Duโ€™aan Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO

Duโ€™aan Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO

Jaal Abbeen, Bara 2018 wayta hogganni Adda Bilisummaa Oromoo gara biyyaa deebiโ€™een booda, bobbaa jila ABO Godina Jimmaatti taasifameef koree simannaa keessatti adda durummaan sochoโ€™ee qooda mulโ€™ataa kenneera.

Duโ€™aan Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO

Qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu keessatti hiriiruudhaan qooda adda addaa kennaa kan ture qabsaโ€™aa Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa duโ€™aan boqotee jira. Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbeetti) gaddi ABO olaanaa dha.

Jaal Abdurrazaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu, Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa ganda Mantiinaatti abbaa isaa Obbo Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu fi haadha isaa Aadde Diggoo Abbaa Bulguu irraa ALItti bara 1976tti dhalate.

Abbeen akkuma guddatee yeroon isaa gaโ€™etti qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu keessatti hirmaatuun waan dandaโ€™uun haga gaafa lubbuun isaa baatuutti gumaacha isa irraa eegamu baโ€™ataa ture.

Sochii qabsoo Oromoo addatti sochii dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessattis karaa isaaf dandaโ€™amuun hirmaatuun warraaqsi qeerroo akka jabaatuuf gumaachaa tureera. Addatti sochii Qeerroo Godina Jimmaa keessatti jaala qooda hin dagatamne kenne akka taโ€™e seenaan hirmaatnaa qabsoo isaa ni mirkaneessa.

Bara mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF keessa hordofamaa fi sodaachifamaa akkasumas hidhamee gidirfamaa kan ture Jaal Abdurrazzaaq (Abbeen), erga mootummaan wayyaanee karaa irraa maqfamees, bara mootummaa PP ammaattis, duโ€™a Art.Hacaaluu Hundeessaan booda qabamee hidhamuun hiraarfamaa ture.

Jaal Abbeen, Bara 2018 wayta hogganni Adda Bilisummaa Oromoo gara biyyaa deebiโ€™een booda, bobbaa jila ABO Godina Jimmaatti taasifameef koree simannaa keessatti adda durummaan sochoโ€™ee qooda mulโ€™ataa kenneera.

Caasaa Adda Bilisummaa Oromoo magaalaa Jimmaa dabalatee Onoota Godina Jimmaa adda addaa keessatti gadi dhaabuuf, akkasumas hawaasa ijaaruu keessatti Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu jaala qooda guddaa taphatee dha. Kana malees caasaa ABO Godina Jimmaa keessatti dirqama dinagdeen dhaaba utubuu itti kenname cinaatti, dirqamoota itti kennaman biroo jabinaan jaala baโ€™ataa turee dha.

Banamuu Waajjira ABO Godina Jimmaa keessattis gumaacha guddaa kan godhe Jaal Abdurrazzaaq ykn Abbeen, sochii qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo godinicha keessatti gadi dhaabuu fi babalโ€™isuuf taasifamaa ture keessatti of qusannaa tokko malee, nama dinagdee mataa isaan dhaaba cina dhaabbataa fi qabsaawota gargaaraa, kanneen kaaniif fakkii taโ€™aa ture taโ€™uu seenaa qabsoo isaa irraa hubachuun ni dandaโ€™ama.

Jaal Abdurrazzaaq (Abbeen) nama amala qabsaawummaa qabu, hawaasa biratti beekamtii fi jaalala horate, qabsaawotaaf naatoo mulโ€™isuu fi waan inni raawwate yoom illee kan hin dagatamne taโ€™uu jaallan isaa kanneen itti dhiheenyaan isa beekanii fi waliin hojii qabsoo qooddatan ni mirkaneessu.

Jaal Abbeen guyyoota muraasaan dura dhukkuba akka tasaa isatti dhufeen dhibamee Hospitaala Jimmaatti waldhaanamaa erga tureen booda, irraa fayyuu dadhabuun Sadaasa 26, 2023 duโ€™aan boqotee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo duโ€™aan boqotuu Jaal Abdurrazaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduutti gadda itti dhagaโ€™ame ibsaa, maatii, firootaa fi jaallan qabsaawotaaf jajjabina hawwa.

Qabsaโ€™aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 26, 2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO