๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐„๐ญ๐ก๐ข๐จ ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐œ๐จ๐ฆ ๐ช๐ฎ๐›๐š ๐ช๐š๐›๐๐ฎ๐ฎ ๐ฅ๐š๐š๐ญ๐š?

๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐„๐ญ๐ก๐ข๐จ ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐œ๐จ๐ฆ ๐ช๐ฎ๐›๐š ๐ช๐š๐›๐๐ฎ๐ฎ ๐ฅ๐š๐š๐ญ๐š?

Dhaabbilee Mootummaa Federaalaatiin hogganaman kanneen humna namaa sadarkaa olaanaatti keessummeessuun galii guddaa argatu keessaa tokko Ethio Telecom isa hangafa.

๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐„๐ญ๐ก๐ข๐จ ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐œ๐จ๐ฆ ๐ช๐ฎ๐›๐š ๐ช๐š๐›๐๐ฎ๐ฎ ๐ฅ๐š๐š๐ญ๐š?

Dhaabbilee Mootummaa Federaalaatiin hogganaman kanneen humna namaa sadarkaa olaanaatti keessummeessuun galii guddaa argatu keessaa tokko Ethio Telecom isa hangafa.

Haa tahu malee, tibbana waajjira kana keessaa ragaan humna namaa dhaabbata kanaa miliqee bahe akka ibsutti, tarrisi maqaa hoggantoota mana hojii dhaabbatichaa guutummaa guutuutti saba tokkoon kan dhuunfatame tahuu agarsiisa.

Lammiilee biyyattiif carraa hojii walqixa kennuu dhabuun dhaabbata kanaa mana hojichaa keessatti wal-shakkii fi muddama uumee jira. Hoggantoonni dhaabbata Ethio Telecom dhimma kana kan baasee lammiilee biyyattiif ifoomse ijoollee Oromoo ti jechuun namoota shakkan tokko tokko karaa isaan hin beekneen hordofaa jiru.

Lammiilee biyyattiif carraa walqixa kennuu dhorkachuu qofa osoo hin taane, yakkoonni gurguddoon dhaabbata kanaan raawwatamaa jiraachuun irra dhaqqabamee jira. Dhimmoota ijoo lama armaan gadii haa ilaallu. Isaanis:

๏ƒ˜ Dhimma malaamaltummaa aangoo dahoo godhachuun waajjira kana keessatti raawwataa jiruu fi

๏ƒ˜ Dhimma miidiyaa hawaasaa (social media) Afaan Oromoo dhaabbatichaatiin ugguruun walqabatan tahu.

Qabxii tokkoffaa ilaalchisee, Waajjirri kun Hogganoonni gubbaa hanga sadarkaa gadii jiran kan saba tokkoon dhuunfatame taโ€™uu irraa kan kaโ€™e sababa quubsaa hin taaneen sadarkaa manaajeraatti qarshiin guddaan kallattiin hoji geggeessaa waliigalaa/CEO/f barreeffamee maallaqni kaazinaa dhaabbatichaa keessaa bahuun kiisha nama dhuunfaa furdisaa jira. Isa kana yeroo barbaachisaa taโ€™etti odeeffannoo guutuu dookumantii maallaqni ittiin bahe waliin ummataaf ni dhiheessina.

Qabxiin tuquu barbaanne inni lammaffaan dhimma Afaan Oromoo ti. Dhaabbanni kun akkuma dhaabbilee biroo waggoota lamaan darban hawaasa ykn fayyadamtoota isaa qunnamuuf karaa miidiyaa hawaasaan afaanota garagaraatti dhimma bahaa tureera. Tibbana garuu, sababa hin beekamneen fuul-barruun Ethio telecom Afaan Oromoo kan jedhu, akkasumas fuula telegram fi Instagram maqaadhuma kanaan jiru Waxabajjii 09, 2023 hojii dhaabee jira.

Kun callisee akka hin taane ifaa dha. Garuu maaliif isa jedhu deebii isaa dhaabbaticha irraa eegna.

Kanaaf, Ummanni Oromoo marti dhimma kana akka jabeessee hordofu hubachiifna.

Keessa beektota irraa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO