Du’aan Boqachuu Miseensa Buleesssa ABO Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO

Du’aan Boqachuu Miseensa Buleesssa ABO Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqachuu Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo dhagahutti gaddi itti dhagahame guddaa tahuu ibsa.

Du’aan Boqachuu Miseensa Buleesssa ABO Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO

Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa magaalaa Asallaatti bara 1956 Abbaa isaanii Haaj- Leelliosoo Kaawoo fi Haadha Isaanii Aadde Cuqulee Kuulii irraa dhalatan.

Jaal Abdallaan yeroo umriin isaa barnootaaf gahu achuma magaalaa Asallaatti barachaa, sab-boonummaa maatii isaa irraa dhaaleen Qabsoo Oromoo keessaa qooda fudhachuun Caayaa ummataa jalatti ijaaramee osoo qooda qabsoo bahataa jiruu, bara 1978tti qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti makame. Kanaanis miseensa ABO ta’uun dirqamaa  adda adda fudhatee hojii ramaddii Dabballummaa  fudhatee Konyaa Kibba-bahaa keessatti bakka dhaabni isaa isa bobbaasetti bobba’uun ummata barsiiisaa tureera.

Bara Chaarteraa 1991 yeroo dhaabni Waajjira Muummee Gullallee turettis, ogummaa konkolaachisummaa barateen Finfinnee irraa Kibba-bahaatti deddebi’uun tajaajila qabsoo kennaa tureera.

Jaal Abdallaan sab-boonummaa Oromummaa maatii isaa irraa dhaaleen ofii isaatii sududaan qabsootti seenee qooda qabsoon gaafattu gumaachuu cinaatti, fakkeenyummaa isaa fudhachuun ilmi isaas Muhaammad Abdallaa Haaj-Leellisooo miseensa ABO tahee Jaal Guutamaa Hawaasii fi Jaal Nadhii Gammadaa waliin  nama turee dha. Jaal Muhaammad ilmi Jaal Abdallaa akkuma Jaal Nadhii Gammadaa nama achi buuteen dhabamee du’aa fi jiraan isaa wallaalamee maatii fi jaallan isaa qara ilaalaa jiraataa turanii dha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqachuu Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo dhagahutti gaddi itti dhagahame guddaa tahuu ibsa.

Maatiin Jaal Abdallaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti wareegama qaamaa qalbii hanga lubbuu itti baasaniiru. Haaj-Leellisoo Kaawoo abbaan Jaal Abdallaa jaallan isaa kanneen akka Haaj-Biiftuu Fayyisoo fi Waancaa Arshii fa’a faana Waldaa Maccaa fi Tuulamaa bu’eeressuu irraa qabee hanga bu’uureffamuu ABOtti hanga gaafa addunyaa irraa du’aan godaananiitti warra qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda mul’ataa kennaa turanii dha.

Jaal Abdallaan erga dhaabni chartaraa baheen boodas, mootummoota abbootii irree Itoophiyaa dhufaa darbaan doorsisni, hidhaa fi hiraarsi garagaraa isaa fi maatii isaa irratti raawwatamaa ture osoo isa hin jilbiinfachiisin, qabsoo irbuu itti seene irraa osoo hin maqin qabeenya, beekumsaa fi humana isaan qooda qabsoo isa irraa eegamu bahachaa tureera.

Bara 2018 yeroo hoogganni ABO biyya galutti Kibba-baha Oromiyaatti simannaa Jila ABO Kibba-bahaatti bobba’eef taasisuu cinaatti jaallan toora sana jiran waliin tahuun waajjiraaleen ABO godina irraa hanga gandeen baadiyaatti akka banamaniif gumaacha isaan irraa eegamu cufa bahataa turan.  

Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo maatii horatanii ijoollee 10 argataniiru. Abbaa dhiira 7 fi shamarran 3 ti.

Jaal Abdallaan dhibee irra bubbuleeen Hospitaala Asallaatti osoo wal’aanamaa jiranii gaafa Bitootessa 11, 2024 Wixata darbe dhalatanii ganna 68ffaa isaaniitti du’aan addunyaa irraa boqatan.

Sirni awwaalchaa Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo  Kibba-baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa magaalaa Asallaatti bakka maatii fi hawaasni Oromoo bal’aan argamanitti gaafa Bitootessa 12, 2024 Kibxata kaleessaa raawwatamee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Jaal Abdallaa Haaj-Leellisoo du’aan of biraa dhabeef gadda itti dhagahame irra deebiin ibsataa, isaaf Rabbiin haa araaramu, maatii, firoottanii fi jaallan isaa maraaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 13, 2024

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO