Godina Salaalee irratti haleellaan Diroonii qinda’aa jira jedhame

Godina Salaalee irratti haleellaan Diroonii qinda’aa jira jedhame

Haleellaa Diroonii Godina Salaalee

Godina Salaalee irratti haleellaan Diroonii qinda’aa jira jedhame

Akka maddeen ifa godhanitti mootummaan PP Sadaasa 30, 2024 guyyaa borii Kaaba Shaggar Godina Salaalee Onoota Kuyyuu, Abootee, Dagam, Dharraa fi kanneen biroo keessatti iddoo WBOn ni argama jedhan irratti haleellaa Diroonii raawwatuuf haala mijeeffataa akka oolan hubachiisu.

Mootummaan PP maqaa WBO haleeluu jedhuun dararaa fi miidhaa ummata kanaa daran hammeessuuf karoorfatuu kan hubachiisan maddeen, ummatni keenya kana hubatuudhaan eeggannoo barbaachisu akka ofii godhu dhaamsa dabarsu.

Haleellaa Diroonii mootummaan PP Godinoota Oromiyaa garagaraa keessatti geggeessaa tureen ummatni nagaan dhibbootaan lakka’amu qe’ee isaa keessatti, gabaatti, iddoo amantaatti, karaa fi ooyiruu isaa keessatti ajjeefamaa, manneenii fi qabeenyaan barbadeeffamaa turuun kan yaadatamuu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO