Itophiyaan Somalilaandiif beekamtii kan kennituu fi buufata doonii kan ijaarrattu yoo ta’e Somaaliyaan waraana eegaluuf qophaa’uu gorsaan piresidaantii Somaaliyaa dubbatan
Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf dhaadachuun dhaga’ame.
Ulaa galaanaa argachuu kan jedhuun waliigaltee mootummaa PP fi Somaliland gidduutti irra ga’ame hordofee muddamni Itophiyaa fi Somaaliyaa gidduu daran hammaatee wayta jiru kanatti, Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf qophaa’uu ishee ifa gootee jirti.
Itophiyaan Somalilaandiif beekamtii kan kennituu fi buufata doonii kan ijaarrattu yoo ta’e Somaaliyaan waraana eegaluuf qophaa’uu gorsaan piresidaantii Somaaliyaa dubbataniiru.
Akka The Guardian gabaasetti, piresidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud, Somaalotni biyya isaanii tiksuuf akka qophaa’an yaamicha taasisuu gorsaan piresidaantichaa ibseera.
Nuti rakkoo dhalate karaa diplomaasiin hiikuuf carraa qabnu hunda hordofaa jirra kan jedhan gorsaan piresidaantii Somaaliyaa kun, haa ta’u malee, Abiy Ahmed waraana kan barbaadu yoo ta’e nu qophii dha jedhaniiru.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn ibsa Amajjii 07, 2024 baaseen, mallattoo walhubannoo mootummaa Itoophiyaa fi Somaaleeland gidduutti ta’e hordofee jeequmsi siyaasaa fi haawaasummaa mul’ataa jiru kan isa yaaddesse ta’uu ibsee jira. Waliigalteen kun kan mootummaa Itoophiyaa fi qaama irratti hirmaate ta’uu kan hubachiise ABOn, hundis akkasitti akka hubatuuf yaamicha dhiheesse.
Yeroo jeequmsi siyaasaa ho’aa ta’ee jiru kanatti qaamonni waliigaltee kana irratti qooda fudhatan hunduu tasgabbii fi walhubannaan akka socho’an ABOn akeekuun, gamni lachuu tarkaanfii miira irratti hundaa’e irraa akka of qusatan gaafate.
Hawaasni Idil-addunyaa, Mootummootni Gamtootaman (UN), Gamtaan Afrikaa (AU), Gamtaan Awurooppaa (EU) fi biyyootiin ollaa jeequmsi amma uumame kun nagaan hiikkaa akka argatu dhiibbaa malu akka godhan yaamicha kan taasise ABOn, rakkoon dhalate kun yeroo fi hatattamaan furmaata yoo hin arganne, gaaga’ama siyaasaa fi hawaasummaa bal’aa uumuu akka danda’u dursee hubachiiseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *