SBO AMAJJII 08, 2024

Waliigaltee buufata galaanaa mootummaa PP fi mootummaa Somaliland gidduutti irra gahameen walqabatee muddama dhalateen, baqattoota Oromoo fi kanneen biroo Somaaliyaa jiran irra miidhaan akka hin geenye, eeggannoon godhamuufii akka qabu, muddamni siyaasaa haaraan dhalate kunis yeroo fi hatattamaan furmaata karaa nagaa argachuu akka qabuuf qaamotni dhimmi ilaalu hundi irratti hojjechuu akka qaban, Waajjirri Damee Hariiroo Alaa ABO ibsa Amajji 07, 2024 baaseen gaafatee jira.

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo keessatti lola bal’aa finxaaleyyiin Faannoo fi loltootni mootummaa PP Oromoo Walloo irratti bananii jiraniin walqabsiisee ABOn Ijoo Dubbii Amajjii 05, 2024 baaseen Lola deddeebiin ummata keenya irratti banamee lubbuu qulqullootaa galaafatuuf kan itti gaafatamu mootummaa PP ti jedheera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO