๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐ข ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž) ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐‡๐ฎ๐ฌ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ก๐ข๐ฆ๐š๐ ๐†๐š๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ’๐š๐š๐ง ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐๐จ๐ช๐š๐ญ๐ž

๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐ข ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž) ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐‡๐ฎ๐ฌ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ก๐ข๐ฆ๐š๐ ๐†๐š๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ’๐š๐š๐ง ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐๐จ๐ช๐š๐ญ๐ž

Bara 2018 yeroo ABOn gara biyyaa gale miseensa koree simannaa ABO Ona Collee tahuun tajaajilaa ture. Sana boodas damee Siyaasaa fi Jarmaatti ramadamuun Wajjira ABO Onichatti banuuf yaalee erga dhowatamee booda, haaromsa koree ABO Godina Arsii godhameen bara 2022 godinaatti ramadamee tajaajilaa ture.

๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐ข ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž) ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐‡๐ฎ๐ฌ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ก๐ข๐ฆ๐š๐ ๐†๐š๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ’๐š๐š๐ง ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐๐จ๐ช๐š๐ญ๐ž – Ijoo Dubbii – ABO

Jaal Huseen Ahimad Ganamoo abbaa isaa Obbo Ahimad Ganamoo fi Haadha isaa Aadde Baassuu Yaassuu irraa Bara 1964 ALAtti Kibba-baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Digaluuf Xiijoo ganda Anshaa Lakkichaatti dhalate.

Jaal Huseen umriin isaa akka barnootaaf ga’een Sadarkaa tokkoffaa mana barnootaa Misiiyoonii (amma Leemmuu Sirbaa) jedhamutti xumuruun mana barnootaa Sadarkaa lammaffaa Boqojjiitti baratee, Kolleejjii Barsiisotaa Roobeettii ogummaa barsiisummaan eebbifame. Hojii barsiisummaan bara 1991 Godina Arsii Ona Gololchaa magaala Dhummuugaa Shanan Kooluutti barsiisaa tureera.

Digirii isaa Yunvarsiitii Finfinnee irraa kan fudhate yoo ta’u, Biiroo Barnootaa Ona Colleetti ramadamuun qulqullina barnootaa irraattis hojjataa ture.

Jaal Huseen Ahimad hojii barsiisummaa cinaatti roorroon Oromoo irraa jiru isas dhukkubsee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamutti bara 1991 dabalame. Hojii dabballummaatiif leenjii ABOn kenneef hamileen fudhatee irbuu seenuun ummata Oromoo barsiisuu fi dammaksuun dirqama Oromummaa isaa qulqullinaa fi amanamummaan akka bahachaa ture seenaan isaa ni mul’isa.

Jaal Huseen akka seenaan isaa ibsutti qabsoo hidhannoo keessattis hirmaachuun gootota hogganoota WBO Zoonii Bahaa keessa socho’an Cibraa Hanbisaa Soolee keessatti kanneen akka Jaal Hanbisaa Soolee, Jaal Daamaa, Jaal Murteessaa Sana’a, Jaal Utubaa Sabaa, Jaal Dhaddachoo Roobaa, Jaal Tuujii fi jaallan biroo hedduu waliin nama dirqama ulfaataa ba’achaa turee dha.

Jaal Huseen bara mootummaa TPLF Oromummaa isaan yakkamee woggoota sagaliif (9) akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1987 -1996 manneen hidhaa Ona Collee, Huursoo, Qilinxoo, Qaallittii, Maakalaawwii fi Zuwaayitti hidhamaa tureera. Manneen hidhaa keessatti dararaa guddaan nama irra gahee dha. Addatti mana hidhaa Huursoo keessatti reebicha ulfaataa irraa gaheen miidhaa hedduuf saaxilamuu seenaa isaa irraa baruun danda’ameera.

Jaal Huseen hidhaa keessaa bahees yeroo adda addatti caasaalee mootummaatiin rorrifamaa kan ture yoo ta’u, akka namaatti gammadee jiraatee hin beeku.

Bara 2018 yeroo ABOn gara biyyaa gale miseensa koree simannaa ABO Ona Collee tahuun tajaajilaa ture. Sana boodas damee Siyaasaa fi Jarmaatti ramadamuun Wajjira ABO Onichatti banuuf yaalee erga dhowatamee booda, haaromsa koree ABO Godina Arsii godhameen bara 2022 godinaatti ramadamee tajaajilaa ture.

Jaal Huseen abbaa ijoollee 10, dhiira 5 fi dubara 5 yoo tahu, miidhaa yeroo dheeraaf mana hidhaattii isa mudateen eelaa midhama irraa ka’een dhukkubsatee wal’aansa irraa osoo jiruu dandamachuu dadhabuun Sadaasa 15, 2023 du’aan addunyaa irraa boqateera.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, du’aan boqachuu Jaal Huseen Ahimadiif gadda itti dhagahame ibsataa, isaaf Rabbiin jeennata haa kennu jechaa, maatii fi firoottan isaaf akkasumas jaallan isaaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaโ€™aan Ni Kufa! Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 16, 2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO