Du’aan boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroos irratti Ibsa Gaddaa ABO
Duโaan Boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroositti Gaddi Dhaaba Keenya ABOtti Dhagaโame Guddaa dha – Ibsa Gaddaa ABO

Siyaasaa Itoophiyaa keessatti nama beekamaa fi hubataa kan taโan hayyuun siyaasaa Prof.Bayyanee Pheexiroos harโa Fulbaana 17, 2024 duโaan addunyaa kana irraa boqotuu isaaniitti gaddi ABOtti dhagaโame guddaa dha.
Bara 1950tti Godina Haadiyaatti kan dhalatan Prof.Bayyaneen, barumsa olaanaa barataniin hayyummaa kan horatan oggaa taโan, gameessa siyaasaa akkasumas barsiisaa beekamaa fi qorataa taโuun qooda olaanaa garagaraa kennaa turan.
Bara 1992 irraa qabee deemsa siyaasaa biyyattii keessatti hirmaatuun kan beekaman, addatti mooraa paartilee siyaasaa mormitootaa keessatti maqaan isaanii adda durummaan kan yaamamu Prof.Bayyaneen, mirgi ummatootaa akka kabajamu, dimokraasiin dhugaa akka mulโatu, walqixxummaan akka mirkanaaโuu fi bulchiinsi gaariin akka diriiruuf falmii karaa nagaa geggeessaniiru.
Hayyuun Prof.Bayyanee Pheexiroos, bara mootummaa abbaa irree wayyaanee TPLF/EPRDF, Mana Maree Bakka Buโoota Ummataa seenuun siyaasa biyyattii karaa qabsiisuu fi olaantummaan seeraa akka akka kabajamuufis qabsoo godhaa turaniinis gumaachaniiru.
Paartilee siyaasaa bebbeekamoo biyyattii keessa turan kan akka โHibirat, Medirakโ fi kkf keessatti hirmaatnaa mulโataa gochuun haqaaf, dimokrasiif kan falmaa turan yoo taโu, ummata isaanii bakka buโaniif mirgi isaa akka eegamu, guddinni isaaf malu akka godhamuuf cimsanii falmaniiru; hojjetaniirus.
Qaroo fi hayyuu, biyyattii keessatti nagaa fi siyaasa sabataawaa argamsiisuuf falmaa kan turan Prof.Bayyanee Pheexiroos, daandii qabsoo karaa nagaa itti amanan geggeessaa turaniin hayyoota hedduuf fakkii akka taโan seenaan isaanii ni mulโisa.
Addi Bilisummaa Oromoo irra deebiโuudhaan duโaan boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroositti gadda itti dhagaโame ibsataa, maatii fi firootaaf ammoo jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 17, 2024
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *