Moyyaaleetti namootni 150 gararraan hidhaman
Magaalaa Moyyaleetti namootni baay’een hidhattootaa fi caasaalee nageenyaa PPn qabamanii hidhaatti guuramaa jiran. Ummatni faallaa hiriira darbee akka bahuufis dirqisiifamaa jira.
Amajjii 11, 2025 Sambata darbe humnootni Federaalaa mootummaa PP magaalaa Moyyalee naannoo hospitaala Fulleessaatti mucaa umriin ganna 12 Boruu Alnuuraa Saaraa jedhamu itti dhukaasanii ajjeesuun walqabatee, guyyuma sana jiraattotni magaalaa Moyyalee hedduun hiriira bahuun yakka ajjechaa waraana PP kana mormuun mootummicha balaaleffatan.
Gartuun PP yakka ajjechaa waraanni isaa ol adeemaa kana irratti raawwatetti osoo gadda isaa hin ibsin, ummata harka qullaa ba’ee ajjechaa seeraan alaa kana balaaleffate jimlaan qabee hidhaatti guuraa jira. Dargaggootni baay’een duula hidhaa kana dheessanii magaalaa fi naannoo sana gadhiisanii akka baqatanis maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Maddeen SBO akka gabaasanitti yo xiqqaate namootni 150 ol qabamanii mooraalee RIB, Poolisii Federaalaa, buufata poolisii magaalaa fi kanneen birootti hidhamanii itti roorrifamaa kan jiran yoo ta’u, irra jireessi isaanii dargaggoota tahuu hubachiisu. Kanneen qabamanii hidhaa jiran keessaa maqaan namoota 50 SBO dhaqqabee jira. Isaanis:
- Goollicha Guyyoo
- Maammad Waariyoo
- Xuuxee Maammudoo
- Dabboo Dabbasoo
- Hasii Abdiqqaadir
- Buttee Abdikarim
- Abdiyaa Waariyoo
- Culkii Diidaa
- Galgaloo Maammudoo
- Guyyoo Almazii
- Aab Kunee
- Jaarsoo Jaatanii
- Waariyoo Huseen
- Diqqaa Bunjii
- Duulaa
- Adan Qottoo
- Joomoo Xachee
- Bardiqqoo
- Kiyyaa Guduroo
- Huseen Moluu
- Idiris Moluu
- Huseen Guyyoo
- Halii Yooyyii
- Akkuyyee Goollichaa
- Motoqaa Roobaa
- Guyyoo Salleessaa
- Salloo Qabballee
- Shukuu Abdii
- Kottoola Jaarsoo
- Qancooroo
- Jaatanii Haliyoo
- Abduuba Waaqoo
- Moluu Baattoo
- Diidoo Hannaa
- Diqqayyaa Abduubaa
- Shanaa Abduubaa
- Diidoo Dabbasoo
- Dabbasoo Odaa
- Kiyyaa Kuucaa
- Adan Moluu
- Ibiroo Iddii
- Lookoo Taadhichaa
- Dhibaa Bonfiree
- Shaarraa Roobaa
- Waariyoo Roobaa
- Guyyoo Moluu
- Halloo Giiroo
- Deebanoo
- Ashuu fi
- Alii kanneen jedhamantu keessatti argama.
Namootni hidhaa keessatti argaman akka malee dhaanamaa fi miidhaa gugurdaan irra gahaa jiraatuullee maddeen keenya ya mirkaneessan.
Gama biraan caasaaleen bulchiinsaa mootummaa PP kan magaalaa Moyyalee ummatni faallaa hiriira mormii darbee akka bahu dhiibbaa gochaa fi dirqaa jiran jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.
Akka gabaasa maddeen keenyaatti, maatiin hundi ilmaan isaanii waliin hiriira bahanii “Lafti nagaa dha; rakkoon hin jiru. Hiriira darbe ilaalchisee dogoggorri kan keenya. Mootummaan dhiifama nuuf haa godhu” jedhanii hiriira akka bahan ummata doorsisaa fi dirqisiisaa jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *