Kanneen ajjeefaman keessaa 32 barattoota yoo taโan, 20 ol kan taโan ammoo ummata irraa taโuun ibsameera.
Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaatti haleellaa Xayyaara Nam-maleessaa mootummaan Biltsiginnaa raawwateen lammiileen Oromoo 52 ol taโan ajjeefaman.
[SBO – SADAASA 25, 2023] Sadaasa 23, 2023 Kamisa darbe mootummaan abbaa irree PP Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa mana barumsaa Odaa Kanniisaa jedhamu irratti haleellaa xayyaara nam-maleessaa (drone) raawwateen barattoota dabalatee ilmaan Oromoo 52 ol taโan ajjeesuu maddeen naannoo gabaasaniiru.
Kanneen ajjeefaman keessaa 32 barattoota yoo taโan, 20 ol kan taโan ammoo ummata irraa taโuun ibsameera.
Bakka tarkaanfiin xayyaaraa kun itti fudhatame lolli kan hin jirre taโuu fi sirnichi taโe jedhee ummata nagaa fi barattoota irratti haleellaa xayyaaraa raawwatuun dhiiga lammiilee nagaa gadi naqe jechuun maddeen ifa godhu.
Mootummaan Biltsiginnaa Godinaalee Oromiyaa Guddu-galaa Baha, Kaabaa fi Lixa Shaggar, akkasumas Lixa Oromiyaa Godinoota Wallaggaa hunda, Godina Gujii fi bakkoota kaan keessatti maqaa WBO haleeluu jedhuun ummata nagaa bakka hojiitti, iddoo oomishaatti, mana keessatti, dirree irratti xayyaaraan rukutuun lammiilee nagaa dhibboota hedduun ajjeesee, kumootaan qaamaa hirโiseera. Manneenii fi qabeenya ummataas hedduu barbadeesseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *