Ummata meesha maleeyyii (sivilii) irratti meeshaa waraanaa gugurdaa dhukaasuun yakka waraanaa ti.

Ummata meesha maleeyyii (sivilii) irratti meeshaa waraanaa gugurdaa dhukaasuun yakka waraanaa ti.

Waraanni sirnichaa meeshaalee kana fageenya irraa gandeen ummataatti waan dhukaasuuf miidhaan dhaqqabsiisaa jiru olaanaa ta’uu jiraattotni onoota kanneenii karaa argatan hundaan ifoomsaa jiran.

Ummata meesha maleeyyii (sivilii) irratti meeshaa waraanaa gugurdaa dhukaasuun yakka waraanaa ti.

Godina Kaaba Shaggar Salaalee Onoota Yaayyaa Gullallee, Dagam, Kuyyu, Hidhabuu Abootee fi kkf keessatti ummatni keenya erga torban tokkoo as meeshaalee gugurdaa waraanni mootummaa PP Dr.Abiy Ahmediin ajajamu irratti dhukaasuun jiruu fi jireenyi isaa duraa diigamaa jira. Ummatni waraana hin taanee fi hidhannoo hin qabne hojjetatee buluuf carraaqqatu qe’ee isaa keessatti meeshaa waraanaa gugurdaa hagana gahuun reebamaa jira.

Biltsiginnaan WBOn lolaa jira jedhee haa himatu malee, rasaasa waraanni sirnichaa dhukaasaa ooluun jumlaan ajjeefamaa kan jiru humna hidhataa osoo hin taane, ummata nagaa meeshaa tokko illee of harkaa hin qabnee dha.

Ummatni kun yaaddoo fi sodaa keessatti kufus, kan sodaatee fi itti yaadda’es irraa hin hafne. Meeshaalee gugurdaa waraanni mootummaa Dr.Abiy dhukaasaa jiru gandeen ummataa qabeenya waliin mancaasuu qofa osoo hin taane, lubbuu lammiilee baasaa fi qaamaa hir’isaa jira.

Waraanni sirnichaa meeshaalee kana fageenya irraa gandeen ummataatti waan dhukaasuuf miidhaan dhaqqabsiisaa jiru olaanaa ta’uu jiraattotni onoota kanneenii karaa argatan hundaan ifoomsaa jiran.

Gochi mootummaan PP waraana isaa bobbaasee Kaaba Shaggar keessatti ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irraan gahaa jiru yakka waraanaa ti. Yakka namummaa irratti raawwatamaa jiruu dha.

Ummatni keenya fageenya irra jiraatuu, networkii fi dhaba miidiyaa irraa miidhaan isa irra gahu akka silaa feesisutti ifatti ba’aa hin jiru. Miidhaa olaanaatu sirna Biltsiginnaan ummata kana irra gahaa jira.

Taankiin, marfiin, BMn, Mortarri, Dishqaa fi meeshaalee biroon WBO loluuf bobbaafame, lubbuu ummata qulqulluu bal’eessaa, qe’ee hawaasaa mancaasaa jira malee, akka sirni PP jedhu WBO dura ittiin dhaabbataa akka hin jirre miidhaan ummata irra gahaa jiru ragaa dha jechuun jiraataan Ona Kuyyuu barsiisaa ta’ee fi maqaan isaa akka dhahamu hin feene yaada SBOf ergeen hubachiiseera.

Waraanni mootummaa humna hidhatee sossohu itti dhaqee bakka isaan jiranitti loluun osoo isaan irra jiruu, haala itti gaafatamni itti hin dhaga’amnee fi lubbuu ummataaf dantaa dhabuun, meeshaalee gugurdaa fageenya irra taa’ee qe’ee ummataa, manneenii fi ooyiruu keessatti dhukaasuun gaaga’ama guddaa lammiilee irraan gahaa akka jiru jiraataan kun dabaluun ifoomsa.

Walumaagala mootummaan sirna PP waraana isaan ummata meesha-maleeyyii irratti yakka waraanaa raawwataa jira. Kaaba Shaggar keessatti kan ta’aa jiru kanuma.

Mootummaan Biltsiginnaa karaa hundumaan ummata Oromoo lafa irraa fixaa jira. Waraana, beelaa fi dhukkubaan ummatni kun akka harca’uuf hojii karooraan waggoota walitti aanan shanan kana hojjetaa jiruun lubbuu baay’ee bal’eesseera; ammas daran bal’eessuuf aara galfii malee itti jira.

Oromoon mootummaa Biltsiginnaa irraa waan abdatuu fi eeggatu tokko illee akka hin qabne irra deddeebinee hubachiisaa turre; har’as boris haga sirni kun jirutti kanuma hubachiisna. Tasumaa PPn Oromoof waan gaarii hojjechuu fi fiduufii hin danda’u. Sirnichis, moootummichis kan Oromoo ta’uu hin danda’u.

Oromoon kanaan of sobuu hin qabu. Lallaba kaabinootaa, dabballootaa fi lukkeelee garaa mo’atuu dadhabanii sirna Oromoo fixaa jirutti maxxanuun akka waan mootummichi kan Oromoo ta’eetti iyyaa fi barreessaa oolaniin afanfajjawuun isa irra hin jiru. Oromoon afaan tokkoon sirna kanaan na gahe jedhee yoo karaa hin qabsiisin gaaga’amni isa mudachuuf taa’u kan daranii ti. Kun haqa dirree jiraa ti.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO