Lafti Oromoo Lafee Oromoo ti! Ibsa ABO

Lafti Oromoo Lafee Oromoo ti! Ibsa ABO

Lafti Oromoo Lafee Oromoo ti!

Lafti Oromoo Lafee Oromoo ti! Ibsa ABO

Lafti Oromoon bara baraan irra jiraataa ture, Oromiyaan qe’ee Oromooti. Addatti Maddi Walaabuu qe’een haaroomsa Gadaa Oromoo, Lafti wayyoomaa fi Wayyuu, Dacheen eebbaa, Teessumni abbootii Gadaa Oromoo wiirtuu siyaasaa fi hawaasummaa ummata Oromoo bal’aati.

Maddi Walaabuu iddoo Oromoon itti of ijaaree, gadaa isaa itti haaroomsee, bilisummaa, birmadummaa fi walabummaa deefachuuf itti of ijaaraa ture qe’ee kabajaa (ulfaa) lafee Oromooti. Oromoon lafa isaa lafee isaan tikfata; kanaafis lola daangaa daangatti eenyummaa lafaa fi lafee isaaf itti dhufu cufaaf wareegamaa as gahe.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n tibba kana lafti Oromoo burqaan Gadaa fi Aadaa Oromoo Maddi Walaabuu Obboloota keenya daangaa Oromiyaa kibba Bahaa jiran ummata naannoo Sumaaleen sarbamuu gaafa dhageenyuu fi arginu seenaa hawaasummaa, Obbolummaa fi waliin jireenya Olooma gaarii qabnutti danqaa tahuu dha jennee amanna.

Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee Ona Madda Walaabuutti jiraattonni naannoo Sumaalee babal’ifannaa lafaaf humna Addaa Sumaalee gargaarsifachuun gaafa Gurraandhala 2, 2025 irraa eegaluun lola meeshaa gurguddaa fayyadamuun kallattii hedduun taasisaniin daangaa Oromiyaa bakka addaa Boolla Gaandaa jedhamu irraa ummata Oromoo buqqisuun Lafa KM hedduu akka qabatan Addi Bilisummaa Oromoo mirkaneeffateera.

Weerarri qindaawaan humni Addaa naannoo Sumaalee hidhate ummata Oromoo meesha maleeyyii irratti meeshaa gurguddaa akka Diishqaa itti dhukaasuun qe’ee isaa irraa buqqaase kun ifatti mootummaa naannoo Sumaaleen deeggarsi godhameefii kallattii 7 yeroo walfakkaataa waraana ummata irratti akka banan mirkaneeffanneera. Hulaan torban Oromoo ittiin Weeraran kunneenis, Dirree Luuccaa, Hara Battuun, Madalee Qarsaa, Qarsaa Duulaa, Luuccaa Cancafee, Weelmal, Gannaalee fi Madda.

Erga lolli guyyoota lamaaf tahee namaa fi qabeenyaa gaaga’ee booda, Gurraandhala 04, 2025 Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Maddaatti humna Sumaalee hidhatee fi Oromoo jidduu seenuun walakkaa saa’atii daqiiqaa 30f yeroof waraana dhaabuuf yaalee naannoo gadhiise akka bahe iyyaafanneerra. Gama mootummaa naannoo Oromiyaan daangaa Oromoo tiksuuf sochiin taasifame tokkollee hin turre. Ilmaan Oromoo humna Addaa Sumaaleen rukutaman sababa waraanaaf akka itti mana wal’aansaas geeffaman dhabuun dirretti akka du’aa fi jiruu jidduu jiranis quba qabna.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n Mootummaa federaalaas tahee mootummaan naannoo Oromiyaa tahe jedhanii Oromiyaa daangaa naannolee biroon wal daangessan irratti weerara babal’ifannaa lafaaf jecha weerartootni taasisan itti birmatanii nagaa buusuun tasgabbeesuun hanqannaan ummataa fi ummata walitti buusanii dantaa siyaasaaf akka oolfataa turanii fi jiran amanna.

Qaamni ani mootummaa dha ofiin jedhu sadarkaa naannoo hanga federaalaatti ummata obbolaa lamaan wal afoo dhaabuun badii dhalchu kamiifuu gaafatama jalaa hin bahu. Addatti Bulchiinsi Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hooganamu ummata Oromoo ofii bulcha jedhu yeroo daangaan isa sarbamuu fi ummanni wabii nageenyaa dhabee qe’ee isaa irratti weerartootaan buqqaafamuuf fi ajjeefamu golgaa tahuufii hanqachuun cal jedhanii ilaaluun yakka seeraa fi seenaanis wal nama gaafachiisuu dha; gaafatama jalaa isin hin baasu.

Akka kannan, naannolee Daangaa Oromiyaan wal daangessan, Kaaba Oromiyaan ummata Oromoo Walloo fi giddu gala Oromiyaa Salaaleen yeroo Finxaaleyyiin Faannoo Amhaaraa ofiin jettu gandoota hedduu toohatan cal’isuun, Lixa Oromiyaa Godinoota Hoorroo Guduruu Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaan Faannoon Gandeen hedduu toohatan cal jechuun, Baha Oromiyaa Harargee fi Dirre Dhawaa, Kiibba Baha Oromiyaa Baalee fi Kibba Oromiyaa Booranaan yeroo Hidhattonni Sumaalee dangaa Oromiyaa sarbanii Oromoo buqqisan qaamni ani mootummaa federaalaati ofiin jedhuu fi bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaati ofiin jedhu nagaa fi tasgabbii buusuu diduun ummataa fi ummata walitti buusuun waliin jireenya ummattootaa booressuu caalatti dantaa siyaasa isaanii caalchifatnii akka ummata wal ficisiisaa jiranitti ammanna.

Gama biraan tibba kana, Amajjii 25 bara 2025 Heerri Aadaa gosa Issaa (UNESCO) tti galmaa’uun wal qabatee iddoo walgahii hooganoonni mootummoota Federaalaa fi naannolee jiranitti maanguddoonni Somaalee haasaa taasisaniin magaalaan Dirree Dhawaa Magaalaa Somaalee tan gosa Gurguraa akka taate ibsuun bulchinsa mootummaa naannoo Somaalee jala akka galtu yeroo gaafatan suursagalee miidiyaalee irra deemaa ture irraa arginee dhageenyyeerra.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n qaamolee bulchitoota mootummaa tahe jedhanii ummata Oromoo fi Sumaalee obbolaa fi ollaa lameen walitti buusuun dantaa siyaasaaf oolfataniin tokkummaa, jaalallii fi waliin jireenyi hawaasummaa ni cima jennee amanuu baannus, Mangudoonni keenya Sumaalee gaaffiin Dirre Dhawaan kan Sumaalee tahuu qabdi jedhan ummata seenaa dheeraa waliin qabu lamaan kan wal dura dhaabuu fi badii dhalchu tahuu bartanii gaafatama seenaa jalaa waan isin hin baafneef ollummaa fi obbolummaaf jecha daba seenaa hojjachuu irraa ni dhaabbattan jennee abdanna.

Ummanni Sumaalee bal’aanis rakkoo Oromoo fi Sumaalee giddutti dhalatu kamiifuu dirqama obbolummaa fi waliin jireenya hawaasummaa seenaa duubbee dheeraa waliin qabnuu ilaaluun, badii fi balleessaa gama keessaniin tahuuf gaafatama seenaa jalaa akka baataniif Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n kabajaa fi jaalala obbolummaan isin hubachiisa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 6, 2025

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO