YA K K I K E E S S A N H I N D A G A T A M U Yeroo suuraalee kana arginu gaaga’ama lubbuu, qaamaa hir’atuu, dhabamuu fi achibuutee wallaaluu waggoottan jaroota kanaa keessa Oromoo mudatetu sammuu namaatti dhufa. Yeroo suuraalee kana ilaallu qabsaawota Oromoo, sabboontota Oromoo, barattoota Oromoo, qeerroo fi
YA K K I K E E S S A N H I N D A G A T A M U
Yeroo suuraalee kana arginu gaaga’ama lubbuu, qaamaa hir’atuu, dhabamuu fi achibuutee wallaaluu waggoottan jaroota kanaa keessa Oromoo mudatetu sammuu namaatti dhufa.
Yeroo suuraalee kana ilaallu qabsaawota Oromoo, sabboontota Oromoo, barattoota Oromoo, qeerroo fi qarree Oromoo, qonnaan bultoota, daldaltoota, abboota qabeenyaa Oromoo, maanguddoota hawaasa biratti kabajaa fi fudhatama qaban, barattoota Oromoo dhibbootaan manneen barnootaa irraa dabaan ari’ataman dabalatee waa hedduutu sammuu keenyatti dhufa.
Jarri kun osoo biyya seerrii fi mootummaan ummataa jiru keessa jiru ta’ee silaa yoona bifa kanaan gaafatama seeraa tokko malee qoma dhiibanii, garaa baasanii ummata bara bulchiinsa isaanii haala gaddisiisaa fi rifaasisaan tooftaa fi mala adda addaan fixaa turan Oromoo fuul-duratti hiriiranii hin mul’atan turan.
Kumaa Dammaqsaa, Abbaa Duulaa Gammadaa, Muktaar Kadir, Shimallis Abdiisaa fi kanneen biraa hafan martuu karaa fedheenuu Oromoof qulqullaawoo miti. Meeshaa diinaa ta’anii sirna Wayyaanee jiraachisuuf waggoota 27 oliif muudama aangoo TPLF irraa itti kennameen baroota bulchiinsa isaanii hunda keessatti yakkoota gugurdoo akka sabaatti Oromoo irratti raawwataniiru. Har’a bifa kanaan hiriiranii suuraa ka’anii Oromootti of mul’isuuf hamilee isaa itti qabaachuu hin danda’an.
Kumaa Dammaqsaas tahu Abbaa Duulaa Gammadaa, Juneeydiin Saaddoos tahu Muktaar Kadir achi irraa Shimallis Abdiisaa harki isaanii dhiigaan faalamaa dha. Dhiiga ijoollee Oromootu harka isaanii irra jira.
Qabsoo Oromoo of duuba deebisuuf, sochii barattootaa fi qeerroo Oromoo kolaasuuf, ajajaa fi qajeelfama wayyaanee irraa fudhataniin humnaa fi dandeettii qaban hundaan duulaa turan. Kanaanis lubbuu baay’ee bal’eessaniiru; akkasumas qaamaa hir’isaniiru. Lakkoobsi isaanii kan hin beekamne hidhaatti guuranii jireenya itti busheessaniiru. Ajjeesanii bineensa nyaachisaniiru.
Gumaan Daraaraa Kafanii, Jaal Nadhii Gammadaa, Jaal Guutamaa Hawaas, Gaaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Eebbisaa Addunyaa, Hacaaluu Hundeessaa, Jaal Battee Urgeessaa fi kkf harka lukkeelee kanaa jira.
Gariin isaanii qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu xiqqeessaa, irrattis duulaa, kaan isaanii sochii Fincila Diddaa Gabrummaa busheessaa, gariin ammoo barattoota Oromoo dhibbootaan Yunversitii irraa ari’uu fi hidhuun itti xiqqaata; sichi kana caalaa goona jechuun itti dhaadataa, garii ammoo humna waraanaa wayyaanee/TPLF barattoota, qonnaan bultootaa fi waliigalatti ummata Oromoo gaaffii mirgaaf karaatti bahe rasaasaan fixe galateeffachaa yakka irratti yakka raawwataa kanneen sirna gabrummaa tajaajilaa turanii fi jiranii dha.
Maqaa jijjiirrataa OPDO hanga PP jedhuutti of momoggaasaa har’a gahanis hojii fi yakki isaanii tokkichuma isa kaleessa wayyaanee jalatti Oromoo miidhan waan ta’eef, isaan har’a PPn if yaamanis isa kaleessaa irra hammaatanii hojii badiisaa Oromoo irratti raawwataa jiran.
Isaan kanatu har’a nama nagaa fi qulqulluu fakkaatee hiriiraan suuraa ka’ee Oromootti of mul’isa. Gochii fi yakki isaanii waan dagatame itti fakkaatuu danda’a ta’a. Kun garuu tasumaa waan dagatamu miti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *