Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) Ilmaan Isaa Hundaan Tikfamuu Qaba
Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) Ilmaan Isaa Hundaan Tikfamuu Qaba
Oromiyaan qeโee jaalalaa fi nagahaan keessa jiraatanii dha malee, qeโee farreen qabsoo Bilisummaa fi Oromummaa itti wal jijjiiruun ajandaa siyaasaa itti dhalchaa oolan, qeโee hokkaraa boqoonnaa fi nageenyaa ummata balโaa itti dhorkatanii tahuun dhaabbatuu qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n rakkoo wal xaxaa, kufaatii fi jeequmsa siyaasaa (Political crisis) irraa madduun Impaayera Itophiyaa hudhee qabe Oromiyatti babalโchuun lammiilee Oromiyaa oolii-bultii dhowwu kamuu gadi jabeessee balaaleffata. Sarbamiinsa ilma namaa fi dhiittaa mirgootaa bifa kamuu ummata sivilii kamuu irratti raawwatamus akkasuma balaaleffata; duras dhaabbata.
Dhibdee siyaasaa sirnoota Itophiyaa dhufaa darbaa fi kan paartii EPRDF tolchee murna PP ammaatiin dhaalamee yeroo irraa gara yerootti daangaa ala deemuun, ijibbaati nageenyaa dhoowwatamee, impaayerattii kuffisee, ummatoota biyyattii barootaaf wal qabachiisuu dadhabsiisaa jiru kanatti furmaata waaraa itti godhuuf Addi Bilisuummaa Oromoo (ABO)n yeroo adda addatti yaadota furmaataa ifaa fi mulโataa akeekaa ture; harโas harkaa qaba.
Keessaayyuu waggoota afran darban keessa erga paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa dhuunfachuun biyyattii gaggeessuu eegalee as rakkoon wal xaxaa fi gaagaโamni hedduu ulfaataan biyyattii fi ummatoota mudateera. Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba darbees giddu-galli osoo hin hafne guutummaa biyyattii keessatti jeequmsa siyaasaa fi balaa waraanaa dhuma hin qabneen lubbuun lammiilee miliyoonaan galaafatameera; qabeenyi biyyattii biliyoonaan shallagamu barbadaaweera; Dhalli namaa mirgi dimokraasii kabajamuufiin hafnaan mirga uumamaa iyyuu mulqamee ooli bultii dhowwatameera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n erga bara 2018 ifatti hojii qabsoo biyya keessatti geggeessuu fi qabsoo bifa fi haala haaraan deemsisuu jalqabee biyyattii jeequmsa siyaasaa bara baraan daaddistu kana keessatti ummatootni akka gaagaโama ulfaataaf hin saaxilamneef qaamota biyyattii bulchan waliin yeroo dhaa gara yerootti marii siyaasaa hunda-hammataa waliin taasisuuf gaafatus qaamni gurra ergiseef hin turre. Yaaddoon ABOn qabaachaa ture ifatti mulโachuun dhibdeen siyaasaa hundee dhabe babalโatee rakkoo nageenyaa, diinagdee fi hawaasummaas dhalche. Haalli kun bakka itti qaban dhabuun biyyattii daddaaqsee ummatoota biyattii keessatti argamanis hundeen gaagaโe.
Gaagaโama siyaasaa biyyattii mudateen wal qabatee, rakkoo lakkuu biyyattii mudate keessaa bahuun ummatoonni biyyattii nagaha waaraa argatanii tasgabbii fi sabatiinsa qabaachuun akka jiraataniif buโuuraan Oromiyaa keessatti nagaa, bulchinsa sabatiinsa qabu argamsiisuu kan akeekkate ABOn Mootummaa Ceโumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa labsuun ni yaadatama. Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, MCBNO lafa qabsiisuun ollaalee hafaniifis nagaa fi tasgabbiitti geessa jedhee amana.
Ammas rakkoon Impaayera Itophiyaa mudate furmaata waaraa kan argatu, handhuura biyyattii kan taate Oromiyaan nagaa waaraa fi tasgabbii qabaattee lammiileen Oromiyaa nagaan baโanii nagaan galuu yoo dandaโan duwwaa dha. Kanaaf ammoo falli waaraan Oromiyaafis tahe Itophiyaaf, Mootummaa Ceโumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n labsee dha. Kana hojii hojjatamaan xumura itti godhuun ammoo dirqama lammiilee Oromiyaa filmaata hin qabnee taha. Kanuma waliin jeequmsa nageenyaa fi lolaan rakkinoota daangaa Oromiyaa irratti aggaamamuu malan irraa Oromiyaa ittisuun dirqama lammiilee Oromiyaa fi qabsaawotaa tahuu gadi jabeessinee hubachiifna.
Waan kana taโeef, dhibdee gama hundaan biyyattii muddee qabee jiruuf furmaata waaraa soquu dadhabuu paartii PP irraa, gaagaโama guddaa dhaqqabaa jiru qeโee keenya Oromiyaa irraa qolachuun dirqama tahuu hubatuun, lammiileen keessaa fi alaan dirqama sabummaa isaanii bahatuu irratti gaaffiin jiraatuu hin qabu. Kana milkeessuufis mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittisuu, ololoota faarreeniin hanqaaqamanii tasgabbii dhorkan saffisaan irra aanuun lammiileen Oromiyaa dirqamaa fi itti gaafatamummaa guddaa qabu. Siyaasa naamusaa fi safuu tikse gaggeeffachuu fi akka namaattis tahe akka sabaatti safuu Oromummaa fi sansakkaa siyaasaa hordofuun dantaa sabummaa fi lammummaa gaggeeffatuun hunda irraa eegama. Ummatoota kaaniifis safuu qabaatuu fi mirgoota addunyaan beektu akka tikfamu aadaa godhatuun jechoota, lallaba siyaasaa fi itti dhimma bahiinsa Media kamuu irratti safuulee kana calaqqisuun guddinatti tarkaanfatuun mataa mataanis tahe akka sabaatti gaafatamummaan sochoโuu gaafata.
Dhuma irratti jeequmsaa fi hokkarri ulfaataan bakka itti qaban dhabe Kaaba biyyattii irraa kaโee gara Oromiyaatti babalโataa jiru qeโee keenya akka hin goolleef lammiileen Oromiyaa dammaqiinsaan qabsaawota cinaa dhaabbatuuf dirqama qaban. Bakkayyuu eegumsa ofii fi waliif gochuun dirqii taati. Ummanni keenya rakkoo fi makkoo isa mudatu kamiifuu kan inni eeggatu walii isaa qofa waan taheef, dammaqinaa fi hubannoon dhaabbataa, haala jiru irra aanuun galii isaatti tarkaanfatuu qaba jenna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 06, 2023
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *