“Mootummaan Itoophiyaa Hoogganoota ABO hidhaa turan dhiifama gaafachuu fi beenyaa kafaluufii qaba.” HRW
Mootummaan Itoophiyaa Hogganoota ABO hidhaatti darare, Dhiifama gaafachuun beenyaa laachuufii qaba jechuun HRW gaafate

Dhaabbatni falmaa mirgoota namoomaa idil-addunyaa “Human Rights Watch (HRW)” mootummaan Itoophiyaa hoogganoota ABO olaanoo hidhaa waggoota afurii booda torban darbe gadhiise dhiifama gaafatuun beenyaa laachuufii akka qabu hubachiise.
Dhaabbatni falmaa mirga dhala namaa idil-addunyaa kun ibsa baaseen, hoogganootni ABO Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa fi Gadaa Gabbisaa hidhamanii turuun hafnaan, to’atnoo jala ooluu illee hin qaban ture jedhee jira.
Mootummaan ajaja manni murtii akka hiikamaniif yeroo hedduuf dabarse tuffatee waggoota afurii oliif himata malee hidhaatti akka dabarsan taasisuu Gaanfa Afrikaatti Daayirekterri Human Rights Watch Laatishiyaa Baadir ibsaniiru.
Namootni kunneen yeroo hidhamanii jiranitti angawoota mootummaatiin mirgi isaanii sarbamaa turuu qorannoo geggeessaa tureen mirkaneessuu kan eere Human Rights Watch, ji’ootaaf ukkaamsamanii maatii fi abukaatoo isaanii waliin akka wal hin argine dhorkamaa turuu addeesse.
Bakki hogganootni ABO kun itti hidhaman yeroo baay’ee kan jijjiiramu yoo ta’u, gariin isaanii mooraalee leenjii poolisii fi iddoo horsiisa lukkuutti hidhamanii turuu yaadachiiseera.
Hogganoota ABO kanneen keessaa Kennasaa Ayyaanaa fi Gadaa Gabbisaa yeroo mana hidhaa keessa turanitti daran dhukkubsachuu fi miidhamuu ibseera.
Maatii fi deggertootni isaanii gadhiifamuu isaaniitti kan gammadan ta’us, haalli hoogganootni ABO yeroo dheeraaf akka hidhamaniif sababa ta’e garuu ammallee namoota siyaasaa hunda yaaddoo keessa galchee jira jedheera Human Rights Watch.
Dhimma kana furuuf mootummaan Itoophiyaa furmaata ariifataa fi gahaa kennuu akka qabu kan ibsan Laatishiyaa Baadir, hidhaa hoogganoota ABO kanneeniif dhiifama gaafachuun beenyaa laachuu qaba jedhan.
Waahila hoogganoota kanneenii fi akka hiikamaniif yeroo dheeraaf wawwaataa kan ture baatii Eblaa bara 2024 keessa kan ajjeefame Battee Urgeessaa akka fakkeenyaatti eeruun mootummaan Itoophiyaa namoota siyaasaa karaa nagaan sossohan lubbuu fi bilisummaan isaanii balaadhaaf akka hin saaxilamne taasisuu qaba jedhan.
Kana malees, mootummaa Amerikaa dabalatee qaamoleen idil-addunyaa hidhaa seeraan alaa fi nama ukkaamsuu Itoophiyaa keessatti baratamaa dhufe akka dhaabbatuuf dhiibbaa akka taasisan yaamicha dhiheessaniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimoota Afrikaa ibsa torban darbe baaseen, hogganootni olaanoo ABO waggoota afur oliif hidhamanii turan hidhaa irraa gadhiifamuu isaanii akka deeggaru beeksisuun ni yaadatama.
ABO fi hawaasa dipilomaatotaa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa akkasumas Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiya fi Human Rights Watch dabalatee dhaabbileen naannoo fi idil-addunyaa, hoogganootni ABO waggootaaf ajaja mana murtii malee hidhamanii dararamaa turan akka gadi lakkifaman irra deddeebiin gaafachaa turuun kan yaadatamuu dha.
Hoogganootnii fi Qondaalotni ABO haqa sarbamanii seeraan ala waggoota afurii oliif hidhaa keessatti hiraarfamaa turan miseensa SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa, miseensa SHG-ABO Jaal Mikaa’el Booran, miseensa GS-ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa, qondaalota siyaasaa olaanoo Jaal Lammii Beenyaa, Jaal Daawit Abdataa, Jaal Dr.Gadaa Oljirraa fi Jaal Gadaa Gabbisaa Fulbaana 05, 2024 hidhaa irraa gadhiifamuun isaanii ni yaadatama.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *