Kaayyoo Bilisummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo kolaasuuf, ilaacha siyaasa isaa ummata Oromoo irratti feโatuuf, fedha aangoof qabu jabeeffatuuf yakka waraanaa raawwatee fi raawwataa jiruun miidhaa olaanaa dhaqqabsiiseera.
Ajjeesamaa, Hidhamaa fi Mirga Mulqamaa Jiraachuu Aadaa Godhatuun, Balaa Caaluuf Of Qopheessuu dha.
Waggootni shanan darban Oromoof waggoota hamoo dha. Waggootni kun Oromoof baroota roorroo, cunqursaa, hidhaa fi ajjechaa hammaataan itti galmeessamee dha. Baroota kurnoota duraanii fi baroota shanan darban kana walbira qabnee yo ilaalle barri hamaan itti Oromoon salphatee fi roorroon daangaa darbe itti isa mudate baroota shanan darban bara bittaa abbaa irree sirna Biltsiginnaa taโuun waan dirree jiraa ti.
Hunda irra lubbuun ilmaan Oromoo dabaa fi cubbuudhaan godinaalee Oromiyaa hunda keessatti mootummaa jijjiiramaa ofiin jedhu sirna Biltsiginnaatiin dhabame kumaantama hedduun lakkaaโama. Daaโima kichuudhaa hanga maanguddoo ganna 90tti haala suukanneessaa fi gaddisiisaadhaan ajjeesamaniiru. Barataan, qonnaan bulaan, barsiisaan, hojjetaan, dargaggeessi, hawwanii fi shamarran, abbootiin amantaa fi abbootiin Gadaa, murnootni hawaasa Oromoo cufti waggoota shanan kana keessatti waraana, xayyaarota waraanaa, poolisaa fi humnoota nageenyaa mootummaa paartii Biltsiginnaan ajjeesaman manni haa lakkaaโu. Kumaa kitilli hidhamee manneen hidhaa keessatti itti roorrisameera.
Alagaan halaalaa fi kanneen duuchaatti mirga Oromoo maqaa kanaan dhiibuu fi Oromoo diinomsatuu fedhan, darbees sababa kanaan itti duuluu kaayyeffatan โMootummaan ammaa mootummaa Oromoo ti; Ye Oromummaa Mangist!โ jedhanii ololu. Inumaayyuu โ4 Kilo kan jiru Onegii dhaโ jedhu. Sirnii fi mootummaan jiru sirnaa fi mootummaa isaa akka hin taane garuu Oromoon gochaa fi waan isa irra gahaa jiruun arga. Mootummichi mootummaa isaa ti osoo taโee, gidiraa fi dhumaatiin kun hundi, sarbamiinsi mirgaa hagana gahu isa hin mudatu ture.
Alagaa qofa osoo hin taane, hidhaa fi ajjechaan, sarbamiinsi mirgaa kun marti osoo raawwataa jiruu, Oromooma keessaa โMootummichi keenyaโ ilaalcha jedhu qabatee kan deemu harโa illee jiraachuun hin haalamu. Dhumaatiin lammii isaanii, roorroo fi gidiraan Oromiyaa keessaa kanneen isaanitti hin dhagaโamne, dantaa fi fayidaan dhuunfaa dhugaa lafa irra jiru isaanitti dukkaneesse jiraachuun waan dirree jiraa ti. Isaan akkasiif duuti, hidhamuu fi roorrisamuun Oromoo homaa miti. Jireenya ofii jiraataa jiran, akka fedhan baโanii galuu isaanii akka waan Oromoon hundi akka isaanii taโeetti fudhatuun gar-tokkee qaama isaanii sirna PPn dhumataa jiru arguu dhaban. Kun ammoo oolee haa bulu malee bor gaabbisiisaa taโa. Hawaasa keessatti salphachuu fi mataa gadi qabachuu akka maddisiisu yaadatuu feesisa.
Mootummaan Biltsiginnaa biyyattii keessatti nagaa buusee, mirga ummatootaa walqixata eegee, deemsa sirna dimokraasii gadhaabuun mootummaa ummataa, ummataan filatame ijaaruuf waadaa seene cabsuun isaa, dhumaatii ummataa, sarbamiinsa mirgaa itti fufuuf murteeffatuu isaa kan mulโise ture. Kan mulโatee fi kan taโes kanuma. Ummata Oromoo dabalatee gaaffii siyaasaa, kabajamuu mirgootaa barootaaf ummatootni gaafatan karaa nagaan deebii itti kenna jedhee waadaa seene irraa mucucaachuun isaa, lolootnii fi jeequmsi siyaasaa hamaan amma mulโatu akka itti fufaniif karra saaqe. Kun kallattiin oolee osoo hin bulin Oromiyaa fi Ummata Oromoo irratti taโe.
Kaayyoo Bilisummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo kolaasuuf, ilaacha siyaasa isaa ummata Oromoo irratti feโatuuf, fedha aangoof qabu jabeeffatuuf yakka waraanaa raawwatee fi raawwataa jiruun miidhaa olaanaa dhaqqabsiiseera.
Mootummichi aangoo isaa osoo hin jabeeffatan guutuu Oromiyaa fi ummata Oromoo irratti lola labse; dhiittaa mirgaa babalโise. Ajjechaa fi buqqaatii ummataa dhaqqabsiise. Walitti buโiinsa ummataa babalโise. Harโa kanatu Oromoo fi Oromiyaa mankaraarsaa jira. Kun dhaabbatuu kan dandaโu ammoo walbubuusuun osoo hin taane, sagalee tokkoomeen โNu Gahe!โ jechuudhaan malee, hidhaa fi ajjechaa qaama godhatuun miti.
Harโa ajjechaan Oromoo irratti deemsisamu roga hin qabu. Akkaataan itti Oromoon ajjeesamaa jiru haalaan gaddisiisaa dha. Harโa kan Oromoo ajjeesaa hin jirre hin jiru. Warri sirna Itophiyaa dullattii duraaniitti deebiโuu fi Oromoo bakka kaleessaatti deebisuuf hawwanii fi hidhatanii sossohaa jiran, magaalaa Finfinnee dabalatee iddoo adda addaatti sirna PP golgaa godhatanii ilmaan Oromoo qaroo, jajjaboo fi dammaqoo dha jedhaman filanii ajjeesaa jiru. Ajjechaan irra hammaataa fi bifa adda addaa qabu karooraan Oromoo irratti deemsisamuuf akka deemamaa jiru haala mulโatu irraa hubachuun nama hin dhibu. Kana hunda garuu Oromoon maaf taaโee of irratti ilaalaan gaaffii belbeltuu yeroo ti.
Isa dantaan bitamee fi sirnichatti hirkatee saammataa jiru irraa kan hafe, Oromoon mootummaa Biltsiginnaa irraa waa eegu yo jiraate daallummaa/gowwummaa dha. Waggaa shan guutuu garee Oromoo ajjeesaa fi hidhaa, mirga sarbee salphisaa jiraate irraa waan haaraan eegamu hin jiru.
Mirga ofii falmachuun, mootummaa ajjechaa fi hidhaa babalโisu, mirga lammiilee dhiitu of irraa dhaabuun qooda ummataa ti. Mirgoota kana heeruma biyyattiitu isaaniif kenna. Mootummichi heera kana gaachana godhatee akka ofii barbaadetti hiikkataa fi ittis dhimma baโaa mirga ummatootaa cabsaa fi gidiraa babalโisaa jira. Ummatootni ammoo isa kana mormuun dura dhaabbatanii falmatuun mirga.
Ajjeesamaa, hidhamaa fi mirga mulqamaa jiraachuu qaamni aadaa godhatu, balaa caaluuf of qopheessa. Oromoon akka akkas hin taaneef, diddaa isaa mulโisuu qaba malee, mirgi isaa akka malee cabaa, guyyuu reeffa ilmaan isaa lakkaโaa, awwaalee hidhii xuutaa ajjechaa itti marmaaru keessummeessaa guyyaa lakkaaโuu hin qabu jenna.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *