Mootummaan Ertiraa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Fulbaana booda gara Asmaraa akka hin imalle dhorkuun dhagaโ€™ame

Mootummaan Ertiraa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Fulbaana booda gara Asmaraa akka hin imalle dhorkuun dhagaโ€™ame

Mootummaan Ertiraas ergaa imaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf dabarseen, imaltoonni Fulbaana 30 booda daandiin qilleensichaan balaliโ€™uuf karoorfatan filannoo biraa akka barbaaddatan hubachiisuu ibsu maddeen.

Mootummaan Ertiraa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Fulbaana booda gara Asmaraa akka hin imalle dhorkuun dhagaโ€™ame

Mootummaan Ertiraa dhuma baatii Fulbaanaa booda balalii Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti godhu akka addaan citu murteessuu maddeen oduu gabaasan.

Ministeera Geejjibaa fi Kominikeeshinii Ertiraatti Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii ibsa harโ€™a Adoolessa 24, 2024 baaseen, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara Ertiraa balalii akka hin taasifne dhorkamuu ibseera. 

Abbaan Taayitichaa kun akka beeksisetti, Fulbaana 30, 2024 irraa eegalee Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu hunda akka addaan citu murteessuu ifa taasise.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akka dhorkamu kan murteeffame imaltoota irratti dararaa โ€œqindaawaa fi itti yaadameโ€ geessisuu isaatini tahuu hubachiise. 

โ€œBoorsaa imaltootaa hatamuuโ€, akkasumas irra deddeebiin harkifannaan balalii fi meeshaalee imaltootaa irratti gahaa turuu eeruun, daandiin qilleensichaa imaltootaaf โ€œbeenyaa osoo hin kaffalin tureeraโ€ jedhe. 

Kana malees, daballii gatii tikeetii buโ€™uura irratti hin hundoofne mulโ€™atu murtoo kanaaf sababa taโ€™uu eereera. 

โ€œRakkoolee armaan olitti ibsaman hiikuuf Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf irra deddeebiin hubachiisni laatamuufis buโ€™aa waan hin argamsiisneef, Fulbaana 30, 2024 irraa eegalee balaliin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara Ertiraa taasifaman akka addaan citu murtaaโ€™eera.โ€ jedha ibsichi.

Mootummaan Ertiraas ergaa imaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf dabarseen, imaltoonni Fulbaana 30 booda daandiin qilleensichaan balaliโ€™uuf karoorfatan filannoo biraa akka barbaaddatan hubachiisuu ibsu maddeen. 

Dhimma kana ilaalchisee Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ammatti waan jedhe akka hin qabnes ibsameera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Asmaraatti godhu bara 2018 erga Abiy Ahmed aangoo Impaayera Itoophiyaa bulchuu dhuunfateen booda deebiโ€™ee jalqabuu kan yaadachiisan maddeen, torbanitti marroo 5 gara Asmaraatti balaliโ€™aa kan jiru daandichi, turtii waggoota 6 booda deebiโ€™ee addaan kan citu tahuu ifa godhu.

Walitti dhufeenyi mootummaa Dr.Abiy Ahmedii fi Erteraa bara 2018 TPLF aangoo irraa kaafamuun booda akkaan kan jabaatee fi keessoon mootummaa Dr.Abiy Ahmed Eteraaf haalaan banaa kan ture yoo taโ€™u, buโ€™uuruma kanaanis humni waraana Erteraa lola Tigraayi irratti waggoota lamaaf deeme keessatti afeerraa mootummaa PPn akka hirmaatu taasisamuun Tigraayi keessatti duguuggaa sanyii raawwataniin kan himatamaa jiran yoo tahu, Oromiyaattis WBOtti akka duulchifamaniif afeerraa mootummaa PP Dr.Abiy mataa itti taโ€™aniin humni waraana Erteraa Oromiyaa seenuun kan yaadatamuu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO