Sardamnii fi Muddamni PPtti dabalaa jiraachuun barame. Qajeelfamootni garagaraas karaa Viidiyoo Konfirensiin darbaa jira.

Sardamnii fi Muddamni PPtti dabalaa jiraachuun barame. Qajeelfamootni garagaraas karaa Viidiyoo Konfirensiin darbaa jira.

Sardamnii fi Muddamni Mooraa PP keessatti dhalate

Sardamnii fi Muddamni PPtti dabalaa jiraachuun barame. Qajeelfamootni garagaraas karaa Viidiyoo Konfirensiin darbaa jira.

Ajjeechaa suukanneessaa murni faashistii PP fi hidhattootni goolessitoota Faannoo Kaaba Shaggar Ona Dharraatti ummata nagaaa irratti raawwataniin walqabatee hiriirri mormii murna PP fi garee shororkeessaa Faannoo balaaleffatu guutummaa Oromiyaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa gadaanaatii hanga dhaabbilee barnootaa Olaanootti barattootaan bahamee jira.

Sochii balaaleffannaa fi mormii ummannii fi barattoonni manneen barnootaa garagaraa keessatti taasisaa jiran murna PPtti yaaddoo kan naqee fi akkasumaas, sochiin qabsoo bilisummaa babal’atuu irraa gartuun PP naasuu hamaa keessa jiraachuun barameera.

Kallattii karaa Viidiyoo Konfireensiin Oromiyaa irraa Godinaalee Oromiyaaf qaamota ilaallataniif jedhamee ibsii fi qajeelfamootni yaaddoo fi muddamsuu of keessaa qaban kennamaa jira. Isaanis:-

√  Hiriira mormii barattoonnii fi ummanni taasisaa jiran irratti tarkaanfiin akka fudhatamu,

√ Hojjettoota mootummaa mana hojii mootummaa keessa taa’anii odeeffannoo fi loojistikiin WBO gargaaran irratti xiyyeeffannoo fi hordoffiin akka godhamu kallattii kaa’uu,

√ Caasaa Nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii naannoo fi Milishaa keessatti hordooffii fi sakatta’iinsi akka taasifamu gochuu,

√ Caasaa Nageenyaa qaama hokkaraa fi hiriira mormii mootummaa irratti kaasuu barbaadu dhaabbatee ilaalu irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gochuu,

√ Manneen Amantii dahoo finxaalessitootaa ta’an adda baasuun saaxiluu,

√ Giddu-galeessa Oromiyaa lafa WBOn socho’u hundatti meeshaa gurguddaa qilleessaa fi lafa irraan deeggaramee adda baafamuun meeshaa gurguddaan akka haleelamu gochuuf kallattiin kaa’amee jiraachuu,

√ Meeshaa hammayya’aa ta’een namoota shakkanii fi sab-boontota ta’an mobaayilii isaanii akka sakatta’amu gochuu kan jedhu akka ajajaa fi qajeelfamaatti darbaa jiraachuu maddeen keessoo ibsanii jiran.

Walumaagalatti PPn, sochii amma Qeerroon Bilisummaa Oromoo, barattootni/dargaggootni, ummanni Oromoo fi WBOn godhaa jiraniin boqonnaa dhabuu fi haalaan muddama seentee jiraachuun kan gabaasame yoo ta’u, caasaa, seelii fi kaabinoonni guyyaatti yoo xiqqaate walga’ii yeroo sadii ol taa’uuf dirqamanii akka jiran hubatameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO