Suuraaleen suukanneessoo taโan maxxansuun rakkisaa taโe nu dhaqqabe irraa hubachuun akka dandaโametti haleellaa xayyaaraa kanaan ijoolleen barattoota taโan haala suukanneeysaan miidhamaniiru. Miidhaa olaanaa qaama isaanii irra gaโe ilaaluun ni ulfaata.
Godina Gujii Lixaa Ona Galaanaa keessatti ilmaan Oromoo nagaa jaโa (6) ajjeefaman
Mootummaan Biltsiginnaa waraana isaa bobbaasee lammiilee Oromoo nagaa qeโee isaanii keessatti ajjeesuu kan itti fufe yoo taโu, Sadaasa 24, 2023 Godina Gujii Lixaa Ona Galaanaa ganda Giwwee baadiyaatti ilmaan Oromoo jaโa (6) haala suukanneessaan bakka tokkotti ajjeesuu maddeen ifoomsanii jiran.
Namootni guyyaa kana waraana PP Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamaniin ajjeefaman kunniin:
1) Maanguddoo Badhaanee Lolee – umriin 60
2) Nugusee Gannaalee – umriin 38
3) Bushaa Ataraa – umriin 35
4) Halakee Hoxxeessaa – umriin 35
5) Chuuchuu Areerii – umriin 26
6) Taarikuu Miiraa – umriin 24 taโuu maddeen ni gabaasaniiru.
Ilmaan Oromoo ajjeefaman kunniin WBO gargaartuu fi odeessa dabarsitanii laattaniif jedhamuun kan ajjeefaman taโuun hubatameera.
Golgaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)n ajjechaan waraana sirna mootummaa Biltsiginnaa fi humna qilleensaa mootummichaan ummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kan yeroo kamii caalaatti hammaataa fi babalโataa jira. Kanaanis murni PP yakka waraanaa seeraan gaafachiisu ummata meesha-maleeyyii irratti raawwatuu itti fufeera.
Sadaasa 23, 2023 Kamisa darbe mootummaan abbaa irree PP Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa mana barumsaa Odaa Kanniisaa jedhamu irratti haleellaa xayyaara nam-maleessaa (drone) raawwateen barattoota dabalatee ilmaan Oromoo 52 ol taโan ajjeesuu gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.
Suuraaleen suukanneessoo taโan maxxansuun rakkisaa taโe nu dhaqqabe irraa hubachuun akka dandaโametti haleellaa xayyaaraa kanaan ijoolleen barattoota taโan haala suukanneeysaan miidhamaniiru. Miidhaa olaanaa qaama isaanii irra gaโe ilaaluun ni ulfaata.
Sirni PP gara laafina tokko Oromoof hin qabu. Kan raawwataa jiru yakka waraanaa ti; gocha faashistummaa ti. Bakka WBOn fi lolli geggeeffamaa hin jirretti, ummata meesha-maleeyyii irratti, qeโee ummataa keessatti boombii roobsuun dhala namaa bifa suukanneeysaan dhiiga jigsuun yakka; gocha isaa kanaaf oolee bulus gaafatama jalaa miliquu hin dandaโu.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *