Hoogganootnii fi Qondaalotni ABO murtii seeraa malee murtoo dabaan ganna 3 hanga 5tti hidhamanii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa turan  lakkoofsaan 7 tahan har’a Fulbaana 05, 2024 galgala kana gadi lakkifaman.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO hidhaa irraa hiikaman

Hoogganootnii fi Qondaalotni ABO murtii seeraa malee murtoo dabaan ganna 3 hanga 5tti hidhamanii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa turan  lakkoofsaan 7 tahan har’a Fulbaana 05, 2024 galgala kana gadi lakkifaman.

Jallaan kunneen akka gadi lakkifamaniif kanneen alaa fi keessaan sagalee tahaafii turtan cufti galatoomaa.

Hoogganootnii fi Qondaalonni ABO manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa turan kunneen:

1. Jaal Abdii Raggaasaa Miseensa SHG-ABO dhuma baatii Amajjii bara 2019 kan hidhame,

2. Jaal Mikaa’el Booran Miseensa SHG-ABO Waxabajjii 30,2020 mana jireenya isaa keessaa qabamee kan hidhame,

3. Jaal Kennaasaa Ayyaanaa Miseensa GS-ABO Waxabajjii 30,2020 mana jireenya isaa keessaa qabamee kan hidhame,

4.  Jaal Dr.Gadaa Oljirraa Itti gaafatamaa Waajjira ABO Gullallee Mudde 20,2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame,

5. Jaal Daawit Abdataa Adoolessa 12,2020 kan hidhame

6. Jaal Lammii Beenyaa Adoolessa 12,2020 kan hidhame

7. Jaal Gadaa Gabbisaa Bitootessa 07, 2020 qabamee hidhamee erga gadi dhiifamee booda waggaa isaatti irra deebiin Bitootessa 19,2021 kan hidhame, 

Jaallan hogganootnii fi qondaalotni ABO kunniin seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, Manneen Murtii kan sadarkaa adda addaa, jaarmotni namoomaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban wawwaataa turaniiru. Mootummaan PP garuu hanga guyyaa har’aatti haqa isaanii irra taa’ee hidhaa keessatti hiraarsaa turee har’a Fulbaana 05, 2024 mirga wabiin gadi lakkiseera.

Ummatni Oromoo waliigalaa kan keessaa fi alaa akkasumas waahiillan Qabsoo Bilisummaa Oromoo marti haala rakkisaa keessatti Jaallan qabsaawota kanaaf sagalee ta’uu keessaniif, akkasumas jaarmota namoomaa kan naannoo fi addunyaa dabalatee qaamota adda addaa tumsa godhan ABOn ni galateeffata.

Ammallee miseensonni  fi deggertootni ABO sadarkaa gara garaa irra jiran hedduun manneen hidhaa biyyattii keessatti ejjannoo siyaasa isaanii qofaaf hiraarfamaa jiran. Mootummaan PP kanneen hidhaa keessatti ammallee rakkisaa jiru gadhiisuu qaba jenna.  

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO