Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan qooda isaanii baโ€™ataa kan turan qabsaawotni Oromoo lama tibbana duโ€™aan addunyaa kana irraa boqotanii jiran.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan qooda isaanii baโ€™ataa kan turan qabsaawotni Oromoo lama tibbana duโ€™aan addunyaa kana irraa boqotanii jiran.

Miseensotni ABO buleeyyiin du’aan addunyaa kana irraa boqotan

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan qooda isaanii baโ€™ataa kan turan qabsaawotni Oromoo lama tibbana duโ€™aan addunyaa kana irraa boqotanii jiran.

Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hiriiruudhaan qooda gama isaanii kennaa kan turan qabsaawotni buleeyyiin ABO lama Jaal Muhaammad Saโ€™id Alii fi Jaal Kaasahun W/Giyorgis biyya baqattummaan keessa jiraataa turan Kaayiroo, Masirii fi Kaartum, Sudaanitti dhukkubsataa erga turanii booda tibbana duโ€™aan boqotuu isaanii oduun arganne ifa godha.

Jaal Muhaammad Sa’id Alii Waxabajjii 03 bara 2024 magaalaa guddoo biyya Masirii kan taate Kaayiroo keessatti kan boqote yoo taโ€™u, Jaal Kaasahun W/Giyoorgis ammoo Waxabajjii 08, 2024 kaleessa magaalaa guddoo biyya Sudaan, Kaartum keessatti boqotuu oduu arganne irraa hubachuun dandaโ€™ameera.

Jaal Muhaammad Sa’id Alii kan dhalate magaalaa Dirree Dhawaa araddaa 08 Laga Harreetti yoo ta’u, dardarummaa isaa irraa jalqabee qabsoo Oromootti makamuun qooda isaa bahachaa nama ture ta’uu seenaan isaa mul’isa.

Jaal Mohammad Said Alii Abbaa isaa Sa’id Alii Boruu fi harmee isaa Nuuriyaa Ahmad Shankoor irra bara 1971 Dirree Dhawaa araddaa 08 Laga Harreetti dhalate.

Mohammad Sa’id Alii akkuma umrii ijoollummaatiin cunqursaa mootumman abba irree ummata irraatti gaggessaa ture diduun iddoo dhaloota isaa kan taate Dirree Dhawaatti qabsoo jalqabuu seenaa isaatu dubbata.

Jaal Muhammad qabsootti kan makame bara 1987 keessa yoo ta’u, waraana keessatti jabina qabu irraa haga ajajaatti dhaqqabuu oduun arganne ni ibsa.

Jaal Muhammad Sa’id Alii gafa chaartaraa ABO hidda jabeeffate akka Baha Oromiyaatti madhee ABO kan taate Ona Obborraa ykn Ona Dadar bara 1992 keessa nama Bulchaa tahee gaggeesseedha jedhu kanneen seenaa isaa beekan.

Bara 1993 Jaal Nadhii Gammadaa faa wajjiin hariiroo hooggansa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo keessatti nama gahee isaa akka gaaritti bahacha tureedhas jedhan.

Jaal Muhammad Sa’id Alii chaartara duras tahee chaartara boodas qabsoo sabatiif Hawwisoo dhaaba ABO kanneen akka Artist Kadir Sa’id dabalatee weellistoota hedduu wajjin gara Jabuutiitti imaluunis ibsameera.

Qabsoo Oromoo tinnisuun Jabuutii kessattis nama waraanaa ABO hogganaa tahee tajaajilaa turee dha jechuun kanneen isa beekan ni ibsu.

Jaal Muhaammad Saโ€™id Alii Abbaa ilmaan jaโ€™aa (6) akka taโ€™es beekuun dandaโ€™ameera.

Haaluma walfakkaatuun baroota 1990ta jalqabaa irraa kaasee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn geggeeffamu keessatti hiriiruudhaan dirqama dhaabni itti kennu baโ€™ataa kan ture Jaal Kaasahun W/Giyoorgis dhukkubsatee guyyaa kaleessaa Waxabajjii 08, 2024 biyya baqaan keessa jiraatu magaalaa Kartum, Sudaanitti duโ€™aan boqotuu oduun Kartuma irraa SBO dhaqqabe mirkaneessee jira.

Jaal Kaasahun ogummaa konkolaachisummaa fi garaajaa qabuun dirqama dhaabaa nama baโ€™ataa ture yoo tahu, keessumaa waajjira ABO Kaartum ture hojii konkolaachisummaa itti ramadameen tajaajilaa fi dirqama isaa nama baโ€™ataa ture taโ€™uun ibsameera.  

Hojii konkolaachisummaan alattis dirqama dhaabaa kan biroo baโ€™ataa turuu oduun kun ni hubachiisa.

Jaal Kaasahun gara laafessa, namaaf kan rifatuu fi kabajaa namaaf qabu yoo tahu, nama bultii ijaarrate akka tahes beekuun dandaโ€™ameera.

SBOn duโ€™aan boqotuu jaallan qabsoo Jaal Muhaammad Saโ€™idii fi Jaal Kaasahun W/Giyoorgisitti gadda itti dhagaโ€™ame ibsataa, maatii, firootaa fi hiriyoota isaaniif jajjabina hawwa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO