Karaa biraas imaammanni biyyattii keessatti bahu akka inni faayidaa Oromoo hin sharafne gochuuf gorsaa fi waraqaa qorannoo garagaraa dhiheessuun yaada bilchaataa nama gumaachaa turanii dha.

Ibsa Gaddaa Du’aan Boqochuu Jaal Tasfaayee Baqqalaa Ilaalchisee Kenname
Jaal Tasfaayee Baqqalaa Dhiha Oromiyaa, Godina Baha Wallaggaa Ona Kiiramuu keessatti dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa duraa fi lammaffaa erga naannoo itti dhalatanitti xumuratanii booda qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii ol-aanaa galmeessuun Univarsiitii Haroomaayyaa seenanii digirii jalqabaa (B.Sc.) Misooma Qonnaan argatan.
Itti fufuunis digirii lammaffaa Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaan Univarsitii Saayinsii Qonnaa Upsaala kan biyyaa Siwiidinitti argamu irraa baratanii eebbifamaniiru. Kana malees MBA “Project Management”dhaan Cambridge International College biyya UK irraa argataniiru. Sartifikeeta leenjii gaggabaaboo garagaraas biyya keessaa akkasumas Afrikaa Kibbaa fi USA keessatti hordofuun badhaafamaniiru. Hojii dhaabbata garagaraa keessatti Itoopiyaa, Indooneezhiya, Sudaan Kibba, Sudaanii fi USA keessatti miindeffamanii hojjetaa turaniiru.
Jaal Tasfaayeen bara dargaggummaa isaanii irraa eegalee nama qaroo sarbama mirga dhala nama mormanii fi nama midhama saba isaaniif quuqama guddaa qaban turan. Akkuma sirni Dargii kufee, Addi Bilisummaa Oromoo ABOn mootummaa ce’umsaa keessatti hirmaachuu eegaleen, Univarsiitii Haroomaayaatti barataa osoo jiranii, battalumaan Qubee Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessuu akkasumas Seenaa Oromoo dursanii barachuun baruma sana (1991-92) yeroo barnootaa isaanii wareeguun hawaasa Oromoo mooraa Univarsiitichaa keessaa fi gandoota baadiyyaa Harargee Bahaa keessa jiran keessa deemuun kutannoon barsiisaa turan.
Yeroo sana namni Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessu baay’ee xiqqaa ture. Kanaaf Afaan Oromoo akka afaan barnootaa ta’ee babal’atu gochuu akkasumas seenaa Oromoo barsiisuun akka ummatni dammaqee mirga isaaf falmatuuf gumaacha guddaa seenaan hin daganne kennaa turan.
Keessattuu yeroo seenaa Oromoo barsiisaa turan walaloo barreessuutti waan dandeettii addaa qabaniif walaloo qopheessanii ummata Oromoo isa bakka biraa irraa dhufee fi isa Oromiyaa Bahaa keessa jiru riqicha ta’anii wal barsiisuudhaan ummata Oromoo biratti jaalalaa fi fudhatama guddaa horataniiru. Akka fakkeenyaatti, guyyaa Ayyaana Sirni Odaa Bultum haareffamee bara 1992 kabajame bakka bu’aa barattoota Oromoo Univarsitii Haroomaayaa ta’uun Walaloo tokkummaa ilmaan Oromoo ibsitu qopheessanii dubbisuun ilmaan Oromoo kan bakka kabaja ayyaanichaatti argame jaalala Oromummaan walitti baqsaniiru.
Jaal Tasfaayeen erga hojiitti bobba’aniis qabeenyaa fi beekumsa qaban utuu hin qusatin qabsoo Oromoon mirga isaa mulqame deebifachuuf godhu akka fiixa bahuuf shoora guddaa nama bahaa turanii dha.
Keessaahuu baroottan dhihoo asitti Hagoobara Waldaa Ogeessota Oromoo ijaaruu fi jalatti immoo fuula fuulaan Waldaa Ogummaa mata mataatti ijaaruun akka Oromoon beekumsa qabuun biyyaa isaa Oromiyaa fi saba isaa Oromoo waan fayyadu hojjetuuf nama gahee leencaa taphataa turanii dha.
Karaa biraas imaammanni biyyattii keessatti bahu akka inni faayidaa Oromoo hin sharafne gochuuf gorsaa fi waraqaa qorannoo garagaraa dhiheessuun yaada bilchaataa nama gumaachaa turanii dha.
Gama biraan Jaal Tasfaayeen bara 2018 Fulbaana 15 yeroo hoogganni ABO gara biyyaatti deebi’u, koree simannaa keessatti hirmaannaa guddaa qabaachaa turan.
Jaal Tasfaayeen baroota dhihoo asitti hojii dhuunfaa isaanii eegaluun gorsaa ta’anii osoo hojjetaa jiranuu cinaan immoo barnoota isaanii digirii sadaffaa (PhD) xumuruuf hojii qorannoo (research) geggeessaa osoo jiranii, dhukkuba akka tasaa isaan mudateen yaalamaa turanii Onkoloolessa 22, 2023 kaleessa addunyaa kana irraa du’aan boqotan. Jaal Tasfaayeen hanga gaafa du’aan boqotaniitti mirga saba Oromoo kabachiisuu keessatti gama hundaan gumaacha guddaa godhaa turaniiru. Jaal Tasfaayeen nama maatii ijaarratanii fi abbaa ijoollee 5 ti.
Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqochuu Jaal Tasfaayee Baqqalaatti gadda itti dhagahame ibsachaa, maatii fi firoottan isaanii akkasumas ummata Oromoo of gidduu isaan dhabeef jajjabina hawwa.
Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 23, 2023
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *