Ibsa Hayyootaa fi Ogeeyyota Oromoo
Ibsa Hayyootaa fi Ogeeyyota Oromoo Irraa Kenname
Ummanni Oromoo Garee “Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophoyaa” jedhamu kana fudhatama dhabsiisuu qaba.
Gareen Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamee moggaafame kun adeemsa siyaasa gowoomsaa fi shiraa yeroo aangoo hacuuccaa fi cunqursaa Abiyyi Ahemad ummata irratti dheeressuudhaaf diriirfame waan ta’eef, nuti hayyootnii fi ogeeyyiin Oromoo gadi jabeessinee balaaleffanna. Kanaaf ummanni Oromoo shira gowwoomsaa kana fudhatama akka dhabsiisuu fi lammiileen biyyattii osoo hin beekin karaa qajeelaa isinitti fakkaatee adeemsa shiraa Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kana deggeraa fi tumsaa jirtan, akka meeshaatti isinitti fayyadamuudhaan kaayyoo isaanii galmaan ga’achuuf abbalaa waan jiraniif, tumsa keessan akka irraa dhaabdan waamicha isiniif goona.
Mootummaan Itoophiyaa dhiibbaa cimaa hawaasa idil-addunyaa irraa itti ulfaachaa jiru dandamachuu fi gargaarsa mootummoota biyya alaa argachuudhaaf balaa Waraana Tigraay booda, ariitiidhaan maqaa marii fi waliigaltee biyyaaleessaa jedhuun Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhu hundeessee jira. Komiishiniin kun, osoo paartilee mormitootaa hin mariisisinii fi hin hirmaachisin hundeeffame. Marii biyyaalessaa haqa qabeessa qooda fudhattoota hundumaa hirmaachise kan deggerru yoo ta’e illee, kan ammaa kun marii sobaa, fafakkeessaa, amanamummaa kan hin qabnee fi dirree siyaasaa walxaxaa ta’ee jiru inumaa hammeessuudhaan, wal dhibdee gama hundaa yeroo ammaa jiruttis boba’aa dabaluudhaan caalaatti akka boba’u gochuuf deema. Komiishiniin kun waggoota sadiif osoo hoomaa hin hojjetin akkanumaan turuun isaa fi dhiheenya kana ammoo gaafa Caamsaa 29/2016 marii biyyaalessaan eegala jechuudhaan labsuun isaa akeeka akkanaaf kan hin hundeeffamne ta’uu fi fakkeessaadhaaf akkanumaan kan hundeeffame tahuu isaa agarsiisa.
Komiishiniin kun murna aangoo irra jiru kan gaggeessitoota siyaasaa erga manni murtii walaba isaan gadhiisee illee, walitti fufiinsaan dararaa jiruu fi humnoota hidhatan bobbaasuun riphee loltoota deggertan jechuudhaan ummata nagaa boombiin fixaa jiruun waan hundeeffameef, nagaa dhugaa lafa qabachiisuuf akeeka qaba jedhanii abdachuun of gowwoomsuu dha. Mariin dhugaa fi amanamaan, haala mootummaan aangoo fi wantoota mara dhuunfatee lallabu keessatti gaggeeffamuu hin danda’u.
Biyyattiin rakkoo ulfaataa gama hundaa yeroo ammaa keessa jirtu keessa osoo hin seenin dura gaaffii marii biyyaalessaa irra deddeebiin dhiyaachaa ture mootummaan fudhatama kan dhabsiise tahuun ragaa galmaa’ee jiruu dha. Hoogganootni, qondaalotnii fi miseensonni paartilee mormitootaa kumootaan lakkaa’aman kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irra deddeebiidhaan gaaffii marii biyyaaleessaa dhiyeessaa turan mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Kaan ajjeefamaniiru. Mootummaan Itoophiyaa dantaa siyaasaa mataa isaaf jecha hoogganoota siyaasaa, namoota nagaa fi falmitoota mirga dhala namaa irratti yakka hamaa karoorsuu, raawwachiisuu fi raawwachuu keessatti qooda fudhachaa akka ture beekamaa dha. Mootummaan Itoophiyaa gocha hammeenyaa kanneen akka ajjeechaa, reebicha, dararaa, waldhaansa fayyaa dhorkachuu, seeraan ala hidhuu fi dararuu, haleellaa quunnamtii saalaa, mormitoota siyaasaa dirqiin dhabamsiisuu, yeroo dheeraan beelessuun adabuu fi gochoota hammeenyaa kana fafakkaatan keessatti kan hirmaatu ta’uu isaa daawwattoonni walabaa, miidiyaaleen idil-addunyaa fi dippilomaatotni mirkaneessanii jiru. Yakkoota murni aangoo irra jiru raawwateef fakkeenya kan ta’an keessaa muraasni:
- Ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Kaarrayyuu irratti Mudde 2021 raawwatame, kan miseensa Paarlaamaan saaxilamee, Royitarsiin mirkanaa’e,
- Ajjeechaa Ebla 09, 2024 humnoonni nageenyaa Qondaala Siyaasaa ABO kan ta’an Battee Urgeessaa irratti raawwatan, namoonni ijaan argan dhugaa ba’anii booda achi buuteen isaanii dhabame,
- Ajjeechaa fi gocha hammeenyaa hamaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophoyaa fi Raayyaan Ittisa Biyya Ertiriyaa waliin tahuudhaan gaafa guyyaa Fulbaana 18/2023 ummata nagaa irratti raawwatan Royitarsi saxile,
Kanaaf murni gocha hammeenyaa fi gara jabinaa akkanaa raawwatu “Marii Biyyaalessaa” hundeessuudhaaf ga’umsaa fi hamilee hin qabu. Komiishinichi Qondaalota Paartii Bilxiginnaan waan durfamuuf, dantaa garichaa milkeessuuf kan hojjetu tahuun isaa beekamaa dha. Waamichi marii biyyaalessaa jedhamee labsame kun marii dhugaa osoo hin taane, haguuggii nagaa fi araaraatiin shira yeroo aangoo murna aangoo irra jiruu dheeressuuf akeekamee dha. Osoo hoogganootni siyaasaa marii kana keessatti qooda fudhachuu qaban mana hidhaa keessatti dararamanii mariin gaggeeffamuu hin qabu. Waggoota shanan darban keessatti jaarsolii fayyaatti gubaman, haadholiin gudeedamanii fi dargaggeessi fayyaatti mormi irraa murame daandiin paaartii Bilxiginnaa garamitti akka geessu nutti agarsiisee jira. Kunniin gochoota hammeenyaa murni aangoo irra jiru raawwatu keessaa isaan muraasa. Waan nama gaddisiisu paartiin Bilxiginnaa bulchiinsa isaa humnaan ummata irratti fe’uuf gochoota hammeenyaa akkanaa kan fayyadamu yoo ta’u, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ammoo golgaa ta’ee gochoota hammeenyaa kanneen akka dhoksuuf hundeeffame.
Dhuma irratti, ummatni Oromoo bal’aan shiraa fi gowwoomsaa kana akka fudhatama dhabsiisu, warri osoo hin beekin qaama Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ta’uudhaan tumsitan, garee abbaa irree kanaaf meeshaa ta’uu irraa akka of qusattan isiniif dhaamna. Miseensonni Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa itti gaafatamummaa saalfachiisaa kana keessaa ba’uudhaan ceephoo fi itti gaafatama seenaa jalaa akka of baaftan isin hubachiifna.
Hayyootaa fi Ogeeyyota Oromoo
Waxabajjii 03, 2024
Email: oromo.scholars.professibals@gmail.com
Mallattoo (Tartiiba Qubee Maqaatiin)
- Abdiisaa Qorichoo (PhD)
- Abiraahaam Moosisaa (Msc)
- Addunyaa Birhaanuu (PhD)
- Ahimad Galchuu (PhD)
- Alamaayyoo Birruu(PHD)
- Amaan Kadir (PhD)
- Amaanu’el Goobanaa (PhD)
- Asabee Regaasaa (PhD) .
- Asafaa Jaallataa (PhD)
- Asfaawu Bayyanee (PhD) .
- Ayyaanaa Goobeenaa (PhD)
- Ayyalee Tereezaa (PhD)
- Baahiruu Dugumaa (PhD) .
- Baahiruu Gaammchuu (PhD)
- Baaroo Dheeressaa (MD) .
- Badhaassaa Taaddasaa (PhD)
- Beeynaa Dhugaasaa (PhD)
- Beekan Irranaa (MEd)
- Baqqalee Tamasgeen (PhD)
- Bantii Geetaahuun (PhD)
- Bantii Ujuluu (PhD)
- Birhaanuu Qadiidaa (MD)
- Ballaxeechi Dheeressaa (PhD)
- Barsaa Barii (PhD)
- Beeyan Asoobaa (PhD)
- Bichakaa Fayyisaa (PhD)
- Daani’eel Ayyaanaa (PhD)
- Daani’eel Dibaabaa (PhD)
- Dagafaa Abdiisaa (MD)
- Dassaalenyi Nagarii (PhD)
- Dastaa Yebassaa (PhD)
- Hisqi’eel Gabbisaa (PhD)
- Galaanaa Baalchaa (MD)
- Garramawu Beenyaa (PhD)
- Garramawu Nigaatuu (PhD)
- Gizaachoo Teessoo (PhD)
- Gizaaw Tasisaa (PhD) .
- Goobeenaa Hulluqaa (PhD)
- Gulumama Gammadaa (PhD)
- Guutuu Olaanaa (PhD)
- Habtaalem Qana’aa (PhD)
- Hayilee Hirphaa (PhD)
- Hambisaa Ballinaa (PhD)
- Heenook Gabbisaa (PhD)
- Ibraahim Elemoo (PhD)
- Iddoosaa Ejjetaa (PhD)
- Immiruu Ittanaa (MSc)
- Ismaa’eel Abdullaahii (PhD)
- Ittaana Habtee (PhD)
- Jamaal Ibraahim (MD)
- Jamaal Heebaanoo (PharmD)
- Janbaruu Fayisaa (PhD)
- Jireenyaa Guddataa (MSc)
- Juunaayidii Ahmad (MD) .
- Kaanoo Baanjaaw (PhD)
- Qabbannee Qajeelaa (PhD) .
- Kostee Abdiisaa (PhD)
- Mekbib Gabayyo (PhD)
- Meekuriyaa Bulchaa (PhD)
- Masfin Abdii (PhD)
- Mikaa’el Olii (MSc)
- Moa Apagodu (PhD)
- Mohaammad Hasan (PhD)
- Mohaammad Xaahiroo (PhD)
- Moosaa Aagaa (PhD)
- Namarrraa Garbaabaa (PhD)
- Olii Baachi (PhD)
- Rundasaa Esheetee (PhD)
- Saamu’eel Galataa (PhD)
- Solomoon Galataa (PhD)
- Damisee Koorsaa (PhD)
- Tafarii Maargoo (PhD)
- Tekleab Shibbiruu (PhD)
- Tesfaayee Nagarii (PhD)
- Tesfaayee Teessoo (PhD)
- Tashoome Dime (MSc)
- Toomaas Baayisaa (MD)
- Tolawaaq Beyene (MD)
- Tseggaayee Araarsaa (PhD)
- Worqinahi Torban (PhD)
- Warquu Buraayyuu (PhD)
- Zalaalam Abarraa (MSc)
- Zalaalem Nagaasaa (MS)
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *