๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐ˆ๐ฆ๐ฉ๐š๐š๐ฒ๐ž๐ซ๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข!

๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐ˆ๐ฆ๐ฉ๐š๐š๐ฒ๐ž๐ซ๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข!

Lixa Shaggar Ona Gindabarat gandoota 22 keessaa ummata 10, 000 ol ta’utu qe’ee ofii irraa buqqaafame

๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐ˆ๐ฆ๐ฉ๐š๐š๐ฒ๐ž๐ซ๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข!

Godina Lixa Shaggar Ona Gindabarat โ€“ Jimlaan ajjeefamu hanga qeโ€™ee ofii gadhiisanii baqatuuttiโ€ฆ

Kaleessas harโ€™as hireen Oromoo bittoota impaayera Itophiyaa jalatti ajjeefamuu, hidhamuu, qeโ€™ee fi qabeenya ofii irraa buqqifamuu dha. Sababa kanaan miliyoonaan harcaโ€™eera.

Bara bittaa abbaa irree sirna Biltsiginnaa waggoota shanii keessatti ammoo kan Oromoo mudatee fi mudataa jiru kan daranii ti. Ajjechaan nam-tokkee irraa hanga jimlaatti raawwatamu himuufuu suukanneessaa taโ€™eera. Hidhaan mana Oromoo hunda galeera sadarkaa jechuun dandaโ€™amu irra jira. Buqqaatiin ummataa kumootaan osoo hin taane miliyoonotaan lakkaโ€™aama. Kanaan Oromoon akka baalaa harcaโ€™aa jira.

Kan argaa jirtan Oromoota Godina Lixa Shaggar Ona Gindabarat irraa maqaa WBOn mootummaan Biltsiginnaa waraana irratti banee hanga dandaโ€™u ajjeesee fi hidhe irraa kan hafan qeโ€™ee fi qabeenya isaanii dirree irratti gatanii baqachuuf dirqamanii dha. Ummatni kun irra jireessi isaa mannii fi qabeenyi duraa mancaโ€™eera. Ummatni 10,000 oltaโ€™u gandoota 22 Ona Gindabarat keessaa buqqaโ€™an kun waan nyaatanii fi dhugan dhabanii dirree irratti facaโ€™anii haala ulfaataa keessatti kufanii argamu. Maanguddootni, dubartootnii fi daaโ€™imman lakkoobsaan guddatu. Isaan kun qaama isaaniif dirmatuu fi gargaaru dhabanii jiruu hamtuu sirni impaayeraa itti fideen waldhaansoo qabaa jiran.

Harโ€™a hireen Oromoo Bahaa-dhihatti, Kaabaa-kibbatti giddu-galeessaanis taโ€™u walfakkaataa ykn tokkichuma. Ajjeefamuu, hidhamuu, buqqaafamuu, manaa fi qabeenyaan mancaafamuu (ibiddaan barbadeeffamuu) taโ€™ee jira.

Buโ€™aan jijjiiramaa fi idaโ€™amuu sirna PP kan Dr.Abiy Ahmed mataa itti taโ€™ee jiru Oromoof argamsiise isa kana dha.

Haalli kun akkanatti itti fufnaan, dhumaatiin ykn gaagaโ€™amni Oromoo mudatuuf jiru kan daranii fi suukanneessaa taโ€™a. Miidhaa akka sabaatti dhufe kana akka sabaatti dhaabbii itti tolchuun dirqama sabummaa Oromoo irra jiruu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO