Hogganootni, miseensotnii fi deggertootni dhaabota adda addaa akkasumas sab-boontotnii fi ummatni Oromoo maatii Jaal Battee Urgeessaa qaamaan achitti argamuun jajjabeessuu itti fufaniiru. Ebla 12, 2024 Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa, hogganootnii fi qondaalotni, akkasumas miseensotni ABO fi Miseensotni Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa Finfinnee kan Obbo Mulgeetaan durfamu mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru. Guyyaa

Hogganootni, miseensotnii fi deggertootni dhaabota adda addaa akkasumas sab-boontotnii fi ummatni Oromoo maatii Jaal Battee Urgeessaa qaamaan achitti argamuun jajjabeessuu itti fufaniiru.
Ebla 12, 2024 Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa, hogganootnii fi qondaalotni, akkasumas miseensotni ABO fi Miseensotni Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa Finfinnee kan Obbo Mulgeetaan durfamu mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.
Guyyaa har’aa Ebla 13, 2024 ammoo Hogganootni Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dura ta’aan dhaabichaa Prof.Mararaa Guddinaa kan keessatti argaman akkasumas, hogganootni HIBIR Itoophiyaa dura ta’aa paartichaa Obbo Girmaa Baqqalee, Itti aanaa dura ta’aa EPRP Obbo Maggaabii Addis Abraha, dura ta’aa Sochii Biyyoolessaa Walaayittaa Obbo Amaanu’eel kan keessatti argamanii fi kanneen biroo mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.
Qondaalli siyaasaa ABO Jaal Battee Urgeessaa Ebla 09, 2024 halkan bakka dhaloota isaa Maqiitti haala baay’ee ulfaataan rasaasaan tumamee ajjeesamuun isaa kan yaadatamuu dha.
Dhaabni isaa ABOn akkasumas Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itophiyaa, mootummootni Amerikaa fi UK, Gamtaan Awurooppaa, Paartileen siyaasaa garagaraa biyyattii keessa sossohanii fi dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman adda addaa ajjechaan qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti raawwatame qaama walabaan qoratamee akka ummataaf ifa tahu gaafataniiru.




Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *