Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ragaalee ajjeechaa Batteerratti harki humnoota nageenyaa jiraachuu agarsiisan erga sassaabee booda qorannoo gaggeessaa ture โ€˜addaan kutuuf dirqamuuโ€™ ibse

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ragaalee ajjeechaa Batteerratti harki humnoota nageenyaa jiraachuu agarsiisan erga sassaabee booda qorannoo gaggeessaa ture โ€˜addaan kutuuf dirqamuuโ€™ ibse

Gareen qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti ragaa namootaa sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda โ€œqorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuuโ€ xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mulโ€™ise.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ragaalee ajjeechaa Batteerratti harki humnoota nageenyaa jiraachuu agarsiisan erga sassaabee booda qorannoo gaggeessaa ture โ€˜addaan kutuuf dirqamuuโ€™ ibse

Gareen qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti ragaa namootaa sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda โ€œqorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuuโ€ xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mulโ€™ise. 

Gareen qorannoo kun ragaa namootaa sassaabe ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti haalota hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan argachuu xalayaa kana irratti eerameera. 

Xalayaan KMNI Ebla 17 barreesseefi Addis Standard ilaale kun waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, waajjira komishinii poolisii naannichaa, waajjira abbaa alangaa waliigalaa naannichaa, fi waajjira bulchiinsaafi nageenya naannichaaf ergame. 

Xalayaan fuula lama qabu kun Obbo Batteen naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti ajjeefamuu kan mirkaneesse yoo taโ€™u, Ebla 10 โ€œakkuma odeeffannoon kun isa qaqqabeen ogeeyyii qorannoo naannoo sanatti hojjetanโ€ bobbaasuun hojii ragaa fi odeeffannoo walitti qabu eegaluu ibseera. 

Komishinichi odeeffannoo fi ragaa garee qorannoo isaatin walitti qabame irratti hundaaโ€™uun, Peenisiyoonii Abhem jedhamutti siree qabatanii kan turan Obbo Batteen Ebla 09 waaree booda naannoo saโ€™aatii 11:00tti irbaata booda akka deebiโ€™an himuun furtuu kutaa ciisicha isaanii bakka simannaa keessummootatti kaawwatanii akka bahan โ€œhubachuuโ€ ibseera.  

Obbo Batteen mana siree san gadhiisanii erga bahanii booda naannoo saโ€™aatii 11:30tti konkolaataan tokko, qaamolee nageenyaa โ€œmeeshaa waraanaa hidhataniiโ€ fi uffata yeroo baayโ€™ee โ€˜Reenjarโ€™ jedhamuun beekamu uffatan afur โ€œaangaโ€™oota lamaโ€ waliin qabate mooraa mana siree keessatti buuse. Walumaagalatti namootni jaha kutaa ciisichaa qabataniiru. 

Haala guyyoota biroo irraa adda taโ€™een guyyaa sana naannoo saโ€™aatii 11:45tti humnoonni nageenyaa magaalattii โ€œsochii konkolaattota miila sadii (Bajaaj) fi namoota miilaan deeman dhorkuu eegalan.โ€

Guyyaa sana halkan walakkaa naannoo saโ€™aatii jahaatti bakka magaalattii irraa bahe, bakka reeffi Battee itti argame, konkolaataan pikaappii tokko saffisaan imaluun daandiirraa maqee ibsaa osoo hin dhaamsiin dhaabbachuu komishinichi ragaa namoota dubbise wabeeffachuun ibseera. 

Ergasii namoota uffanaa waraanaa uffatan afur konkolaataa sanarraa buโ€™uun, nama tokko duuba konkolaataa irraa harkisanii buusuun irra deddeebiin itti dhukaasuun gatanii deemu komishinichi eereera. Guyyaa itti aanu, Ebla 10 reeffi Battee โ€œharkisaa lama duubatti hidhamee, akkasumas mataa, laphee fi garaa irratti rasaasaan rukutameeโ€ argame. 

Gareen KMNI qorannoosaa itti fufuun Ebla 11 ragaa baatoota kanaan dura dubbise qunnamee gaaffii dabalataa gaafachuuf yaaluus, โ€œnamoonni kunneen poolisiin akka qabaman baruuโ€ ibse. Poolisiin namoota ragaa baโ€™an kana โ€œnageenya isaaniif jechaโ€ toโ€™annaa jala oolchuu isaanii ibseera. Haa taโ€™u malee Komishinichi ragaa baโ€™oota waliin akka hin qunnamne dhorkamuu ibse. 

Xalayaan KMNI itti dabaluudhaan akka ibsutti, Komishinichi adeemsa qorannoo keessatti โ€œnageenya ragaa baatota mirkaneessuuf carraaqqii guddaaโ€ taasisus, poolisiin ragaa baatota gareen qorannoo komishinichaa dubbisan hidhuu qofa osoo hin taane yeroo gareen Komishinichaa magaalattii keessa sochoโ€™u โ€œnamoota fi konkolaattota hin baakamne hordoffii irratti taasisaa fi sochii isaanii gufachiisaa turan.โ€ Kana malees, poolisiin miseensota maatii Battee kanneen qorannoo KMNIโ€™f tumsaa turanis toโ€™annaa jala oolcheera.

โ€œSababa kanaaf nageenya ogeeyyii qorannoo, ragaalee fi namoota qorannoo kana keessatti hirmaatan mirkaneessuuf, Komishinichi hojii ragaa walitti qabuu Ebla 12 magaalattii keessatti hojjechaa ture โ€œaddaan kutuuf dirqameeraโ€. 

Komishinichi xalayaan kanaan, โ€œqorannoo isaa keessatti gufuun akka hin uumamneโ€ mirkaneessuuf aangaโ€™oonni naannichaa hojii isaaf tumsa barbaachisaa taโ€™e akka godhan gaafateera. Akkasumas ragaa baatota hidhaman kanneen odeeffannoo Komishinichaaf kennuu irratti tumsan hatattamaan akka daawwatuu, akkasumas maatii Obbo Battee fi shakkamtoota biroo toโ€™annaa poolisii jala jiran irratti dhiittaa mirga namoomaa akka hin geenyeef hordoffii barbaachisaa taโ€™e akka godhamu gaafateera.

Komishinichi gabaasa qorannoo kanaa maxxansuu isaan dura guyyoota hojii kudhan keessatti qondaaltota dhimmi ilaallatu waliin โ€œmariโ€™achuuf qophii taโ€™uuโ€ xalayaa kanaan aangaโ€™oota dhimmi ilaallatu beeksise ture. 

KMNI erga xalayaa kana ergee as deebii adeemsa itti fufe yoo jiraate jedhamee Addis Standardiin kan gaafatame yoo taโ€™u, komishinichi deebii isaatin โ€œqorannoo itti fufee gaggeeffamaa jiru irratti yaada akka hin laanneโ€ ibseera. Kunis danqaalee jiraatanis, ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti argannoo jalqabaa isaa maxxansuutti itti fufuu akka dandaโ€™u mulโ€™iseera. 

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO