Maanguddoo Argaa-dhageettii Obbo Galatoo Burqaa Logomoo du’aan boqotan

Maanguddoo Argaa-dhageettii Obbo Galatoo Burqaa Logomoo du’aan boqotan

Obbo Galatoo Burqaa du’aan addunyaa kana irraa darban

Maanguddoo Argaa-dhageettii Obbo Galatoo Burqaa Logomoo du’aan boqotan

Dhibee mana hidhaa sirna bilxiginnaa keessatti isaan qabeen rakkachaa kan turan maanguddoo Argaa-dhageettii Obbo Galatoo Burqaa Logomoo Fulbaana 24, 2023 guyyaa har’aa du’aan addunyaa kana irraa boqotuu oduun arganne ni hubachiisa.

Obbo Galatoo Burqaa abbaa isaanii Obbo Burqaa Logomoo fi haadha isaanii Aadde Obsee Tufaa irraa ALHtti 1944tti Kibba-baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa ganda Hunxee Aloolaatti dhalatan.

Obbo Galatoon maanguddoo Argaa-dhageettii, hawaasa Ona Adaabbaa keessatti kabajamaa fi jaarsa biyyaa akka turan seenaan isaanii ni mul’isa.

Obbo Galatoo Burqaa bara bittoota abbaa irree Wayyaanee/EPRDF fi PP har’aatti eenyummaa isaaniin yakkamuudhaan manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarsamaa akka turan beekuun danda’ameera.

Maanguddoo Obbo Galatoo Burqaa waahila Obbo Guyyee Duulaa Warraaqsa Xumura Gabrummaa (WXG) keessatti wareegamee ti kan jedhan maddeen keenya, waggoota 27 bara bulchiinsa TPLF/EPRDF keessa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaatnaa qabaachaa akka turan, darbees bara mormii “Master Plan” Finfinneettis eenyummaa isaaniin yakkamanii hidhamuun hiraarfamaa akka turan beekuun danda’ameera.

Obbo Galatoon bara bulchiinsa hamaa mootummaa biltsiginnaa kana keessas ilmi kee miseensa ABO ti ykn WBO keessa jiraa fidi; situ bosonatti erge ittiin jechuun guutummaa maatii isaanii waliin Ona Adaabbaa magaalaa Adaabbaatti hidhuun rakkisaa turaniiru.

Maanguddoo Obbo Galatoo Burqaa mana hidhaa sirna biltsiginnaa keessatti dhibee tiruun qabamanii dhibichi itti hammaachuu irraa waldhaansaaf gadhiifamanis, dhibeen kun yeroon waldhaansa feesisu argachuu hin dandeenye. Maatii biratti osoo waldhaanamaa jiranii daran waan itti hammaateef irraa fayyuu dadhabanii Fulbaana 24, 2023 guyyaa har’aa kana du’aan addunyaa kana irraa boqotanii jiran.

Sirni awwaalcha isaaniis har’uma bakka dhaloota isaanii ganda Hunxee Aloolaatti bakka maatii, firootnii fi namootni hedduun argamanitti raawwatee jira.

Maanguddoo argaa dhageettii jaarsa biyyaa Obbo Galatoo Burqaa Rabbiin warra Jaannataa haa godhu; maatii fi firoottan isaanii cufaaf obsaa fi jajjabina haa kennu jenna.

Teessolee keenya:

E-mail: sbo.radio88@gmail.com

Page: www.facebook.com/sbo1973

Youtube:www.youtube.com/channel/UC4FHzb0KMgQuvdnlzRldLcw

Website:www.voiceoforomoliberation.com

WhatsApp: +254736981192

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO