Yaadannoo Guyyaa Seenaa Qabeessa, Sadaasa 9, 2005 

Yaadannoo Guyyaa Seenaa Qabeessa, Sadaasa 9, 2005 

Sadaasni 9 Guyyaa Yaadannoo FDG

Yaadannoo Guyyaa Seenaa Qabeessa, Sadaasa 9, 2005 

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti seenaa kabajaa saba Oromoo fi Oromummaa tiksuuf dalagaman keessaa tokko Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 bifa qinda’aan eegalamee gaggeeffamee dha. Diddaan kun labsii Adda Bilisummaa Oromoo, ABOtiin eegalame. Hayyu-dureen ABO Jaal Dawud Ibsaa labsii kana labsan; ilmaan Oromoos bakka jiranii diddaa kana keessatti hirmaachuuf socho’an. Gootowwan barattoota Oromoo yeroo sanaa fi qabsaawoti waamichi dhaaba isaanii ABO irraa isaan dhaqabee, isaanis sochiif qophii ta’anii fi guyyaa itti fincilli ka’u hubachiisuun diddaatti seenan. Gootowwan barattooti Oromoo yerosii waadaa isaanii eeganii guyyaa fi yeroo jedhametti diddaa eegalan. Diddaan yeros eegale otoo wal irraa hin citiin sochiin kunis caalaatti jabaachaa, bifa jaarmaa dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa qabaachaa haga warraaqsa waliigalaa 2018tti TPLF Maqaleetti galchutti deeme. Kana milkeessuu keessatti waan ABOn lafa irratti hojjete akkaan olaanaa ture. 

Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9, 2005nii impayera Ityophia haala muddama siyaasaa jabaa keessa galche. Dorgommii aangoo ilmaan Habashaa lafa Oromoo irratti gaggeessaa turan gatii dhabsiisee, Oromoon gaaffii of danda’e kan mataa isaa qabaachuu addunyaatti mul’ise. Gaaffiin Oromoo gaaffii aangoo otoo hin taane, gaaffii bilisummaa fi gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka ta’e firaa fi diina hubachiise. “Ummatni Oromoo sochii siyaasaa biyyattii keessatti deemaa jiruuf duree ta’uu qaba; Mirga isaaf qabsaa’uuf ammoo Eenyu Irraa Iyyuu Eeyyama Hin Gaafatu!“ jedhu qabatee diddaa kaasee sosso’e.  

Sadaasi 9, 2005 fakkeenya warraaqsaa ta’e. Oromoon Kaabaa-Kibbatti, Bahaa-Dhihattii fi Walakkeessa Oromiyaa mara keessatti diinaa fi ergamtoota diinaa dide. Muddamni yeroo sanaa wayyaanotaa fi sirna EPRDFiif abjuu ture. Sababa abjuu bara sanaaf jecha hirriba dhabanii ilmaan Oromoo lakkoobsaan guddaa hidhaatti guuran.  

Fincila sanaan wayyaanota waan isaan hin eegnee fi hin herregnetu isaan mudate. Afuurri warraaqsaa Oromiyaa fi Yuniversitiilee biyyattii keessa naanna’e. Wayyaanooti warraaqsi sun akka barattoota Oromoon gaggeeffamu hubatan. Warraaqsa sana dhaamsuufis barattoota Oromoo ajjeesuun Oromoo rifachiisuuf karoorfatan. Haaluma kanaanis barattootatti rasaasa roobsan. Warraaqsa sanaan wal qabatee yeroo duraaf barattoota Oromoo Amboo lama ajjeesan. Haaluma kanaan barattooti Oromoo qalamaa fi waraqaa callaa of harkaa qaban Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa wareegaman.  

Haa ta’uutii ajjeechaan sun gaaffii Oromoo ukkaamsuu hin dandeenye. Inumaayyuu Oromoon, ilmaan isaa barattootni aarii fi xiiqiin warraaqsa jabeessan. Oromoon Amboo fi naannoo sanaa yaadannoo ajjeechaa Jaal Daraaraa Kafanii faa ittiin yaadate. Ummati wareegamtoota kabajaan alaabaa ABO itti uffisuun ulfina guddaa fi dhadannoo warraaqsaan akka goota  dirree qabsoo irratti kufaniitti awwaallate. Sirna awwaala Jaagamaa faa irratti alaabaan ABO ifaan balaliite. Saanduqni wareegamtootaa kabajaa fi ulfinan alaabaa ABOtiin kuulaman. Alaabaan Oromoo fakkeenya gootummaa kan ilmaan Oromoo mirga  isaaniif irratti wareegamaniif miidhaginaa fi gatii isaan itti baasaniif fakkeenya tahe. Oromoon  Oromiyaa keessa jirus wal dhaggeeffatee diddaa kanatti hirmaatuun diddaa daran finiinse.  

Guyyaa kanatti Gootonni barattoota Oromoo Jimmaa Ona Qarsaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Qarsuu Tolii keessatti fincila diddaa gabrummaa eegaluun dhaadannoo isaanii mana barumsaa keessatti maxxansuu fi olii gad deemuun dhadatan. Sagalee diddaa isaanii addunyaatti dhageessisan. Gabrummaan nu gahe jedhan! Dhalooti haarayaan murannoon yeroon gabrummaa nu irratti haa gahu! Gabrummaa ilmaan keenya hin dhaalchisnu! jachuun dheebuu bilisummaaf qaban ibsatan. Barattooti kun wareegamuu Jagamaa fi Kabbadaa erga dhagahaniis gumaa Barattoota wareegamanii ni baasna!  jechaa gootummaan diddaa isaanii itti fufan! 

Sadaasa 10, 2005 Godina Wallaggaa Lixaa Mana barumsaa Biiftuu Gimbiittis fincilli barattoota Oromoon finiine. Poolisoonni wayyaanees sochii barattootaa dhaamsuuf ykn ukkaamsuuf mana barumsaa marsanii qawwee itti dhukaasan. Ijoollee Oromoo mirga Oromoof dubbatan danuu ukkaamsan; hidhan; reebanii qaamaa hir’isan. Tarkaanfiin faashistummaa diinaa kun sochii gootowwan barattoota Oromoo eegalan gufachiisuu dadhabe.  

Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) Sadaasa 9, 2005 barattoota Oromoon dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa lammaffaa keessatti eegale gara godinaalee Oromiyaa maratti babal’ate. Haaluma sanaan Sadaasaa 10, 2005 sochiin barattoota Oromoo kun Amboo, Xuqur Hincinnii, Geedoo, Baakkoo, Ijaajjii, Naqamte, Gimbii, Kaaba Shawaa, Shaambuu, Sarboo, Shaashamannee, Kofalee, Ciroo, Adaamaa, Yuniversitii Maqalee, Yuniversitii Kibbaa (Awaasaa), Yuniversitii Haromaayaa, Yuniversitii Jimmaa, Yuniversitii Bahir Daar fi Yuniversitii Gondorii fi walii gala biyyattii keessatti qabate. Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Kamisee (Baatee) keessattis sochiin barattoota sadarkaa lammaffaa finiine. 

Keessattuu Sadaasa 10 galgala waraqaan dhaadannoolee magaalaa keessaa fi naannoo manneen barnootaa keessatti faca`uun wayyaanota sodaa guddaa keessa seensise. Warraaqsa sana dhaabuuf humna poolisaa fi waraanaa Oromiyaatti duulchisan illee hawwii bilisummaa ummata keenyaa fi barattootaa keessatti doomsuu hin dandeenye.  

Diddaan Oromoo Oromiyaa maratti itti fufee ilmaan Oromoo Ciroo, Daarolabuu, Machaaraa, Baakkoo, Jimmaa, Laaloo Assaabii, Kofalee, Shashamannee, Siraaroo,  Dodolaa, Baddallee, Dambi Dollo, Yabello, Najjoo, Kamisee, Ya’aa bal’oo, Baatee walumaa gala Kaabaa Kibba, Bahaa Dhihaa fi Walakkeessa Oromiyaatti akka qaama tokkootti socho’uun wayyaanotaa fi lukkeelee isaanii taa’uu fi ka’uu dhorkan.  

Barattooti Oromoo Yuniversitii adda addaa walitti gurmaahuun ejjennoo dhimma biyya isaanii Oromiyaa irratti qaban ifaan addunyaatti dhageessisan. Barattooti Yuniversitii Jimmaa xalayaa barreessuun qaamoota mootummaa  keessa jiranii fi hawaasa Oromoo maraaf rakkoo biyyittii keessa jiruuf furmaata yeroo gabaabaa fi dheeraa akeekan. Adeemsi bilchaataa fi qinda’aan sun wayyaanota akka malee rifachiisuu fi sodaachisuu irraa, diinni gara lafina tokko malee tarkaanfii humnaa barattoota meesha maleeyyii irratti fudhatuun ajjechaa lubbuu fi qaamaa hir’achuu dhaqqabsiise. Kun tahus warraaqsa barattoota Oromoo dhaamsee awwaaluu hin dandeenye; Fincilli Diddaa Gabrummaa daran waggaa irraa waggaatti jabaachaa fi caasaa fi damee isaa babal’ifataa wayyaanota/EPRDF warra sochii kana dhaamsuu fi awwaaluuf ijibbaatan dhuma irratti isaan awwaale.  

Firii wareegamaa sochii Fincila Diddaa Gabrummaa keessatti barattootni, dargaggootni, sab-boontotni, qabsaawotnii fi waliigalli ummatni Oromoo kafalan warri maqaa jijjiiramaa fi isin ceesisnaan warraaqsicha butatanii aangoo sirna impaayeraatti ol ba’an diinaa fi gufuu akeekaa fi kaayyoo FDG ta’anii mul’atan. 

Hanga sirni cunqursaa fi gabrummaa jirutti diddaa fi falmiin mirgaa itti fufa. Sochii eenyummaa keenyatti kabajaa horuu fi falmaa bilisummaa kan daragaggoonni barattonni Oromoo geggeessaa turan itti fufanii galma isaan gahuun amma illee dhimma fardii dha.   

Gidiraa sirna cunqursaa fudhannee roorrisaaf sagadnee callisnee ta’uun waan hin yaadamnee dha. Wareegama qabsaawotni Oromoo, sab-boontotnii fi ilmaan Oromoo FDG irratti baasaanii fi har’a illee wareegamoota bifa adda addaan baafamaa jiranitti firii gochuuf, caalaatti jaarmaa ofii jabeeffatanii ijaaramanii sossohuu gaafata. Gumaa wareegamtootaa injifannootti jijjiiruuf galii qabsoo keenyaa bakkaan gahuu qabna.  

Roorroon diddaa dhalcha! Roorroo fi cunqursaan hammaachuutu diddaa dhalchee wayyaanee/TPLF Maqalee deebise. Murna amma aangoo irra jiru maqaa PPn of yaamus kanumatu eeggata. 

Sadaasi 9 seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa qaba; bara baraanis ni yaadatama! Dhiigni jaallan dhangala’ees yoom iyyuu gatii malee hin hafu! 

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO