Keessumaa Onoota Abuunaa Gindabaratii fi Gindabarat keessatti yakki ulfaataan ummata irratti raawwatamaa jiru akkaan hamaa dha. Jumlaan hidhuu, qabeenya saamuu fi manneen ummataa barbadeessuun dalagaa hidhattootaa fi kaabinoota PP ta’ee jira.
Godina Lixa Shaggar keessatti Roorroon Mootummaa Bilxiginnaan Ummata irra gahu sadarkaa maleetti hammaatuun dhaga’ame
Onoota Godina Lixa Shaggar keessatti waraanni, milishaan, caaseffamni kaabinee fi bulchiinsotaa maqaa “Shanee deggertu” jedhuun ummata nagaatti duulanii hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi manneen irratti gubaa akka jiran beekuun danda’ameera.
Tarkaanfiin suukanneessaan ummata kana jiilchuu fi lafa irraa fixuuf mootummaa PPn fudhatamu waggoota darban keessa kan itti fufaa ture ta’us, kan yeroo ammaa garuu sadarkaan hammeenyummaa mootummichaa kan gita hin qabne ta’uu maddeen keenya ifa godhu.
Keessumaa Onoota Abuunaa Gindabaratii fi Gindabarat keessatti yakki ulfaataan ummata irratti raawwatamaa jiru akkaan hamaa dha. Jumlaan hidhuu, qabeenya saamuu fi manneen ummataa barbadeessuun dalagaa hidhattootaa fi kaabinoota PP ta’ee jira.
Hidhaa fi ajjeechaan Onoota kanneen keessatti akka malee dabalee jira kan jedhan maddeen keenya, yeroo ammaa mana hidhaa Abuunaa Gindabarat Waajjira Poolisii qofa keessatti barsiisotni, dubartootni, ijoolleen, konkolaachistootni, daldaltootnii fi abbootiin qabeenyaa kan keessatti argaman ilmaan Oromoo 300 ol ta’an hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen keenya mirkaneessaniiru. Haaluma kanaan:
- Barsiisotni 15,
- Dubartootni 28,
- Shamarran 10,
- Konkolaachistootni 5
- Daldaltootnii fi Abbootiin qabeenyaa 40
- Kaabinootni 5 fi qonnaan bultootni lakkoobsaan baay’ee ta’an Waajjira Poolisii Abuunaa Gindabarat keessatti gidirsamaa jiru.
Gama biraan qabeenya ummataa saamuu irra darbanii manneen ibiddaan gubanii mancaasuun bal’inaan geggeeffamaa jira kan jedhan maddeen SBO, horiin qonnaan bultootaa/ummataa dhibbootaan saamamaa jirus jedhan. Horii qonnaan bultoota Oromoo bifa kanaan saamamaa jiran miliishaa fi kaabineen yero yeroon qalatanii nyaachaa akka jiran maddeen barameera.
Ummatni Godina Lixa Shaggar keessatti argamu, keessumaa qonnaan bultootni Onoota olitti eeraman keessa jiran yakka waraanaatu dhoksaa fi ifaan waraana, miliishaa fi kaabinee mootummaan nutti bobbaaseen nu irratti raawwatamaa jira; roorroo hamtuu fi cunqursaan daangaa darbe nu irratti raawwatamaa waan jiruuf, ummatni keenya kan keessaa fi alaa karuma danda’aniin sagalee akka nuuf tahan dhaammatna jechuun iyyachuu isaanii maddeen SBO gabaasaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *