Mootummaan Biltsiginnaa ummata meesha maleeyyii garjabinaan jumlaan ajeesuun, mana irratti gubuu fi jumlaan hidhuun ajjeechaa jumlaa ummata keenya irratti raawwatu irraa dhaabbachuu qaba.
Tarkaanfiin Suukaneessaan Waraanni Mootummaa Biltsiginnaa Ummata Keenya Irratti Raawwatu Itti Fufa Ajechaa Jumlaa ti.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Mootummaan Biltsiginnaa ummata meesha maleeyyii garjabinaan jumlaan ajeesuun, mana irratti gubuu fi jumlaan hidhuun ajjeechaa jumlaa ummata keenya irratti raawwatu irraa dhaabbachuu qaba.
Mootummaan Dr. Abiyi “Qurxummii bishaan keessaa bal’eessuuf galaana gosuu” dhaadannoo jedhuun waraana hin xumuramnetti xumura gochuuf ummata nagahaa fi meesha maleeyyii lafa irraa duguuguu hojii guyya guyyaa godhatee itti fufeera. Kun gochaa faashistummaa daranuu diinummaa ummataaf qaban ittiin mul’ifataa jiranii dha.
Mootummaan abbaa irree Dr. Abiyyii Ahmadiin durfamu Biltsiginnaan rakkoo siyaasaa, waraanaa fi dinagdee biyyattii keessatti dhalchan furuu dadhabuun ijibbaata kufaatii isaanii waraana harka irraa qabaniin ummata nagahaa maqaa garagaraa itti moggaasuun rasaasaan aduu saafaa mana isaaniitti jumlaan ajjeesuu, qe’ee fi qabeenyaa isaanii waliin ibiddaan barbadeessuu fi jumlaan mana hidhaatti guuruu, manneen hidhaatii baasuun ummata qulqulluu ajjeesuun gochaa bineensummaa gara jabeenyaa balaaleffatamuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo gocha diinummaa mootummaan Dr. Abiy ummata keenya irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.
Giddu Gala Oromiyaa Godina Lixa Shawaa Ona Jalduu ganda Kibeetti Raayyaan Ittisa Biyyaa PPn ajajamu Onkoloolessa 15, 2023 sababa tokkoon ala ummata nagahaa irratti rasaasa roobsuun namoota 20 ol bakka tokkotti fixuu ABOn mirkaneeffateera.
Sababa tokkoon ala ummanni meesha maleeyyiin waraana mootummaa Biltsiginnaan mana isaaniitii gadi baafamuun bakka tokkotti ajjeefaman keessaa kanneen maqaan nu dhaqqabe, 1. Barataa Warquu Alamuu barataa Yunivarsitii Salaalee, 2. Barattuu Maskaram Biraahanuu barattuu kutaa 12ffaa, 3. Camarraa Qananii, 4. Diroo Urgeessaa, 5. Baqqalaa Asaffaa 6. Diribsaa Abdisaa Dabalaa 7. Obbo Abdiisaa Dabalaa mucaa isaa waliin ajjeefame 8. Tashoomaa Bisiraa daa’ima isaa waliin ajjeefame 9. Dabaltuu Tashoomaa Bisiraa 10. Bashaanaa Mulunaa 11. Mootummaa Guutaa 12. Qananii Barsiisaa fi 13. Abbittii Biraanuu kanneen keessatti argamanii dha.
Godina Kaaba Shawaa Ona Warra Jaarsoo gandoota Migiroo Baddeessaa fi Gitoo Milkii jedhamanitti Onkoloolessa 14, 2023 maqaa Shanee jedhu ummatatti moggaasuun ummata ganda guutuu waraanni sirnichaa dhukaasa itti banuun yoo xiqqaate haadha ijoollee afur waliin jirtu dabalatee namoota 20 ol ajjeeseera. Gabayyoo Gammachuu, Shuree Habtaamuu (Suyyumee) ijoollee ishee 4 waliin, Irranaa Yaayyaa ijoollee isaa 2 waliin, akkasumas Damisee Sagguu, kanneen ajjeefaman keessatti argamu. Kanneen Reebichi ulfaataan irra gahee du’aa fi jiruu gidduu jiran namoota 12 tahu. Dargaggoota dabalatee kan waraanni mootummaa humnaan qe’ee irraa fudhatee achi buutee dhabamsiise namoota 30 ta’an keessaa kanneen maqaan isaanii nu dhaqqabe, Shallamaa Gammachuu, Toleeraa Masqalaa, Taaddasaa Toleeraa, Jimaa Dirribee, Kaasahee Taaffasaa fi Amdee Abarraa kanneen jedhaman keesaatti argamu.
Kara biraan maqaa ilmaan keessan WBO keessa jiru jechuun, Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa Ganda Haqoo Kaarraa iddoo addaa Baalloo Gadabbaatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Onkoloolessa 17, 2023 ganamaa fi galgala itti deebi’uun manneen jiraattotaa 8 ibiddaan barbadeessanii, ummatas jumlaan qabanii hidhan.
Namootni manni jalaa gubate keessaa kan maqaan argame 1. Abubakar Sadee Weeboo, 2. Baaxulii Tusaa, 3. Qaasim Baaxulii Tusaa, 4. Bakar Ambee, 5. Xaahaa Sheek Hasan fi 6. Baamud Duubee ti. Ganduma kana iddoo addaa Baalloo Gadabbaatti kanneen hidhaman namoota 20 ol yoo tahan kan maqaan isaanii ifa ta’e: 1.Baqqalaa Damee jaarsa biyyaa, 2. Abdulkariim Bariisoo jaarsa biyyaa, 3. Jamaal Qaasuree, 4. Gazzaa Kaasaa, 5. MaammadHuseen Abdulkariim Itti gaafatamaa liigii dargaggoo magaalaa Haqoo abbaa isaa wajjiin 6. Madiinaa Usmaan 7.Tamiimaa Abdulqaadir 8.Gishee Qaasuree 9. Nasruu Qumbusaa 10. Hamzaa Qaasimoo 11. Rijaal She/Aamad 12. Jamaal Ismoo 13. Kamisoo Fattoo 14. Siraaj Adam 15. Usulee Alloo 16.Ismaa’il Mammade 17. Aadam Abdullaahii fi 18.Janbaruu Kabbadaa ti.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ajjechaa jumlaa, hidhaa fi gochaalee gara jabinaa tahe jedhee mootummaan Dr. Abiy waraana isaa bobbaasuun ummata meesaha maleeyyii irratti raawwatu dura dhaabachaa tureera.
Wal yaadachiisuuf, Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa fi naannootti maqaa Faannoo jedhuun of golguun qaama Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) kan ta’e komaandoon PP, Fulbaana 13, 14 fi 15, 2023 tarkaanfii suukanneessaa ummata nagahaa irratti fudhateen mana jireenyaa isaaniitti seenuun ajjeesuu, konkolaataa keessaa buusuun qabeenyaa isaanii saamuu, reebicha ulee fi rasaasaa irraan gahuun lubbuu qulqullootaa hedduu galaafateera.
Fulbaana 08, 2023 dargaggoo Tamasgeen Dhinaa jedhamu ajjeesuun gataniiru. Gaafuma kana Galaasaa Jifaaraa Dhaabaa Ona Amboo, ganda Galaan Waddeessaatti geessuudhaan haala suukanneessaa fi gara jabinaan guutameen ajjeesaniiru. Guyyaadhuma kana bakkuma eerame kanatti yeroo lammaffaaf mucaa umuriin isaa waggaa 17 ta’e Incaalaa Taayyee Ajjamaa haala gara jabinaan guutameen ajjeesaniiru.
Godina Wallaggaa Bahaa, Ona Sibuu Siree Ganda Jaarsoo Waamaa keessatti mucaa maqaan isaa Danuu Malkaamuu Gammadaa jedhamu ajjeesanii daandii irratti gatanii bineensa nyaachisanii awwaalcha dhabsiisaniiru.
Bara 2021 keessas dargaggoo Amaanu’el Wandimmuu Magaalaa Dambi-Doolloo keessatti ummata fuulduratti baasanii osoo haatii fi firoonni isaa maaloo mucaa keenyaa hin ajjeesinaa jedhanii boo’anii watwaatanii haala suukanneessaan rasaasa itti roobsanii ajjeesaniiru.
Bara 2022 keessas barattoota yuunivarsiitii 6 magaalaa Naqamtee mana isaanii keessaa TV daawwataa turan itti marsanii qabuudhaan “Abbaa Torbee” jechuudhaan bifa gaddisiisaan ajjeesaniiru.
Bara 2023 Ona Mana Sibuu keessatti humnoonni mootummaan hidhachiisee bobbaase dargaggootaa fi shamarran 6 erga ajjeesanii bowwatti gataniiru.
Hagayyaa 15, 2023 Godina Shawaa Bahaa Ona Dugdaa ganda baadiyyaa Birbirsaa Guddaa Saabolee namoota Jaarraa Qajeelaa Bulbulaa, Boonsaa Machii Abboosaa, Daalee Gunjoo Tufaa fi Geetachoo Guunjoo kanneen jedhaman ummata fuula duratti haala nama suukkaneessuun ajjesaniiru.
Hagayya, 7, 8, 10 fi 11, 2023 Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Onoota Amboo, Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobii fi Gindabaratitti walduraa duubaan yakka namoomaa suukanneessaa hidhaa jumlaa, reebicha, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa jumlaa ummata nagahaa irratti raawataniiru; Abbootii Gadaa Karrayuu jumlaan ajjesaniiru.
Kana qofaa miti kan guyyatti bakketti ajjeefamaa oolu hedduu dha. Kana cufaaf Mootummaan Dr.Abiyi Ahimad Biltsiginnaan gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin bahu.
Akkuma kanaan dura irra deddeebinee gaafataa turree ammas yakka namoomaa fi ajjeechaa jumlaa bulchiinsa isaanii jalatti tahe jedhamee ummata keenya irratti raawwatamuuf itti gaafatamu.
Maayii irratti, badii fi gaaga’ama mootummaan Dr. Abiyyi ummata keenya irratti raawwataa jiruuf ummanni Oromoo bal’aan, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni ummatoonni biyya kanaa, hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman gadi jabeessanii akka balaaleffatanii fi dura dhaabbatan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waamicha taasisa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 18, 2023
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *