Labsiin yeroo hatattamaa kun akka dabarfamu kan murteeffame aangaโoonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa hidhattoota Faannoon booraโaa jiraachuu ibsuu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti babalโachaa dhufe hordofuun manni maree ministeerotaa mootummaa PP labsii yeroo hatattamaa dabarse.
Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa babalaโachaa dhufeen walqabatee manni maree ministeerotaa sirna mootummaa paartii Biltsiginnaa walgaโii idilee Hagayya 04, 2023 harโa gageesse irratti labsiin yeroo hatattamaa akka labasamu sagalee guutuun murteesseera.
Labsiin yeroo hatattamaa kun akka dabarfamu kan murteeffame aangaโoonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa hidhattoota Faannoon booraโaa jiraachuu ibsuu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.
Jiraattonni naannoo Amaaraa keessatti nageenyi booraโuu ibsuun rakkoon tasgabbii mulโachaa jiru yaaddeessaa taโuu himaa jiran.
Haalli impaayerri Itophiyaa keessatti kuftee jirtu kan yeroo kamiiyyuu caalaatti ulfaataa, sadarkaa suphaa fi humnaan rakkoo jiru furuuf yaaluu irra darbee akka jiru balโinaan ibsamaa jira.
Waraanni/lolli guutuu biyyattii keessatti babalโateera; dhumaatiin ummataa, barbadaawuun qabeenyaa, buqqaatiin ummataa, kana irra darbee dinagdeen biyyaa kufuu, jireenyi qaalaโuu fi beelli hammaatuun ummatoota akkaan hudhee qabee jira.
Mootummaan PP rakkinoota jiraniif fala siyaasaa soquu osoo hin taane, akkuma bittoota darbanii waraana babalโisuu, waliin dhahiinsaan jiraachuu fi tooftaa fi shiroota garagaraan bara bittaa dheereffachuuf wixxifachaa jira. Kun garuu yeroon isaa fiigicha baayโee olaanaadhaan dhumataa akka jiru; biyyattiinis bifa ammaan itti fufuu akka hin dandeenye mulโataa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn irra deddeebiin rakkoo impaayera Itophiyaaf furmaata kan jedhe akka imaammataatti kan qabatee ittiin sochoโu yaada furmaataa irra deddeebiidhaan mootummaa PPfis, hawaasa addunyaafis dhiheessaa kan turee fi ammas dhiheessaa kan jiruu dha.
Yaadni Furmaataa ABOn dhiheessu dhibdee biyyattii kanaaf furmaata waaraa akka argamsiisu shakkiin hin jiru. Kanaa ala deemsi deemamu akkuma amma argamaa jiru biyyattii gara dhidhimaatti, ummatoota rakkoo hamaa keessaa baโuun hin salphannetti kennuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *