Ayyaana Hundeeffama SBO Waggaa 36ffaa
Beeksisa Ayyaana Hundeeffama Waggaa 36ffaa Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) – Waxabajjii 22, 2024
Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 36ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 22, bara 2024 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 36ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bar-dhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo Bilisummaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana miidiyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.
Ayyaana Waggaa 36ffaa, guyyaa hundeeffama SBO kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.
Waggoottan 36 dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtanii fi jirtan maraaf galatni bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, tumsa adda addaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.
Ayyaanichi kan geggeeffamu karaa sararaa ZOOM ta´a. Linkii isin beeksisna.
Nu qunnamuuf:
E-mail: sbo.radio88@gmail.com
Injifannoo Ummata Oromoof!
Koree SBO Idil Addunyaa
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *