Du’aan Boqachuu Miseensa Gameessa Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Mokonnin Galaan Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Du’aan Boqachuu Miseensa Gameessa Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Mokonnin Galaan Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Jaal Mokonnin Galaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qooda fudhataniin bu’uureffamuu ABO irraa eegalanii qooda qabsoo bahachaa turaniiru. Dirqama dhaabaa ofitti fudhatuun hojjechaa turan.

Du’aan Boqachuu Miseensa Gameessa Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Mokonnin Galaan Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqachuu Jaal Mokonnin Galaanitti gaddi itti dhagahame akkaan olaanaa dha.

Jaal Mokonnin Galaan bara 1942tti Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Ona Gimbiitti dhalatan.

Barnoota sadarkaa olaanaatiin “Economics”n kan eebbifaman Jaal Mokonnin, bara sirna bulchinsa DERG keessa bulchaa Gaamuu Goofaa tahuun hojjataniiru.

Jaal Mokonnin Galaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qooda fudhataniin bu’uureffamuu ABO irraa eegalanii qooda qabsoo bahachaa turaniiru. Dirqama dhaabaa ofitti fudhatuun hojjechaa turan.

Bara bulchiinsa mootummaa abbaa irree DERG keessa ABO tahanii eenyummaa isaaniin yakkamuun Jaal Ibsaa Guutamaa, Jaal Abiyyuu Galataa fi jaallan biroo hedduu waliin ganna 10f hidhamaniiru.

Jaal Mokonnin akkuma hidhaa bahaniin bara 1996 Kenya, Naayiroobiitti baqachuun dhaabbata UNHCR irraa waraqaa ragaa beekamtii baqattummaa argachuun maatii isaanii faana akka biyya Ameerikaatti baafatan seenaan isaanii ni ibsa.

Maatii qabsaawotaa tahanii qabsoo keessatti abbaa warraa isaanii ganna 10f hidhaan of biraa dhabuun kophaa isaanii ilmaan guddisuutti kan rakkataa turan haati warraa Jaal Mokonnin Galaan Aadde Yashii Gammachuu balaa konkolaataan boqachuun ishees Jaal Mokonniniif rakkoo lakkuu ture. Kanaan wal qabatees kophaa ijoollee guddisuun rakkoo dabalataan waldhaansoo qabaa turan.

Haala ulfaataa biyya baqaa keessatti dhukkuba irra bubbule osoo waldhaanamaa jiranii irraa bayyaannachuu dadhabuun Amajjii 29, 2024 ganna 82ffaa isaaniitti biyya Ameerikaa Minisootaatti du’aan addunyaa kana irraa boqotaniiru.

Jaal Mokonnin Galaan abbaa ijoollee lamaa Lalii fi Firaa’ol ti. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Mokonnin Galaa du’aan of biraa dhabeef gadda itti dhagahame ibsataa, isaaf Rabbiin kan jeennataa, maatii, firoottanii fi jaallan isaanii cufaaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 02, 2024

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO