Sochii Jaarmayaa Adda Bilisummaa Oromoo Fakkaatanii Gocha Gowwoomsaa Siyaasaan Nageenya Waaraa Waliigalaa Booressaa Jiranii fi  Itti Gaafatamummaa Hin qabne Ifatti Ifoomsuu – Ibsa ABO

Sochii Jaarmayaa Adda Bilisummaa Oromoo Fakkaatanii Gocha Gowwoomsaa Siyaasaan Nageenya Waaraa Waliigalaa Booressaa Jiranii fi  Itti Gaafatamummaa Hin qabne Ifatti Ifoomsuu – Ibsa ABO

Sochiin isaanii ABO irra taree qaamota garagaraa fi lammiilee burjaajessuu hojii idilee godhatanii akka turanii fi jiran ummatni quba nu qabaachisuu fi isaan yaaddeessuu nuu mirkaneessuu…

Sochii Jaarmayaa Adda Bilisummaa Oromoo Fakkaatanii Gocha Gowwoomsaa Siyaasaan Nageenya Waaraa Waliigalaa Booressaa Jiranii fi  Itti Gaafatamummaa Hin qabne Ifatti Ifoomsuu – Ibsa ABO

Hagayyaa 10, 2020 irraa eegalee ifatti sochii farra nageenya waaraa ABO, Nageenya keessoo miseensotaa irratti haala yaaddessaa raawachuu hordofuun qindoominaa fi deggersa Qaamota Farra Tarsiimoo Mooraa Qabsoo fi ABOn deggeramuun yaalii Wiirtuu Olaanaa ABO dhuunfachuu taasifamee fi Qabsaa’ota Dirqama Idilee irra jiran ugguruun kan biroo bakka buusuuf ifatti yaalii taasifame hordofee, garuu Hoogganni ABO dhimmicha erga to’ateen booda, dhimmi isaanii dhimma keessoon akka ilaalamu murteesse.

Sochiin isaanii ABO irra taree qaamota garagaraa fi lammiilee burjaajessuu hojii idilee godhatanii akka turanii fi jiran ummatni quba nu qabaachisuu fi isaan yaaddeessuu nuu mirkaneessuu hordofee, ABOn gahee itti gaafatamummaa waan qabuuf, ifatti tarrisa maqaa isaanii ifa taasisuun ejjennoo isaa ifoomsuun itti gaafatamummaa isaa taha. Namootni armaan gaditti tarrisaman:

Obbo Nagawoo Gurmuu – Maqaa Qabsoo Jaal  Ibsaa Nagawoo

Obbo Araarsoo Biqilaa – Maqaa Qabsoo Jaal Araarsoo Biqilaa

Obbo Qajeelaa Mardaasaa – Jaal Qajeelaa Mardaasaa

Obbo Toleeraa Teshomee Adabaa – Jaal Toleeraa Adabaa

Obbo Atoomsaa Kumsaa – Jaal Atoomsaa Kumsaa

Obbo Arbichoo Diimaa – Jaal Saafanoo Tulluu

Hoogganootaa fi Qondaalota Adda Bilisummaa Oromoo duraanii yoo ta’an yakka gocha farrummaa fi hokkora nagaa booressuu raawwatan hordofee guyyaa Gaafa 26/07/2020 irraa eegalee hojii idilee fi hariiroo ABO waliin kan hin qabnee fi bulchiinsaa fi sirna ABO ala kan of godhan tahuu ifoomsina. Dhimmi isaanii hanga ibsi kun ifoometti Adda Bilisummaa Oromoo keessatti Koree Seeraa fi Naamusaa ABOtiin ilaalamaa kan jiruu dha.

Kanneen olitti maqaan isaanii tarrifame bakka kamittuu fi haala kamiinuu gochootaa fi jechootaan dhaaba kana kan bakka hin buune tahuu hubachiifna.

Adoolessa 26, 2020 irraa eegalee bulchiinsaa fi sirna ABO ala of godhanii seeraa fi sirna ABO akkasumas seera Boordii Filatnoo irra ejjetuun badii ulfaataa geessisaniiru.

Maqaa ABOn Gowwoomsaa Siyaasaa kana dura rawwaatanii fi raawwatuuf deemaniif gaafatamni kanuma isaanii tahuu hunda hubachiisna.

Kanuma waliin karaa sirna ABOs tahe karaa Boordii Filatnoo keessaan gochaa isaanii irraa sirreessuuf waggoota dheeraa kana ijibbaatamee waan dadhabameef, ibsa kana baasuuf dirqamuu keenya hunda hubachiifna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 04, 2024

Finfinnee, Oromiyaa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO