Harโa qeโeen Oromoo Bahaa-dhihatti, Kaabaa-Kibbatti, Giddu-galeessaan waraana sirna bilxiginnaan goolamaa jira. Qeโeen Oromoo dirree dhiigaa fi booโichaa, iddoo ijoolleen Oromoo akka bineensaatti maatii jalaa adamsamanii yakkaa fi balโeessaa tokko malee maqaan โShanee ykn Abbaa Torbeeโ jedhu itti maxxansamee jumlaan itti ajjeesamaa, reebamaa fi hidhaatti guuramaa jiranii dha.
Warri akka malee fi bakka malee jiru, Dhumaatii Ummata ofiif dantaa hin qaban.
Gariin sirna abbaa irree Bilxiginnaa duukaa fiiga; dantaa bubuutuu fi yeroon iji itti jaamee dhumaatii lammii isaa, imimmaan iyyeessaa, booโicha haadhaa fi abbaa, barbadaawuu qabeenyaa fi manaa waraanni, miliishaan, kaadiree fi kaabineen sirnichaa ummata nagaa irraan gaโaa jiran homaa quba hin qaban; yo beekanis dantaa ofii hin godhanne.
Kaan sirnichatti maxxanuun saamichaa fi waliin dhahuudhaan waan funaannateen warra konkolaataa, manneenii fi abbootii qabeenyaa taโanii iyya lammii isaanii dhagaโaa hin jiran; qabeenya karaa malee fi sirnichatti rarraโanii argatantu isaanitti iyyaa oola; iji isaanii kanaan jaame; gurri isaaniis kanumaan duude.
Gariin ammoo osooma beekanii, gam-tokkeen isaanii dhiigaa fi dhumaa jiraachuu hubatan illee, maal na dhibdee fi ayyaanlaallattummaadhaan ykn gar-lamummaadhaan joonjaโanii jireenya hin qabatamnee fi itti fufiinsa hin qabneen dhugamanii iyya lammii isaaniitti dugda gatanii jiran.
Bilxiginnaan bifaa fi haala adda addaan hawaasa rafee guyyaa duโa isaa eeggatu kanatti fayyadamee yakka fi dhumaatii himuun salphataa hin jirre guyyuu ilmaan Oromoo nagaa irratti geggeessaa jira.
Maqaa โShaneeโ dhabamsiisuu jedhuun duulli waraanaa yeroo ammaa bifa haaraan guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromo irratti banamee jiruu fi dhumaatiin dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo irratti deemsisamaa jirus herreguma kana irraa kan maddee dha.
Harโa qeโeen Oromoo Bahaa-dhihatti, Kaabaa-Kibbatti, Giddu-galeessaan waraana sirna bilxiginnaan goolamaa jira. Qeโeen Oromoo dirree dhiigaa fi booโichaa, iddoo ijoolleen Oromoo akka bineensaatti maatii jalaa adamsamanii yakkaa fi balโeessaa tokko malee maqaan โShanee ykn Abbaa Torbeeโ jedhu itti maxxansamee jumlaan itti ajjeesamaa, reebamaa fi hidhaatti guuramaa jiranii dha. Addatti Giddu-galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa keessatti yakki waraanaa mootummaa PPtiin ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru isa duraa irra balโaa fi hammaataa dha.
Waggoota shanan kana guutuu yakki waraanaa suukanneessaan kun ummata kana irratti akka raawwatamu, harโas akka itti fufu kan ajajanii fi qeโee Oromoo qeโee booโichaa fi gaddaa godhaa jiran eenyuun iyyuu caalaatti mataa sirna PP Dr.Abiy Ahmedii fi Ajajaa Humna Waraana Biyyattii FiildMaarshaal Biraanuu Juulaa ti.
Haala qeโeen Oromoo qeโee gaddaa fi booโichaa taโee jiru keessatti, yeroo itti qeerroon Oromoo haadhaa fi abbaa jalaa humna waraanaan guuramee bifa gaddisiisaan rasaasni itti roobsamee ajjeesamaa jiru keessatti, yeroo itti hawwanii fi shamarran keenya salphifamanii gudeedamaa jiranitti, yeroo itti maanguddootni kabajaa fi ulfina qabaachuu malan xiqqeeffamanii salphifamuu caalaa iyyuu ajjeefamaa fi hidhamaa jiranitti, yeroo manneen hidhaa Oromiyaa Oromoon guutee namni bakki itti hidhamu dhabamee idduma argametti guuramaa jiru keessatti, waliigalatti yeroo itti mootummaan PP akka sabaatti Oromootti xiyyeeffatee duguuggaa geessisaa jirutti, Oromoo taโee kan sirna bilxiginnaa duukaa daaddisu, deggeru ykn tumsu sirna PP faanaa yakkamaa dha. Oromoon bifa kanaan jiru dhaabbatees of ilaaluu qaba.
Sirna haadhaa fi abbaa ofii, obboleessaa fi obboleettii ofii akkasumas aantii fi lammii ofii lafa irraa duguugaa jiru, alagaa afeeraa qeโe Oromoo goolaa fi nagaa dhabsiisaa jiru faana hiriiruun, waliin shubbisuun, waltajjii isaa irratti argamuu fi jajjabeessuun salphina guddaa dha. Oromoo taโee kan akkasitti jiru of gaafachuu qaba! Kun salphina salphina caaluu fi bor gaafatama seenaa jala nama galchuu dha.
Inni dantaa fi aangoo bubuutuun bitames, inni fayidaan iji itti jaamee fi gurri itti duudes, inni ayaanlaallattummaa fi gar-lamummaan hojii farrummaa hojjechuutti fuulleffatee jiru marti yeroon dhaabbatanii of ilaalanii fi if madaalan amma jenna.
Waan fedhe taโu sirni PP bara baraan jiraachuu hin dandaโu. Ummatni Oromoos roorroo hamtuu bara ammaa kana keessatti hin hafu. Qabsoon Oromoos duula gama hundaan irratti geggeessamaa jiru irra aanee moโatnaan sabicha ifatti baasuunis waanuma hin oolle. Roorroon hammaatuun diddaa roorroo dhalcha akkasumas babalโisa malee callisa itti hin fufsiisu. Oolee haa bulu malee, qabsoon Oromoo haalaa fi sirna harโaa kana akka jijjiiruu fi xumura itti godhu shakkiin hin jiru. Seenaan qabsoo Oromoo isa achi fagoo dhiisnee innumti as kaluu kanaayyuu kanuma nuu mirkaneessa. Warri bakka malee fi akka malee jiran yeroon hiriira isaanii sirreeffatuu fi qabsoo fi ummata isaaniitti araaramuun abshaalummaa dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *