa jiraachuun beekamaa dha. Kanneen kana ofitti fudhatanii bobba’anii jiranis yaada ABO fudhatanii waan deemaa jiraniif barbaachisaa fi fardii tahuu itti amana. Ummatni Oromoo haala gama kanaan jiru gadi fageenyaan hubachuun rakkoolee hin malleen akka caalaa hin gaga’amne jechaa MCBNO deggeruu fi utubuu qaba. Olaantummaan seeraa yoo mirkaanaa’ee fi sirni bulchinsa gaarii yoo yoo jiraate nagaa waaraan jiraachuu dandaú. Ummatni Oromoo fi lammileen Oromiyaa MCBNO ijaaramaa jiru kana itichuuf gahee murteessaa akka qabu hubanna.
Kanumaan walqabatee gaaffii hiree murteeffannaa fi abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi dimokrasiin lafa qabatuu itti amanu bakkan gahuuf Addi Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessaa murannoodhaan sochii qabsoo itti jiru cimsee itti fufa. Akkuma armaan dura wareegama ulfaataa kaffalee qabsoo Oromoo asiin gahe, fuulduras qabsoo deggersa ummataa bifa hundaa qabu galmaan gahuuf wareegama barbaachisaa kaffaluuf qophii ta’uu deebi’ee irbuu isaa haaromsa.
Addi Bilisummaa Oromoo jaarmiyaalee Oromoo akeeka walfakkaataa qabanii fi dhaabbilee sabaa fi sab-lammootaa mirga isaanii dhugoomsuuf falmaa jiran wajjin hariiroo ijaarrate caalaatti jajjabeessuun tumsa waliif taasifamu daran cimsa. Akkasumas dhaabbilee kanneen biroo mirga dimokraasii fi nageenya ummataaf tattaafatan wajjin hariiroo qabu daran cimsataa, kanneen hariiroo hin qabne wajjin hariiroo ni tolfata. Bifuma walfakkaatuun hariiroo fi walitti dhufeenya hawaasa addunyaa wajjin qabnu daran cimsachuuf gadi fageenyaan kan irratti hojjannu ta’a.
Dhuma irratti, Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo bara dheeraa fudhatee fi gootota qaqqaalii kumaatamaan itti wareegee asiin gahe wayita ayyaana hundeeffama isaa waggaa 50ffaa kabaju, qabsicha xumuraan gahuuf irbuu seene irra deebi’ee kan haaromsuu fi wareegama barbaachisu kamuu kafaluuf qophii ta’uu ibsaa, kabajni hundeeffama ABO waggaa 50ffaa kun kan milkii akka ta’u hawwina.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 30, 2023
Finfinnee


Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *