Mariin Hidha Laga Abbayyaa sababeeffatee biyyoota sadan gidduutti deemaa ture ni fashale
Dhimma Hidha Laga Abbayyaa irratti biyyootni sadan Finfinneetti marii irra turan osoo walii hin galin adda ba’an
Dhimma Hidha Laga Abbayyaa irratti mariin Itophiyaa, Masirii fi Sudaan gidduutti Finfinneetti guyyoota lamaaf geggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu Ministeerri Bishaanii fi Jal’isii Masirii ibsa baaseen beeksisuu maddeen gabaasaniiru.
Itophiyaan dhimma Hidha Laga Abbaay irratti waliigaltee malee qofaa deemaa jirtu amma illee, ejjennaa hin jijjiiramne calaqqisiisuun, furmaataaf waliigaltee irra ga’uuf fedhii akka hin qabne agarsiisteetti jechuun Ministeerri Bishaanii fi Jal’isii Masirii ibsa kanaan himateera.
Itoophiyaan marii biyyoota sadan gidduutti kana dura gaggeeffaman irratti dhimmoota ittiin waliigaltee turte marii guyyoota lamaaf Finfinneetti gaggeeffame kana irratti akka haaraatti waliigaluu diduu ishees Ministeerichi dabalee beeksiseera.
Itoophiyaan karaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa dhaamsa dabarsiteen mariin biyyoota sadan gidduutti dhimma Hidha Laga Abbayyaa irratti guyyoota lamaaf Finfinneetti adeemsifamaa ture xumuramuu ibsiteetti. Itoophiyaan furmaata waloo irra ga’uuf ciminaan akka hojjettus Ambaasaaddarichi himaniiru.
Teessolee keenya:
E-mail: sbo.radio88@gmail.com
Page: www.facebook.com/sbo1973
Youtube:www.youtube.com/channel/UC4FHzb0KMgQuvdnlzRldLcw
Website:www.voiceoforomoliberation.com
WhatsApp: +254736981192
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *