Oromiyaatti Weerarri Dhibee Busaa Akkaan Babalโ€™atuun Lubbuu Namootaa Guyyaguyyaan Dabarsaa Jiraachuun Gabaafame.

Oromiyaatti Weerarri Dhibee Busaa Akkaan Babalโ€™atuun Lubbuu Namootaa Guyyaguyyaan Dabarsaa Jiraachuun Gabaafame.

Weerara Dhibee Busaa Oromiyaa keessatti Ummata fixaa jiru…

Oromiyaatti Weerarri Dhibee Busaa Akkaan Babalโ€™atuun Lubbuu Namootaa Guyyaguyyaan Dabarsaa Jiraachuun Gabaafame.

Godinoota Oromiyaa Wallagga Arfan, I/A/Booraa, Jimmaa fi bakkoota maqaan hin dhahamin hedduu keessatti weerarri busaa babalโ€™atuun ummata irraan miidhaa ulfaataa dhaqqabsiisaa akka jiru dhagaโ€™ameera. Keessumaa gandoota baadiyaa keessatti miidhaan dhibee busaa kun dhaqqabsiisaa jiru hamaa taโ€™uu kan ibsan maddeen, lubbuun namaas darbaa jiraachuu addeessu.

Godina Wallagga Bahaa Onoota Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Giddaa Ayyaanaa, Eebantuu fi Giddaa Kiiramuutti lubbuun namoota hedduu dhibee kanaan darbaa oola jedhameera.

Tibba kana Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Hoomii Ansaaraa bakka Dambaaroo jedhamutti maatii tokko keessaa namoonni lama yoo du’an, lama immoo garmalee dhukkubsatuutu hubatame.

Namoonni dhibee kanaan qabamuun gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaa seenaa jiran humna hospitaalichaan ol kan jedhan maddeen, guyyaa guyyaan namoonni lubbuu dhaban dabalaa jiraachuus himu.

Sababa rakkoo nageenyaan buufataaleen fayyaa gandoota baadiyyaa keessaa cufamuun, ogeeyyiin fayyaa gara magaalaatti baqatuu irraa dhibeen kun akka babalโ€™atuu fi gaagaโ€™ama dabaluuf carraa kennuus maddeen ni hubachiisu.

Waldaan Gargaarsa Oromoo ORAn tibbana weerara dhibee busaa yeroo ammaa ilaalchisee barruu facaaseen, โ€œWeerara dhibee Busaatiin ummanni keenya gidiraa hamaa argaa jiru! jedheera.

Akkuma bara darbe Lixa Oromiyaa goodinoota Wallagga Lixaa Onoota hedduu keessatti weerara dhibee busaatiin ilmaan Oromoo hedduu du’aa fi miidhan guddaan irra gahe, yeroo amma kana immoo Lixa Oromiyaa Goodinoonni Wallagga bahaa hunda dabalatee hanga Goodina Horroo Guduruu Wallaggaatti sababa weerarri dhibee busaa kuni humna ol babal’ateen wal qabatee, ummanni keenya carraa taa’anii du’a eeggachuu keessatti kufanii jiru jedheera.

Goodinoota Wallagga bahaa Onoota hedduu fi Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota baay’ee keessatti weerarri dhibee busaa kun babalโ€™atee jiraachuu ifa godha. Ummaanni dawaa dhibee Busaa guutummaan guutuutti dhabuu irraa kan ka’e akkasumas rakkoon geejjibaa waan jiruuf,  goonkuma yaala argachaa kan hin jirree fi dhumaatii guddaan akka irra gahaa jiraachuu ifa godhee jira.

Ona Haroo Limmuu keessatti weerarri dhibee Busaa kun akkaan hamaa taโ€™uu fi ummata gaagaโ€™aa jiraachuu isaaf ragaan suuraan mulโ€™atu kun daran kan ibsuu dha jedheera ORAn ragaa suuraan dhiheesse kanaan.

Ummaanni rakkoo hamaa keessa jiru kuni gargaarsa hatattamaa lubbuu baraaruu argachuu waan qabuuf, qaamni ummanata kana bira dhaabachuu qabuu fi gargaaruu danda’u kamuu birmannaa akka godhaniif ORAn yaamicha godhee jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO